Apocalipse 17
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Sagaagaltuu Guddittii
1Ergantoota Waaqaa torba ta muduunuu torba qaddu keessaa tokkochi dhufee anaan, «Koy, muraa sagaagaltittii gudditti'ii, ta bisaan hedduu irra teeteertuu sitti mudhisa. 2Moototi lafa tanaa isii woliin sagaagalteerti; worri lafa irra le'ulle daadhii woyni'ii ta sagaagala isi'iitiin machoweera» jedhe.
3Achiin duuba ergamaan Waaqaa sun gara lafa goomole'ee Ayyaanaan na geesse; achille'etti dubartiin takka, bineensa diimaa ka nafi isaa duudiin maqoota faansho'ootiin guutameeru, ka mataa torbaa fi gaafa kudhan qabu irra teeteertuun dhagge. 4Dubartittiin sun woyaa dhiille'ee fi diintuu uffattee, worqii, dooqaa fi dhakaa gatii guddo'oo naqattee, ifi seefatteerti; harkalle'etti muduunuu worqi'iin hujante, ta waan diqachiisuu fi battii sagaagala isi'iitiin guutanteertu qaddiiyyu. 5Maqaan dhossa'aa ka, «Baabilonii guddittii, haadha sagaagaltootaatii fi battoota lafaa» jedhu adda isi'ii irratti barreeffameera. 6Dubartittiin sunille, dhiiga woyyootaatii fi dhiiga dhugaa baatota Yesuusiitiin machootteertuun dhagge; ani yennaa isii dhagge akka malee baaseffadhe. 7Achiin duuba ergamaan Waaqaa, «Maaf baaseffatta? Dhossaa dubartitti'iitii fi bineensa isiin irra teetteertuu, ka mataa torbaa fi gaafa kudhan qabuu san, ani sitti hima. 8Bineensi ati dhaggite sun duri jira, amma ammoo hin jiru; boolla qilee keessalle'ee ol bayee, gara badii ifii hin deema. Haga biyyi lafaa dadantee jalqabee, worri maqaan isaanii kitaaba jiru'uu keessatti hin barreeffamin, worri lafa irra le'anu akka bineensichi duri jiru, amma ammoo akka hin jiraatin, deebi'eelle akka dhufu, yennaa dhagganu hin baaseffatan.
9«Wonni tun qalbii qaruu qaddu barbaaddi; mataan torba sun gaara torba dubartittiin irra teettu; isaan sunille mootota torba. 10Isaan keessaa shan jiganeeran; tokkochi hin jira, ka dhibiin haga ammaa hin dhunne; yennaa dhufu ammoo yennaa diqqoo qofaaf turuu qaba. 11Bineensi duri jiru, ka amma ammoo hin jirre sun, mooticha saddeetesso'oo ti; innille mootota torba san keessaa tokko; gara badi'iille hin deema.
12«Gaafi kudhan ati dhaggite sun, mootota kudhan ta haga ammaa mootummaa hin fudhatin; te'uu malee saatii takka'aaf, bineensa san woliin mootota te'anee mowiisaaf baallii hin fudhatan. 13Isaan yaada tokko qaban; hunna ifiitii fi baallii ifii bineensa saniif hin kennan. 14Isaan Hoolicha hin lolan; Hoolichi ammoo Goottaa goottotaatii fi mootii moototaa waan te'eef, isaan hin mowata. Worri isa woliin jiru, worri waamame, worri filamee fi worri addatamelle isa woliin hin mowata» jedhe.
15Ergamaan Waaqaalle anaan, «Bisaan hedduun sagaagaltittiin irra teetteertuun ati dhaggite sun kolbaa hedduu, namoota bindillaa, gosa biyya adda addaatii fi afaan adda addaa ti. 16Bineensii fi gaafi kudhan ati dhaggite sun sagaagaltittii san hin jibban; isaan isii onsanee qullaa lakkisan; foon isi'ii hin nyaatan, ibiddalle'een isii hin guban. 17Haga Jechi Waaqaa muummowu, karoora isaa akka muummessanuu fi yaada tokko te'anee baallii ifii bineensa saniif akka kennanuuf, ka yaada kana gadhaa isaanii keessa keye Waaqa. 18Dubartittiin ati dhaggite sunille, qachaa akka malee guddaa te'e ka mootota lafaa irratti mootomu» jedhe.
Você sabia?
O mistério de Babilônia, a Grande
- Um nome misterioso está escrito na fronte da mulher: Babilônia, a Grande, mãe das prostitutas e das abominações da terra. O anjo explica que a mulher é a grande cidade que governa os reis da terra.Fontes: o próprio texto bíblico
- Um verbete sobre o lugar registra Babilônia como a forma grega de Babel, e a forma semítica Babilu como significando "A Porta de Deus". Diz também que, nas tábuas assírias, o nome significa "a cidade da dispersão das tribos". O mesmo verbete situa a cidade no Eufrates, cerca de duzentas milhas rio acima da confluência desse rio com o Tigre.Fontes: Babylon
- O anjo interpreta imagens da visão. As águas onde a prostituta está sentada são povos, multidões, nações e línguas. As sete cabeças são sete montes sobre os quais a mulher se assenta; o texto também fala de sete reis, e os dez chifres são dez reis que ainda não receberam um reino.Fontes: o próprio texto bíblico
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Lugares deste capítulo
- Babylon · Hoje: Rome · 41.892, 12.485 · versículo 5
Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org