Apocalipse 18
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Jigiisa Baabilonii
1Kanaan duuba ergamaan Waaqaa ka baallii guddoo qabu ka dhibiin ol-gubbaa irraa gadi bu'uun dhagge; calalaqa ulfinna isaatiin ta kaate latti itte. 2Innille qoonqoo guddo'oon iyyee:
«Baabiloniin guddittiin jidde! Jidde!
Isiin mana durriisotaa,
addee ayyaanni battichi mara itti baqatu,
addee sinbirreen battitti'ii fi diqachiittu marti
itti qubatu teete!
3Gosi biyya adda addaa marti, daadhii woyni'ii
ta sagaagala isi'ii waan unteertuuf,
moototi lafa irraa isii woliin sagaagalaneeran;
daddaltooti lafa irraalle qananummaa hunna isi'iitiin ta kaate
duroomaneeran» jedhe.
4Achiin duuba qoonqoo dhibii ol-gubbaa irraa dhage'e; isiille:
« ‹Kolbaa tiyya! Cubbuu isi'ii keessaa akka harka hin qabaanne,
balaa isi'iille akka hin qoodanne,
isii keessaa baya'a!
5Cubbuun isi'ii haga ol-gubba'aa waan tuulanteertuuf,
Waaqi yakkaa isi'ii qaabateera.
6Haga isiin isinii kennite, deebisa'aatii kenna'aaf,
waan isiin gootelle'eef
dachaa lama deebisa'aatii godha'aaf!
Muduunuu isiin itti bulbultetti,
harka lama xiyya godha'aatii bulbula'aaf!
7Qixxee isiin ulfinna ifiif kennitee, qanannumma'aan leete,
farraa fi gadda kenna'aaf.
Isiin gadhaa ifii keessalle'etti, ‹Ani mootittii te'eera;
ani haadha hiyyeessaatii moti;
ijjumaa hin gaddu› ifiin jetti.
8Tanaaf balaan isi'ii hedduun:
duuti, gaddaa fi beelti,
guyyuma tokkotti itti hin dhufan.
Waaqi Goottaan isi'itti muru hunnaamessa waan te'eef
isiin ibiddaan hin gubanti.
9«Moototi lafa irraa ta isii woliin sagaagaltee fi qananumma'aan leete, aara yennaa isiin gubattu aaru yennaa dhaggane, isi'iif waacifanee bowan. 10Farra isi'ii kanalle sodaatanee, fagoo dhaabbatanee, ‹Qachaa gudda'a, si'iif aanne'e! Aanne'e! Qachaa Baabilonii hunnaamessa, muraan teeti saatii takkaa keessatti dhutteerti› jedhan.
11«Nami haganaa achi fe'iisa isaanii bitatu waan hin jirreef, daddaltooti lafaalle isi'iif waacifanee bowan. 12Fe'iis sunille: Worqii, meetii, dhakaa gatii guddo'oo, dooqa, woyaa miila talba'aa irraa hujante, woyaa dhiillee, woyaa haarri'ii, woyaa diintuu, muka uddowu mara, waan ilka arbaa irraa, muka gatii guddo'oo irraa, sageettuu irraa, sibiila irraa fi waan dhakaa adii irraa hujame mara, 13qarafaa, qimamii, hixaana, qumbii, uddowaa iffataa, daadhii woyni'ii, zayitii ejersaa, bullaa, qamadii, loon, hoolee, fardoo, garreettota fardaan harkifamanu, garboole'ee fi namoota.
14«Daldaltootille isi'iin, ‹Wonni dansaan ati halchite si irraa bayyatteerti; durumma'aa fi ulfinni keeti mara badeera; deebi'eelle hin dhufu› jedhan. 15Daddaltooti waan kana gurgurataa isi'iin duroomane farra isi'ii sodaatanee fagoo dhaabbatan; waacifaa bowaa, 16qoonqoo guddo'oon iyyaa:
« ‹Qachaa guddicha,
woyaa quncee talba'aa irraa hujante,
woyaa dhiille'ee fi diintuu uffataa tureef,
ka worqi'ii fi dhakaa gatii gudda'aa,
dooqalle naqataa tureef aanne'e! Aanne'e!
17Saatii takkaa keessatti
durummaan sun duudiin badde!› hin jedhan.
« ‹Worri hoboloo guddittii ajaju, worri hoboloo gudditti'iin ideemu, worri hoboloo guddittii keessa huju, worri abbaayaa irratti daddaliisaan le'anu duudiin irraa fagaatanee hin dhaabbatan. 18Qachaan kun gubatuun aara bawu yennaa dhaggane, «Qachaan guddaan qachaa kana fakkaatu ka biraa hin jiraayyuu?» jedhan. 19Bukuu mataa ifii irratti firfirsanee, waacifaa bowaa,
« ‹Qachaan guddichi
ka worri abbaayaa irratti
hoboloo guddittii qabanu duudiin,
karra isaatiin duroomane,
saatii takkaa keessatti waan badeef
aanne'e! Aanne'e!› jedhaa iyyan.
20« ‹Ol-gubba'a, badii qachaa kanaatitti gammadi!
Waan Waaqi marroo teessaniif itti mureef,
isin kolbaan Waaqaa,
ergantootii fi raagoti,
gammada'a!› jette» ta jettu.
21Kanaan duuba ergamaan Waaqaa jabaan tokko dhakaa akka dhakaa daaku'uu guddaa tokko fuudhee abbaaya'atti darbee:
«Qachaan Baabilonii guddichi
akkas hunnaan qolaanfamee,
gad darbama,
deebi'eelle hin dhaggamu!
22Qoonqoon worra kiraara guddicha dhowuu,
qoonqoon worra weeddisuu,
ka worra susulle'ee fi tultullaa afuufuu,
deebitee si keessatti hin dhage'antu.
Ogeeyyiin hujii adda addaa hujju,
deebitee si keessatti hin dhaggantu.
Qoonqoon dhakaa daaku'uulle,
deebitee si keessatti hin dhage'antu.
23Ifi issa'aa,
deebi'ee si keessatti hin ifu.
Qoonqoon waajibichaatii fi waajibitti'ii,
deebitee si keessatti hin dhage'antu.
Daddaltooti keeti
namoota gugurdoota biyya lafaa ti.
Ati xanoo teetiin kolbaa duudii
dokonkorsiteerta.
24Dhiigi raagotaatii fi
kolbaa Waaqaa,
ka worra lafa irratti ijjeefamee duudiin,
qachaa Baabilonii keessatti dhaggameera» jette.

Você sabia?
A queda da grande Babilônia
- “Babilônia”, neste capítulo, é a forma grega do nome Babel. Um dicionário bíblico apresenta a forma semítica Babilu, que significa “a porta de Deus”, e observa que as tábuas assírias a chamam de “a cidade da dispersão das tribos”. A mesma entrada situa a cidade junto ao Eufrates, cerca de duzentas milhas acima da confluência desse rio com o Tigre.Fontes: Babylon · o próprio texto bíblico
- O capítulo mostra a riqueza de Babilônia por meio de quem lucrava com ela. Os reis que viveram no luxo com ela, e os capitães de navio, marinheiros e outros que viviam do mar, ficam à distância e choram ao ver a fumaça do fogo que a consome. Os mercadores pranteiam porque já não há quem compre sua carga, que vai do ouro, da púrpura, da seda e das especiarias até o gado, os cavalos, os carros e escravos e almas de homens.Fontes: o próprio texto bíblico
- A queda é apresentada como súbita e definitiva. No coração, a cidade diz que se assenta como rainha, que não é viúva e que jamais verá pesar; o capítulo, porém, diz que morte, pesar e fome chegam num só dia e que ela é consumida pelo fogo, enquanto os que observam de longe clamam que o desastre chegou numa só hora. Um anjo poderoso lança ao mar uma pedra do tamanho de uma grande mó e declara que Babilônia será derrubada com a mesma violência e nunca mais será vista; cessam a música, o trabalho dos artesãos, o som da mó, a luz das lâmpadas e as vozes da noiva e do noivo.Fontes: o próprio texto bíblico
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Lugares deste capítulo
Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org