Nations Bible

Sofonias 3

Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.

Cubbuu Yerusaalemiitii Fi Wodoo Yerusaalemii

1Qachaa Yerusaalemii cubbicha, batticha nama cunqursuuf aanne'e! 2Inni namaaf hin dhage'u; gorsa namaa hin fudhatu; Mootii Waan Maraatitti hin addatu; gara Waaqa ifiille hin dhikaatu. 3Qondaaltoti isaa akka neenqa dhangaa dhowuu ti; abbootiin mura'aa ta isaalle akka yayyii galgalaa ta womaa boruuf hin hamburannee ti. 4Raagoti isaa koorameeyyi'i; isaan worra hin addatanne; hayyooti isaa waan woyyuu te'e batteessan; seeralle hin dassan. 5Mootiin Waan Maraa balchichi ammoo isa keessa jira; inni dokonkora hin qabu; inni ganama mara muraa dhuga'aa mura; guyyuma guyya'aan hin dadhabu; dabaaleyyiin ammoo qaanii hin beekanu.

6Mootiin Waan Maraa, «Ani gosa biyya adda addaa balleesseera; Xelleephoo isaanii diigeera; karaa isaanii akka nami tokkolle irra hin ideenne duwwaa godheera; qachooti isaaniille onee ka nami tokkolle keessa hin jirre te'aneeran. 7Ani, ‹Dhugumaan qachaan Yerusaalemii na hin sodaata; adabbii tiyyalle hin fudhata; worri achi keessa jiranulle ijjumaa hin badanu; adabbiin tiyya martille isaan hin dhaqqaddu› jedheeraayyu; qachaan sun ammoo ammalle hujii hantuu san hujiisaaf dharraa qaba.

8«Tanaaf ani Mootiin Waan Maraa, ‹Guyyaa ani dhugaa baasiisaaf ka'u sanitti na eegadha'a! Ani gosa biyya lafaa wolitti qabiisaaf, mootummootalle wolitti raree, aarii tiyya ta bobeettu maraayyuu isaan irratti dhangalaasiisaaf murteeffadheera; biyyi lafaa martinuu hinaaffaa tiyya ta akka ibiddaatiin hin gubatti› jedheera.

9«Yennaa san ani kolbaa gosa biyya adda addaa mara maqaa kiyya akka waamanu, harka wol qabatanee akka ana tajaajilanu dubbii qullittii akka dubbatanu isaan hin godha. 10Kolbaan tiyya worri bittinnowe, na waaqonfatiisaaf, lagoota Itoophiya'aa gamaa, kennansa naaf hin fidan. 11Guyyaa sanitti ani worra koora ifiititti gammadu odduu teessanii waan baasuuf, isin waan na yakkitane san maraaf hin qaanottanu; gaara kiyya woyyicha irrattille haganaa achi ifi hin saaddanu. 12Kolbaa gad ifi qadduu fi ta hin koorre, ta ana Mootii Waan Maraatitti addattu ammoo isin oddu'utti hin hambura; 13Israa'elooti worri hafane haganaa achi hin yakkanu; dharalle hin dubbatanu; namalle hin sobanu; isaan nyaatanee hin irkatan; ka isaan sodaachisulle hin jiru» jedhe.

Faaruu Gammadaa

14Ee gumii Xiyoonii, faarfadha'a;

ee kolbaa Israa'elii iyya'a!

Ee kolbaa Yerusaalemii,

gadhaa tokkochaan gammadaan ilillisa'a!

15Muraa isinitti murate san

Mootiin Waan Maraa isin irraa kaaseera;

diinota keessanille si irraa deebiseera;

Mootiin Waan Maraa mootiin Israa'elii

isin woliin waan jiruuf,

haganaa achi miidhaa tokkolle hin sodaattanu.

16Guyyaa sanitti namooti Yerusaalemiin,

«Ee Xiyoon hin sodaatin!

Harki keeti hin laashowin!

17Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti si woliin jira;

hunni isaa injifannoo sii kenniti;

inni guddoo sitti hin gammada;

jaalala ifiitiin jiruu teeti hin haaressa;

inni faaru'uun si'itti hin gammada» hin jedhan.

18Mootiin Waan Maraa ammalle,

«Akka kolbaa guyyaa jilaa gammadduu,

si gammachiisa.

Ani muraa isin irratti ba'aa teete isin irraa hin kaasa.

19Ani yennaa sanitti

worra isin cunqursu

maraayyuu hin adaba;

worra naafa hin fayyisa;

worra bittinnowelle wolitti hin qaba.

Qaanii isaanii gara ulfinnaa jijjiiree,

biyyi lafaa duudiin isaan hin leellitti.

20Yennaa sanitti ani wolitti isin qabee,

biyya teessanitti isin hin galcha;

boojuu teessan,

adoo isin ilaaltanuu

isiniif hin deebisa.

Ani kolbaa gosa adda addaa ta lafa irraa mara oddu'utti,

ulfinnaa fi leellisa

akka dhaggattanu isin hin godha» jedha.

Ilustração artística — interpretação, não registro histórico.

Você sabia?

Julgamento, humildade e alegria em Jerusalém

  • Sofonias denuncia a corrupção entre as classes dominantes de Jerusalém, comparando seus príncipes a leões rugidores, seus juízes a lobos do entardecer e seus sacerdotes a violadores da lei sagrada. Em contraste, o capítulo retrata Deus como plenamente justo no meio da cidade, aplicando a sua justiça a cada manhã sem falhar.Fontes: o próprio texto bíblico
  • A profecia antecipa uma restauração global em que os povos invocam ao Senhor com lábios puros, incluindo adoradores que trazem ofertas de além dos rios de Cuxe, uma região situada ao sul do Egito. O texto enfatiza que os que permanecerem não serão soberbos, mas um remanescente manso e humilde que confia em Deus.Fontes: o próprio texto bíblico · Cush
  • Jerusalém é chamada de Filha de Sião, em referência à colina proeminente sobre a qual Davi construiu sua cidadela e que se tornou um nome simbólico para a cidade santa. Em vez de enfrentar medo e opróbrio, a comunidade é convocada a celebrar com alegria à medida que seus cativos são reunidos e restaurados.Fontes: o próprio texto bíblico · Zion · Jerusalem

Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.

Lugares deste capítulo

  • Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículos 1, 7, 11, 14, 16
  • Cush · Hoje: Cush 1 · 16.935, 33.751 · versículo 10
  • Zion · Hoje: Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículos 14, 16, 18

Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Fale com a gente

Conte de onde você lê, como a Bíblia tem te ajudado ou o que podemos melhorar. Lemos todas as mensagens.