Apocalipse 16
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Muduunuu Mufii Waaqaa Torba
1Achiin duuba Galma Waaqaa keessaa, qoonqoon guddoon ergantoota Waaqaa torbaaniin, «Dhaqa'aatii, qorii mufii Waaqaa torba lafatti gadi naqa'a!» jettuun ani dhage'e.
2Ergamaan Waaqaa ka qaraa dhaqee qorii ifii lafatti gadi naqe; worra beessisa bineensaa ifi irratti qabuu fi worra fakki'iif sagade irratti madaan hantuun farrisiittu baate.
3Ergamaan Waaqaa ka lammeesso'oo, qorii ifii abbaayaa irratti gadi naqe; abbaayaan guddoon sunille akka dhiiga nama du'ee teete; wonni lubbuu qabanu ka abbaayaa san keessa le'anu mara du'ane.
4Ergamaan Waaqaa ka sadeesso'oo qorii ifii lagaa fi madda bisaanii irratti gadi naqe; isaaniille dhiiga te'ane. 5Achiin duuba ergamaan Waaqaa ka bisaan irratti baallii qabu dubbatuun dhage'e; inni,
«Ee, Woyyicha,
ka amma jirtuu fi durille jirtu,
waan akkas murteef,
ati sirri'i;
6isaan dhiiga woyyootaatii fi
raagotaa dhangalaasaneeran;
atille akka isaan dhiiga unanu gooteerta;
kun waan isaaniif male!» jedhe.
7Qoonqoon takkalle addee ciincaan itti ciinceffamu irraa,
«Ee, Goottaa Waaqa waan mara dandeettu,
muraan teeti dhuga'aa fi sirri'i»
jettuun dhage'e.
8Ergamaan Waaqaa ka arfeesso'oolle, qorii ifii aduu irratti gadi naqe; aduulle ibidda ifiitiin akka namoota woxaltuuf baalliin kennanteef. 9Isaanille finiina hama'aan woxalamane; isaan maqaa Waaqa balaa kana mara irratti baallii qabuu abaarane malee, cubbuu irraa hin deebine, ulfinnalle isaaf hin kennine.
10Ergamaan Waaqaa ka shaneesso'oolle, qorii ifii barcumaa mootummaa bineensaa irratti gadi naqe; mootummaan bineensaalle dukkanaan liqinfante; namootille farra irraa ta kaateen arraba ifii cicciniinane. 11Farraa fi madaa ifii irraa ta kaateen Waaqa ol-gubba'aa abaarane malee, hujii ifii hantuu irraa hin deebine.
12Ergamaan Waaqaa ka jayeesso'oolle, qorii ifii laga Efraaxiisii guddicha irratti gad naqe; mootota gara aduun baatuu dhufanuuf, akka karaan qophowuuf bisaan lagaa sun goge. 13Achiin duuba afaan jawwe'ee keessaa, afaan bineensaa keessaa fi afaan raagicha dharaamessaa keessaa, ayyaanoti battooti sad ka raacha fakkaatanu bayanuun dhagge. 14Isaan ayyaanota durriisaa, ka bilbaasota godhanu; ayyaanoti kun Guyyaa guddaa Waaqa waan mara dande'uutitti lola te'uuf, mootota wolitti qabiisaaf gara mootota biyya lafaa duudii dhaqan.
15«Kunoo, ani akka hattu'uu yennaa hin beekkanne dhufa! Nami akka qullaa hin teenee fi akka nafi fokkoo isaa hin mudhanneef, dammaqee, woyaa ifii eeggatu ka badhaadhe!»
16Ayyaanoti hamooti sun mootota san addee afaan Ibrootaatiin, «Armaagedoon» jedhantutti wolitti qabane.
17Ergamaan Waaqaa ka torbeesso'oo qorii ifii qilleensa irratti gadi naqe; barcumaa mootumma'aa ka Galma Waaqaa keessa jiru irraa, qoonqoon guddoon, «Muummotte» jettu baate. 18Achiin duuba balaqqeettiin balaqqitte, huuruun dhage'ante, mandiisuun mandiite, lattille akka malee tachoote; haga nami lafa irratti dadameen jalqabee tacho'i lafaa guddaan akkasii te'ee hin beeku. 19Qachaan akka malee gudddaan sun addee saditti gargar baye; qachaan guddaan gosa biyya adda addaalle diigame. Waaqi Baabilon guddoo qaabatee, muduunuu daadhii woyni'ii ta mufii jaddu'uun guutante keessaa akka untu tolche. 20Oddoolli marti baqatane; gaarotille dhabamane. 21Dhakaan bokkeyaa gugurdaan, ka tokkoon tokkoon isaa gara kiiloogiraama afurtamii shanii ulfaatu, gubba'aa gad namoota irra bubbu'e; balaan sun farrisiisaa waan te'eef, balaa dhakaa bokkeyaa saniin ta kaate, namooti Waaqa abaarane.

Você sabia?
As sete taças da ira
- O nome Armagedom aparece somente em Apocalipse 16:16, onde os reis se reúnem para a batalha; a Revised Version inglesa grafa Har-Magedon. O Easton's Bible Dictionary (1897) diz que a palavra significa propriamente monte de Megido e a trata como nome simbólico desse campo de batalha, imagem sugerida pelo grande campo de batalha do Antigo Testamento, a planície de Esdrelão.Fontes: Armageddon · o próprio texto bíblico
- A sexta taça é derramada sobre o grande rio Eufrates, e a água seca para preparar o caminho dos reis do Oriente. O Easton's Bible Dictionary deriva o nome grego Eufrates do persa Ufratush, com o sentido de água doce, e observa que o nome assírio significa a corrente ou a grande corrente. Na Bíblia, esse rio muitas vezes é chamado simplesmente de o rio (Êxodo 23:31) ou de o grande rio (Deuteronômio 1:7).Fontes: Euphrates · o próprio texto bíblico
- Quando a sétima taça é derramada, o texto diz que Deus se lembrou da grande Babilônia. O Easton's Bible Dictionary identifica Babilônia como a forma grega de Babel, a partir do nome semítico Babilu, a Porta de Deus, cidade que ficava às margens do Eufrates, cerca de duzentas milhas acima do ponto em que o rio encontra o Tigre.Fontes: Babylon · o próprio texto bíblico
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Lugares deste capítulo
- East · Hoje: region around Amman · 31.955, 35.934 · versículo 12
- Euphrates · Hoje: Euphrates River · 31.004, 47.442 · versículo 12
- Babylon · Hoje: Rome · 41.892, 12.485 · versículo 19
Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org