Lucas 7
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Yesuus Tajaajilaa Ajajaa Dhibbaa Fayyise
1Yesuus waan san mara kolba'aan jedheen duuba, gara Qifirnaahoomii deeme. 2Ajajaan dhibbaa ka worra Rooma'aa tokko achi jiraayyu; tajaajilaan inni guddoo jaalatu akka malee dhibamee du'iisaaf dhikaateeraayyu. 3Ajajaan dhibbaa gurra Yesuusii yennaa dhage'e, akka inni dhufee tajaajilaa isaa fayyisuuf maanguddooti Yihudootaa gariin akka isa gaafattu itti erge. 4Isaan gara Yesuusii dhufanee, «Nami kun dhugumaan qarqaarsa keeti dhaggachuu qaba. 5Inni kolbaa teenna jaalata, Mana Waaqonfannaa Yihudootaalle nu'uuf ijaareera» jedhaa jabeessanee kadhatane. 6Maarre Yesuus isaan woliin dhaqee, Yennaa gara manaa dhikaate ajajaan dhibbaa jaalota ifii itti ergee, «Goottaa kiyya, ati mana kiyya seeniisaaf ani nama malee moti! Ifi hin rakkisin; 7maaf jennaan, ani nama gara keeti dhufiisaaf malee moti. Ammoo afaanuma calla'aan ajaji, mucaan kiyya hin fayya. 8Anille nama baallii ol aantuu qabu jala nama jiru, loltoota ifiin jalatti ajajulle qaba. Isaan keessaa nama tokkoon, ‹Deemi› yoo jedhe, innille hin deema; ka dhibi'iin ‹Koy› yoo jedhe, innille hin dhufa; tajaajilaa kiyyalle'een, ‹Kana huji› yoo jedhe hin huja» jedhe. 9Yesuus tana yennaa dhage'e baaseffatee gara worra isa hordofuu midhatee, «Ani isinitti hima, dhugeeffannaa guddoo akkasii Israa'el keessalle'etti ijjumaa hin dhaggine» isaaniin jedhe. 10Worri ergamanelle gara mana ajajaa dhibbaa deebi'anee yennaa dhufane tajaajilaan isaa fayyeeruun dhaggane.
Yesuus Ilma Haadha Hiyyeessaa Tokko Du'aa Kaase
11Eega san adoo hin turin, Yesuus gara qachaa Naayin jedhamuu tokko dhaqe; barattooti isaatii fi gumiin guddoolle isa woliin deemane. 12Yennaa Yesuus seensuma karra qacha'aa bira geye, namooti reeffa ba'ataneeranu itti dhufane. Nami du'eeru sun haadha hiyyeessaa takkaaf ilma tokkocha. Gumiin guddoon qachaa sanii isii woliin jirti. 13Goottaan yennaa isii dhagge, nayeefii, «Hin bowin» jedheen. 14Itti hiiqeelle raree reeffaan ba'ataneeranu harkaan tuqe. Worri reeffa ba'ateerulle dhaabbate; Yesuus, «Dargaggeessa! Ani si'iin jedha ka'i!» jedhe. 15Dargaggeessi du'e sun ol ka'ee tee'ee dubbatiisa jalqabe. Achiin duuba Yesuus deebisee haadhaaf isa kenne. 16Isaan martinuu sodaatanee, «Raagaan guddaan nu'uma keessaa ka'eera; Waaqi kolbaa ifii fayyisu'uuf dhufeera» jedhanee Waaqa galateeffatane. 17Gurri Yesuusii biyya Yihuda'aa maraa fi adaala biyya sanii maratti dhage'ame.
Worra Yohaannisiin Cuuphaan Erge
18Barattooti Yohaannisii waan kana mara yennaa isatti himane, Yohaannis barattoota ifii keessaa lamaan waamee, 19«Ka dhufu'uu male si'iiyyu moo ka dhibii eeganna?» jedhee, akka Goottaa gaafatanuuf erge. 20Worri ergamane yennaa gara Yesuusii dhufane, «Yohaannisiin cuuphaan, ‹Ka dhufu'uu male si'iiyyu moo ka dhibii eeganna?› jedhee gara keeti nu ergeera» jedhaneen. 21Yennuma san Yesuus kolbaa hedduu dhibee irraa, dhukkuba adda addaa irraa, ayyaanota hamoota irraa fayyisee, worra ila balla'aa hedduulle ila bane. 22Ergantoota Yohaannisiitille'een, «Deebi'aatii, waan dhaggitanee fi waan dhageettane Yohaannisitti hima'a! Ballaan hin dhagga, naafi hin ideema, ka dhukkuba goga'aa farrisiisa'aan qabameeru hin fayya, duudaan hin dhage'a, du'aan hin ka'a, Oduun Gammadaa hiyyeeyyi'iif hin lallabanti. 23Nami mamee anaan hin gufanne ka badhaadhe!» jedhe.
24Ergantooti Yohaannisii deemaneeranuun duuba, Yesuus marroo Yohaannisii gumi'itti dubbatiisa jalqabee: «Maan ilaaliisaaf gara goomole'ee dhaxxane? Shonbooqqoo qilleensi daassuu? 25Maan ilaaliisaaf baatane? Nama uffana dansaa uffatee? Worri uffata dansaa uffatee fi qananiin mana moototaatitti dhaggaman. 26Natti hima'a, maan ilaaliisaaf baatane? Raaga'a moo? Eeti, ka Raagaa caalu dhaggitane. 27Barreeffam Woyyichi marroo Yohaannisiitiif, ‹Ani ergamaa kiyya ka karaa keeti qopheessu si'iin dura erga› jedheera. 28Ani isinitti hima, nama lafa irratti dhalate keessaa, ka Yohaannis caalu hin jiru. Ammoo mootummaa Waaqaa keessatti ka mara caalaa diqqaatu isa caala» jedhe.
29Kolbaan martinuu, worri qaraxa guurulle adoo hin hafin, yennaa dubbii Yesuusii dhage'ane, waan harka Yohaannisiititti cuuphamaneeranuuf, Waaqaaf dhugaa galchane. 30Fariisaayotii fi barsiisoti Seeraa ammoo, waan Waaqi isaanii yaadate tuffatanee, harka Yohaannisii cuupha'aatitti cuuphamuu didatane. 31Yesuus itti dabalee, «Kolbaa bara kanaa tana maaniin wol fakkeessa? Isaan maan fakkaatan? 32Isaan akka ijoollee dikkoo keessa teteettee, ‹Suusullee isinii afuunne, isin ammoo hin sirbine; faaruu awwaalaa isinii faarsine; isin ammoo hin boonne› jedhaa wolitti woccu fakkaatan. 33Yohaannisiin cuuphaan adoo sagalee hin nyaatin, daadhii woyni'iille hin unin dhufee jennaan, ‹Inni durriisa ifi keessaa qaba› jettane. 34Ilmi Namaa ammoo, nyaataa unaa dhufee jennaan, ‹Nama kana ilaala'a! Inni gadhitoo, machowaa, jaala worra qaraxa guuruutii fi cubbaaleyyi'ii ti› jettane. 35Te'uu malee, qaruun Waaqaa worra isii fudhatu maraan dhugaa akka teete mirkanootteerti» jedhe.
Dubartiin Takka Yesuus Fiqiree Issite
36Fariisaayichi tokko Yesuus akka isa woliin nyaatuuf waamee, Yesuus mana isaa dhaqee nyaatiisaaf tee'e. 37Qachaa san keessa dubartii cubbaalettii takkatti jira. Maarre isiin akka inni mana Fariisaayichaatitti nyaatiisatti jiru dhageettee, fiqiree duloo albaasaaxarii irraa hojjatante guutuu fiddee, 38Yesuusiin duuba miila isaa bira dhaabbattee, bowaa imimmaaniin miila isaa jiitte. Achiin duuba rifeensa mataa ifiitiin miila isaa haxoottee, sunqataa fiqiree issite. 39Fariisaayichi yennaa tana dhagge, «Nami kun dhugumaan raagaa adoo te'ee, dubartiin isa qaqqaddu tun dubartii attamii akka teete hin beekaayyu; akka isiin cubbaaletti'ii hin beekaayyu» jedhee gadhaa ifiititti yaadate. 40Yesuus isaan, «Simoon, ani waan si'itti himu qaba» jedhee dubbate.
Innille «Barsiisa'a, Maan inni? Natti himi!» jedhe. 41Namicha beesee liqeessu tokko irraa namooti lamaan ka beesee liqeeffataneeranu jiran. Tokkochi mindaa gara woggaa lamaa fi wodhakka'aa dhiyaatu liqeeffatee, kuun mindaa gara ji'a sadii dhiyaatu liqeeffate. 42Isaan lamaanuu waan deebisanee kaffalanu dhabanee jennaan, inni akkasumaan isaaniif lakkise. Jara lamaan tana keessaa kamitti irra isa jaalata? 43Simoon deebisee, «Ka liqaan guddaan isaa lakkifametti irra jaalata natti fakkaata» jedhe.
Yesuus, «Dhugaa jette» jedheen. 44Achiin duuba gara dubartitti'ii garagalee, Simooniin, «Dubartii tana dhaggitaa? Yennaa ani mana keeti dhufe ati bisaan miilaa naaf hin kennine. Isiin ammoo imimmaan ifiitiin miila kiyya dhixxee, rifeensa mataa ifiitiin haxxe. 45Ati sunqattee na hin fudhanne, isiin ammoo haga ani dhufee jalqaddee miila kiyya sunqatiisa hin lakkinne. 46Ati mataa kiyya zayitii hin issine, isiin ammoo fiqiree gatii guddo'oo miila kiyya issite. 47Maarre, ani si'iin jedha, jaalalli guddaan isiin mudhitte kun, cubbuu isi'ii heddu'uuf araarri akka kenname mirkaneessa. Nami araarri diqqaan kennameef ammoo, jaalala diqqaa callaa mudhisa» jedhe. 48Achiin duuba Yesuus dubartitti'iin «Cubbuu teetiif araarri kennameera» jedhe. 49Worri dhibiin ka isa woliin nyaatiisatti jiranu gariin, «Ka araara cubbu'uu kennu kun, eennu inni?» wol woliin jedhane. 50Yesuus ammoo dubartitti'iin, «Dhugeeffannaan teeti si fayyitteerti; nageyaan deemi» jedhe.

Você sabia?
Fé, compaixão e a pergunta de um profeta
- O Easton's Bible Dictionary (1897) descreve Cafarnaum como uma cidade da Galileia que não é mencionada no Antigo Testamento e que se tornou a cidade que Jesus tratava como sua depois de ser expulso de Nazaré, cenário de muitos episódios da sua vida. Neste capítulo, ele chega ali e encontra o servo muito estimado de um centurião à beira da morte; anciãos judeus rogam, dizendo que o oficial ama a nação deles e construiu a sinagoga deles.Fontes: Capernaum · o próprio texto bíblico
- O Easton's Bible Dictionary (1897) liga o nome Naim a uma palavra hebraica que significa pastos verdes ou amável, e identifica a cidade com a aldeia de Nein, na encosta noroeste do Jebel ed-Duhy, também chamado monte Moré ou Pequeno Hermom, a cerca de quatro milhas de Tabor e vinte e cinco milhas a sudoeste de Cafarnaum, acima da planície de Esdrelão. À porta da cidade, Jesus encontrou o funeral do filho único de uma viúva, e o espanto se espalhou pela multidão.Fontes: Nain · o próprio texto bíblico
- João Batista é apresentado como o precursor do Senhor e como homem de linhagem sacerdotal: seu pai, Zacarias, era sacerdote da turma de Abias, e sua mãe, Isabel, era uma das filhas de Arão. A missão dele é descrita como objeto de profecia, e neste capítulo Jesus diz às multidões que João é mais do que um profeta, o mensageiro enviado adiante para preparar o caminho, enquanto os discípulos de João perguntam se Jesus é aquele que havia de vir.Fontes: John the Baptist · o próprio texto bíblico
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Lugares deste capítulo
- Nain · Hoje: Nein · 32.631, 35.350 · versículo 11
- Judea · Hoje: Judea 1 · 31.777, 35.234 · versículo 17
Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org