Lucas 6
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Gaaffii Marroo Guyyaa Sanbataa
1Guyyaa Sanbataa tokko Yesuus fichaa qamadi'ii keessa dabaruun, barattooti isaa mataa qamadi'ii kukkutanee, harkaan sukkuumatanee, nyaatane. 2Fariisaayoti gariin, «Isin waan Seerri keenna guyyaa Sanbataatiin hin tolchina'a jedhu, maaf tolchitan?» jedhanee gaafatane. 3Yesuus deebisee, «Daawitii fi worri isa woliin jiranu yennaa beelowane, waan inni tolche isin hin dubbinnee? 4Inni gara mana Waaqaa seenee, daabboo Waaqa dura dhikaattu, ta silaa hayyoota malee nami tokkolle akka hin nyaanne Seerri dhooggu fuudhee nyaatee, worra isa woliin jiranuufille kenne» jedheen. 5Achiin duuba Yesuus isaaniin, «Ilmi Namaa Goottaa Sanbataa ti» jedhe.
Yesuus Namicha Harka Laashoweeru Tokko Fayyise
6Guyyaa Sanbata dhibi'ii Yesuus gara Mana Waaqonfannaa Yihudootaa dhaqee barsiise. Namichi harka middicha laashoweeru tokko achi jira. 7Barsiisoti Seera Muuse'eetii fi Fariisaayoti gariin sababa Yesuus ittiin himatanu barbaadanee, akka inni guyyaa Sanbataatiin namicha fayyisu gaadane. 8Yesuus ammoo yaada isaanii beekee namicha harka laashoweeruun, «Ol ka'i, fuula nama maraa dura dhaabbadhu!» jedhe. Jennaan namichi ol ka'ee achi dhaabbate. 9Achiin duuba Yesuus isaaniin, «Ani isin gaafadha: Seerri keenna guyyaa Sanbataatiin maan akka tolchinu nu ajaja? Dansaa moo hamaa tolchuu? Lubbuu namaa fayyisuu moo balleessuu?» jedhe. 10Yesuus adaala isaanii mara ilaaleen duuba, «Namichaan harka keeti diriirfadhu» jedhe. Jennaan, inni harka diriirfatee, harki isaa deebi'ee fayye. 11Isaan akka malee aaranee Yesuus maan akka tolchanu mari'atane.
Yesuus Ergantoota Kudhanii Lamaan Filate
12Gaafa tokko Yesuus gara gaaraa ol bayee halkan san duudii Waaqa daadimataa bule. 13Yennaa latti bariite barattoota ifii gara ifii waamee, isaan keessaa worra kudhanii lamaan filatee, «Ergantoota» jedhee moggaase. 14Isaanille, Simoon ka inni Pheexroos jedhee moggaase, Indiryaasii obboleessa Pheexroosii, Yaaqoob, Yohaannis, Filiphoos, Bartolomewoos, 15Maatewoos, Toomaas, Yaaqoobii ilma Alfewoosii, Simoon ka, «Hinaatticha» jedhamee beekkame, 16Yihudaa ilma Yaaqoobiitii fi Yihudaa nama biyya keriyootii, ka Yesuus dabarsee kenne fa'a.
Barsiisiisaa Fi Dhibamaa Fayyisiisa Yesuusii
17Yesuus ergantoota woliin gaara irraa yennaa gad bu'e, barattoota ifii worra laakkossaan heddu'uu tokko woliin addee dirree takka dhaabbate. Gumiin hedduun ta Yihudaa keessaa mara, Yerusaalem keessaa, qachoota cinaa abbaayaa Xiiroosiitii fi Sidoon keessalle'ee achi jirti; 18isaan isa dhage'iisaa fi dhukkuba ifiille fayyiisaaf dhufane. Worri ayyaana hama'aan rakkatanelle fayyane. 19Hunni fayyittu isa irraa bayaa isaan mara waan fayyisiisatti jirtuuf, kolbaan marti harka ifiitiin isa tuqiisaaf wodhaante.
Gammadaa Fi Gadda
20Ahiin duuba Yesuus barattoota ifii ilaalee,
«Isin worri amma hiyyeeyyiin gammada'a;
mootummaan Waaqaa teessan!
21Isin worri amma beelottanu gammada'a;
hin quuttan!
Isin worri amma boottanu gammada'a;
hin kollitan!
22«Sababa Ilma Namaatiif, yennaa kolbaan isin jibbitee, isin fojjee, isin arrassitee gurra isin balleessite, gammada'a! 23Gatii guddoo ol-gubba'atti waan qaddanuuf yennaa wonni kun teete gammadaan burraaqa'a. Abbootiin isaaniille raagota akkasuma tolchite.
24«Isin worra amma dureeyyi'iif aanne'e;
ka isin gewu fudhattaneertan!
25Isin worra amma quuttaneef aanne'e;
hin beelottan!
Isin worra amma kolluuf aanne'e;
gadditanee hin boottan!
26«Yennaa kolbaan marti isin saadde isiniif aanne'e; abbootiin isaaniille raagota dharaa akkasuma tolchite.
Diinota Jaalachuu
27«Ani ammoo isin worra na dhageettanuuf hima: Diina keessan jaaladha'a, worra isin jibbuuf waan dansaa godha'a. 28Worra isin abaaru eebbisa'a, worra isin yakkulle'eef daadimadha'a! 29Yoo nami boqoo takkaa si dhabanaase, taanille itti garagalchi; yoo nami kootii teeti fudhate, shaamisiille hin dhooggatin! 30Nama si kadhatu maraaf kenni, nami tokko yoo waan keeti fudhate, akka inni si'iif deebisu hin gaafatin. 31Waan namooti dhibiin akka isinii godhanuuf barbaaddanu isinille isaaniif godha'a.
32«Worra isin jaalatu callaa yoo jaalattane, eebba maan dhaggattan ree? Cubbaaleyyiinuu worruma isaan jaalatu jaalatan. 33Worra waan dansaa isinii godhu calla'aaf yoo dansaa gootane, eebba maan dhaggattan ree? Cubbaaleyyiinuu akkuma san godhan. 34Worra akka isinii deebisu addattanu calla'aaf yoo liqeessitane, eebba maan dhaggatan ree? Waan liqeessane san deebi'anee fudhatiisaaf, cubbaaleyyiinuu cubbaaleyyi'iif hin liqeessan. 35Isin ammoo diinota keessan jaaladha'a, waan dansaalle isaaniif godha'a. Nu'uuf deebisan jettanee adoo hin yaadin liqeessa'a. Tana yoo gootane gatii guddoo hin dhaggattan, ijoollee Waaqa Ol Aana'aalle hin teetan. Inni worra galata hin qannee fi dabaaleyyi'iifille arja'a. 36Abbaan keessan ka ol-gubba'aa ka namaaf mararu akka te'e, isinille namaaf marara'a.
Namatti Muriisa
37«Namatti hin murina'a, Waaqille isinitti hin muru; yakkaa namatti hin murina'a, Waaqille yakkaa isinitti hin muru; namaaf araarama'a, Waaqille isiniif hin araarama. 38Namaaf kenna'a, Waaqille isiniif hin kenna. Safaraa dansa'aan, gad miicamee, gingilfamee, irraan danbalaafamee isinii hin kennama. Safaraa isin worra dhibi'iif itti safartanetti Waaqille isiniif safara» jedhe. 39Yesuus ittille mammaakee, «Ballaan ballaa sooressiisaaf hin dande'a? Yoo sooresse, isaan lamaanuu bowwaa bu'an. 40Barataan tokko barsiisaa hin caalu; ammoo nami leenjii guutuu fudhate maraa, akka barsiisaa ifii hin te'a.
41«Huura ila obboleessa keetii keessa jiru maaf ilaalta? Jigeessa ila teeti keessa jiru ammoo maaf hin hubanne? 42Jigeessa ila teeti keessa jiruu adoo hin dhaggin, attamiin obboleessa keetiin, ‹Obboleessa kiyya, huura ila teeti keessa jiru san sii fuudha› jedhuu dandeetta? Ati nama kijiba'a! Dursiitii jigeessa ila teeti keessa jiru fudhadhu, achiin duuba huura ila obboleessa keetii keessa jiru fuudhiisaaf miidhassitee dhagguu hin dandeetta» jedhe.
Muki Midhaan Ifiitiin Beekkama
43«Muki dansaan midhaan hamaa hin buusu, muki hamaalle midhaan dansaa hin buusu. 44Muki martinuu midhaan buusuun beekkama; midhaan harru'uu waaccuu irraa yookiin midhaan woyni'ii kom'olcha irraa hin guuranu. 45Nami dansaan dansummaa gadhaa ifii keessaa waan dansaa baasa; nami hamaalle hammeenna gadhaa ifii keessaa waan hamaa baasa. Waan gadhaa guute afaan dubbata.
Namoota Mana Ijaaranu Lamaan
46«Waan Ani isinitti himu adoo hin tolchin, maaf, ‹Goottaa, Goottaa› jedhaa na waantan. 47Nami gara kiyya dhufu, ka dubbii tiyyalle dhage'ee hujii irra oolchu, eennu akka fakkaatu Ani isinitti mudhisa. 48Inni nama mana ifii rassaa irratti gad fageessee qotee ijaarrate tokko fakkaata. Yennaa lolaan itti lola'ee mana san darbe ammoo rassaa irratti waan ijaarameeruuf, tachoosuu hin dandeenne. 49Nami dubbii tiyya dhage'ee hujii irra hin oolchine ammoo, nama hundee mana ifii adoo gad fageessee hin dhaabin ijaarrate fakkaata. Lolaan dhufee mana san yennaa darbe, takkumaan jigee, akka malee butute» jedhe.

Você sabia?
O sábado, os Doze e a planície
- Num sábado, enquanto Jesus passava pelas plantações, os discípulos colhiam espigas, esfregavam os grãos nas mãos e os comiam, e alguns fariseus disseram que isso era ilícito. Jesus lembrou que Davi e seus companheiros, com fome, comeram o pão consagrado da casa de Deus, permitido apenas aos sacerdotes, e disse que o Filho do Homem é Senhor do sábado. Noutro sábado, restaurou na sinagoga a mão direita atrofiada de um homem, enquanto escribas e fariseus o observavam em busca de um motivo para acusá-lo; uma cronologia data os dois episódios em 28 d.C.Fontes: o próprio texto bíblico · Corn on the Sabbath · Healing a Withered Hand
- Depois de passar a noite em oração no monte, Jesus chamou os discípulos e escolheu doze, aos quais designou apóstolos. Entre eles estavam Simão, a quem deu o nome de Pedro, e André, irmão de Pedro, pescadores de Betsaida, na costa ocidental do mar da Galileia, e Mateus, cobrador de impostos em Cafarnaum, antes conhecido como Levi.Fontes: o próprio texto bíblico · Simon Peter · Andrew · Matthew
- Jesus desceu com eles e parou num lugar plano, onde havia gente da Judeia, de Jerusalém e do litoral de Tiro e Sidom para ouvi-lo e ser curada. Tiro e Sidom eram antigas cidades fenícias no Mediterrâneo; Sidom, a mais antiga, ficava a cerca de vinte e cinco milhas ao norte de Tiro. Uma cronologia data esse ensinamento em 28 d.C. e o intitula Sermão da Montanha, embora a narrativa coloque Jesus em terreno plano depois de descer do monte.Fontes: o próprio texto bíblico · Tyre · Sidon · Sermon on the Mount
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Lugares deste capítulo
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículo 17
- Judea · Hoje: Judea 1 · 31.777, 35.234 · versículo 17
- Sidon · Hoje: Sandikli archaeological site in Sidon · 33.561, 35.372 · versículo 17
- Tyre · 33.271, 35.196 · versículo 17
Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org