Sofonias 2
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Cubbuu Irraa Deebi'uu
1Isin gosa qaanii hin qanne, wolitti qabama'aa, wolitti dacha'a'a! 2Akka huura qilleensaan haxowamuu adoo hin haxowamin, mufiin Mootii Waan Maraa ta akka ibiddaa bobeettu adoo isinitti hin dhufin, guyyaan mufii Mootii Waan Maraa jabaan adoo isinitti hin dhufin wolitti qabama'a! 3Isin worri gad ifi qabee lafa irra le'u, ka ajaja isaatiif ajajantanu, hujii balchittii huja'a; Mootii Waan Maraa duratti ifi gad qaba'a! Guyyaa mufii isaa san isin hin milixxan fa te'a.
Muraa Gosa Biyya Adda Addaa Ta Adaala Yerusaalemiititti Murantu
4Qachaan Gaaza'aatii fi Ashiqalonii duwwaa hin te'an; kolbaan Ashidoodii orra'aan oofamanee hin bayan, kolbaan Eqroonille qachaa ifii keessaa hin oofaman. 5Ee, worra abbaayaa qarqaraa gosa Keretii isiniif aanne'e! Ee, Kana'aanii lafa Filisxeemotaa, «Ani isin hin balleessa; nami tokkolle hin hafu» ka jedhu, jechi Mootii Waan Maraa isin irratti dubbatameera. 6Latti teessan ta abbaayaa qarqaraa addee horiin dheeedu, kaloo tissitootaatii fi gooree hooloti itti galanu hin teeti. 7Sanyiin Yihuda'aa baraareen hatte lafa abbaayaa qarqaraa teeti san hin qabatan. Horiin isaanii achi hin dheedan; tissitooti halkan mana worra Ashiqalonii keessa hin bulan. Mootiin Waan Maraa Waaqi isaanii isaaniif hin yaadata; worra isaan duraa booji'amelle isaaniif hin deebisa.
8Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara dade, «Ani murgoo worra Mo'aabii, arraba worra Amooniille ka isaan kolbaa tiyya arrassanee, lafa isaanii qabatiisaaf itti kooranelle dhage'eera. 9Tanaaf, ani dhugumaan jiraata'a; worri Mo'aabii akka worra Sodoomii worri Amooniille akka worra Gomora'aa addee midhaan ijjumaa itti hin lannee fi addee boolla sooddaa, addee haga bara baraa diigante hin te'an; kolbaan tiyya worri lubbu'uun hafe karra isaanii hin saaman; lafa isaanille hin dhaalan» jedha.
10Kolbaan Mo'aabiitii fi Amoonii kolbaa Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara dadee irratti murganee waan kooraneef gatii koora ifii hin dhaggatan. 11Mootiin Waan Maraa waaqota dharaa ka lafa isaanii mara yennaa balleessu, isaan biratti ka sodaatame hin te'a; gosi biyya adda addaa ta cinaa abbaaya'aatii fi oddoolotaa marti tokko tokkoonuu addee jiranutti isaaf hin sagadan.
12Isinille, ee worra Itoophiya'aa! Shallaagaa kiyyaan hin ijjeefantan.
13Inni hunna ifiitiin worra kaabaa Asoor hin balleessa; Nanawweelle onsee akka goomole'ee hin gossa. 14Hori'ii fi bineensoti adda addaa achi hin ciisan; urungu'uu fi harraaqessi utubaa isi'ii irra hin bulan; qoonqoon isaaniille karaa foddaa manaatiin hin dhage'ama; karaa balbalaatiin kosiin hin tuulama. Utubaan dareeraa ka hindheensaa duwwaa hin hafa. 15Qachaan kun ka nageyaa fi gammadaan le'u; ka ifiin, «Ana malee nami dhibiin hin jiru» jedhee yaade, amma ammoo attamiin addee ona bineensi keessa le'u te'e? Worri karaa san dabaru martinuu, harka ifii ol qabee itti hin murga.

Você sabia?
Julgamentos sobre as Nações Vizinhas
- Sofonias lista quatro das cinco principais cidades filisteias — Gaza, Asquelom, Asdode e Ecrom —, situadas ao longo da costa do Mediterrâneo. Ele profetiza que esses povoados marítimos movimentados se tornarão pastagens tranquilas e currais para o remanescente sobrevivente de Judá.Fontes: o próprio texto bíblico · Gaza · Ashkelon · Ekron
- O capítulo pronuncia julgamento em todas as direções ao redor de Judá: os filisteus a oeste, Moabe e Amom a leste do Jordão, Cuche ao sul e a Assíria ao norte. Moabe, localizada a leste do mar Morto, é advertida de que seu orgulho e afrontas transformarão seu território em uma terra desolada de poços de sal e ervas daninhas.Fontes: o próprio texto bíblico · Moab
- Sofonias retrata a orgulhosa capital assíria de Nínive como uma futura ruína onde criaturas selvagens descansam e corujas se aninham no topo dos pilares de seus edifícios de cedro expostos.Fontes: o próprio texto bíblico
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Lugares deste capítulo
- Ashdod · Hoje: Tel Ashdod · 31.757, 34.658 · versículo 4
- Ashkelon · Hoje: Tel Ashkelon · 31.664, 34.546 · versículos 4, 7
- Ekron · Hoje: Tel Miqne · 31.777, 34.852 · versículo 4
- Gaza · Hoje: Tell Harube · 31.504, 34.464 · versículo 4
- Canaan · 32.767, 35.333 · versículo 5
- Crete · 35.310, 24.893 · versículo 5
- Ammon · 31.955, 35.934 · versículos 8, 9
- Moab · Hoje: Moab 1 · 31.181, 35.701 · versículos 8, 9
- Assyria · 36.359, 43.153 · versículo 13
- Nineveh · 36.359, 43.153 · versículo 13
Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org