Nations Bible

Lucas 5

Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.

Yesuus Barattoota Jalqabaa Waame

1Gaafa tokko Yesuus qarqara abbaayaa Genesaarexii dhaabbateeruun, kolbaan dubbii Waaqaa dhage'iisaaf gara isaa wol dadarbite. 2Inni hoboloota lamaan qarqara abbaaya'aatitti dhagge; worri qurxummii guuru hoboloota achitti lakkisee caccoota dhiqatiisatti jiraayyu. 3Yesuus hoboloota san keessaa gara takkatti'ii, ta Simoonii seenee, akka inni qarqara abbaayaa irraa diqqoo gara keessaa hiissu isa gaafate. Achiin duuba Yesuus hoboloo keessa tee'ee gumii barsiise. 4Yennaa dubbii ifii fixate, Simooniin, «Gara ila bisaanii hoboloo hiissiitii, qurxummii qabiisaaf caccoota teessan gad buusa'a» jedhe. 5Simoonille, «Barsiisa'a, eda halkan duudii guddoo itti dadhabaa bulle, ammoo womaa hin qabanne. Amma ammoo, yoo ati jette ani caccoota hin buusa» jedheen. 6Isaan caccoota buusanee, haga caccooti isaanii tarsa'iisa geettutti qurxummii hedduu qabatane. 7Isaan lansooti isaanii ka hoboloo dhibii keessa jiranu dhufanee akka isaan gargaaranuuf haatatane. Isaanille dhufanee hobolooti lamaanuu haga gad lixiisa geettutti qurxummi'iin akka malee guutane. 8Simoon Pheexroos waan te'e kana yennaa dhagge, fuula Yesuusii duratti jilbiiffatee, «Goottaa kiyya ani cubbichaa, natti hin dhikaatin!» jedhe. 9Simoonii fi worri isa woliin jiranu maraa qurxummii hedduu waan guurataneef akka malee baaseffatane. 10Akkuma worra kaanii, lansoota Simoonii ka te'ane, ilmaan Zabdewoosii Yaaqoobii fi Yohaannisille baaseffatane. Yesuus Simooniin, «Hin sodaatin! Haganaa achi kolbaa guurta» jedhe. 11Isaan hoboloota harkisanee qarqaratti baasanee, waan mara lakkisanee Yesuus hordofane.

Yesuus Namicha Tokko Fayyise

12Gaafa tokko Yesuus qachaa tokko keessa adoo jiruu, namichi dhukkuba goga'aa farrisiisa'aan qabameeru ka achi jiru tokko, yennaa isa dhagge, Yesuus duratti gad jigee, «Ee Goottaa, yoo fedha keeti te'e na fayyisi» jedhee kadhate. 13Yesuus harka ifii diriirfatee, isa qabee, «Hin fedha fayyi» jedhe. Yennuma san dhukkubi goga'aa farrisiisaan namicha lakkise. 14Yesuus namichaan, «Waan kana nama tokkolle'etti hin himin; ammoo dhaqiitii hayyichatti ifi mudhisi; akka ati fayyite, nami mara akka beekuuf, fayyuu keetiif, qodha Muuseen ajaje kenni!» jedhee seere. 15Gurri Yesuusii ammoo addee maratti dhage'amee, gumiin guddoon isa dhage'iisaa fi dhukkuba ifii irralle'ee fayyiisaaf gara isaa dhutte. 16Inni ammoo yennaa hedduu addee qoommi'ii dhaqaa daadimate.

Yesuus Namicha Laashoweeru Tokko Fayyise

17Gaafa tokko Yennaa Yesuus barsiisu, Fariisaayotii fi barsiisoti Seera Muuse'ee, olloota Galiila'aa fi Yihudaa keessatti dhaggamanu mara keessaa, Yerusaalemille'ee dhufaneeranu achi tetee'aneeran. Yesuus worra dhibamane akka fayyisuuf, hunni Gootta'aa isa woliin jirtiiyyu. 18Jarri tokko namicha laashoweeru tokko rare'een ba'atanee dhufanee, gara manaa seensisanee fuula Yesuusii dura keyiisaaf wodhaanane. 19Ammoo waan kolbaan heddatteef, karaa seensisanu dhabanee, mana gubbaa yaabanee, heellichoo manaa saaqanee, rare'eenuu woliin kolbaa oddu'utti, fuula Yesuusii duratti gad buusane. 20Yesuus dhugeeffannaa isaanii yennaa dhagge, namichaan, «Abboo, cubbuu teeti maraaf araarri kennameera» jedhe. 21Barsiisoti Seera Muuse'eetii fi Fariisaayoti, «Namichi Waaqa faanshessu kun eennu inni? Waaqa tokkocha malee eentu cubbuu namaaf araaramiisaaf dande'a?» jedhaa yaadatane. 22Yesuus yaada isaanii beekee, «Isin maaf waan akkanaa kana gadhaa keessan keessatti yaadattan? 23‹Cubbuu teeti maraaf araarri kennameera› jechu'u moo yookiin, ‹Ol ka'ii ideem› jechu'utti kaso'o? 24Amma ammoo ani Ilmi Namaa cubbuu araaramiisaaf lafa irratti baallii akka qabu akka beettanu» jedhee, namicha laashoweeruun, «Ol ka'i! Raree teeti fudhadhuutii gara mana keetii deemi!» jedhe. 25Yennuma san namichi fuula isaanii duratti ol ka'ee, itillee irra irkataa ture fudhatee, Waaqa galateeffataa gara mana ifii deeme. 26Isaan martinuu akka malee baaseffatanee, guddoo sodaatanee, «Adha baasa guddaa dhaggine!» jedhaa Waaqa galateeffatane.

Yesuus Lewwii Waame

27Kanaan duuba, Yesuus achii deemee, namicha qaraxa guuru ka Lewwii jedhamu tokko, addee gosee qaraxaa tee'eeruun dhaggee, «Na hordofi» jedheen. 28Lewwiin ol ka'ee, waan mara lakkisee, isa hordofe. 29Achiin duuba Lewwiin mana ifiititti, areertii guddoo Yesuusiif qopheesse. Worri qaraxa guuru heddu'uu fi worri dhibiille isaan woliin areeratiisaaf tetee'aneeran. 30Fariisaayotii fi worri golii isaanii te'ane barsiisoti Seera Muuse'ee gariin, «Isin worra qaraxa guuruu fi cubbaaleyyii woliin maaf nyaattan? Maaf untan?» jedhanee barattoota Yesuusiititti gungumane. 31Yesuus deebisee, «Worra fayyaa hin qanneef malee, worra fayyaaleyyi'iif cidheessa hin barbaachisu. 32Ani cubbaaleyyii gara cubbuu irraa deebi'iisaa waamiisaaf malee, balchootaaf hin dhunne» isaaniin jedhe.

Gaaffii Marroo Laamiisaa

33Namooti gariin Yesuusiin, «Barattooti Yohaannisii yennaa hedduu laamaa daadimatan. Barattooti fariisaayotaalle akkasuma tolchan, barattooti teeti ammoo hin nyaatanii, hin unan» jedhane. 34Yesuus deebisee, «Worri jila fuudhaa fi heerumaatii waamame adoo waajibichi isaan woliin jiruu, akka laamu isin hin tolchitanii? Hin tolchitanu! 35Yennaan waajibichi isaan biraa fudhatamu ammoo hin dhutti. Isaan yennaa san laaman» isaaniin jedhe. 36Yesuus itti aansee, mammaassalle itti mammaakee, «Eennulle woyaa haareya tarsaasee woyaa dullatti'itti hin erbu. Yoo akkana tolche, woyaa haareya san hin tarsaasa. Erbeen woyaa haareyaa woyaa dullatti'iin wol hin fuutu. 37Akkasuma daadhii woyni'ii ta hin bayiin qalqalluu dulloometti eennulle hin naqu. Yoo akkana tolche, daadhiin sun qalqalluu san hin dhoochi, daadhiin hin jiddi, qalqalluulle hin bada. 38Tanaaf daadhiin hin bayiin qalqalluu haareyatti naqamu'uu malte! 39Nami daadhii woyni'ii ta baate uneen duuba ta hin bayiin uniisaaf barbaadu hin jiru. Inni, ‹Ta baate woyya› jedha» jedhe.

Ilustração artística — interpretação, não registro histórico.

Você sabia?

Chamados, curas e vinho novo

  • Jesus ensinou o povo do barco de Simão, no lago de Genesaré, enquanto a multidão se apertava na margem. O nome vem de uma cidade de Naftali, na margem ocidental, antes chamada Quinerete; a planície junto ao lago, notável pela fertilidade e pela beleza, era chamada “o Paraíso da Galileia”.Fontes: Gennesaret · o próprio texto bíblico
  • Simão, também chamado Pedro, cresceu em Betsaida, na costa ocidental do mar da Galileia, e aprendeu o ofício de pescador. Tiago e João, seus sócios no outro barco, eram filhos de Zebedeu, um pescador galileu; o Dicionário Bíblico de Easton (1897) infere que Zebedeu tinha certa posição em Cafarnaum, pois possuía dois barcos e jornaleiros.Fontes: Simon Peter · James (Son of Zebedee) · Zebedee · o próprio texto bíblico
  • O homem que Jesus chamou da coletoria se chama Levi neste capítulo; em outros relatos é Mateus, filho de Alfeu, cobrador de impostos em Cafarnaum. O Dicionário Bíblico de Easton (1897) sugere que ele talvez tenha adotado o nome Mateus em grata lembrança do chamado, e descreve o grande banquete que ofereceu naquele mesmo dia como uma festa de despedida.Fontes: Matthew · o próprio texto bíblico

Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.

Lugares deste capítulo

  • Gennesaret · Hoje: El Ghuweir · 32.861, 35.507 · versículo 1
  • Galilee · 32.760, 35.527 · versículo 17
  • Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículo 17
  • Judea · Hoje: Judea 1 · 31.777, 35.234 · versículo 17

Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Fale com a gente

Conte de onde você lê, como a Bíblia tem te ajudado ou o que podemos melhorar. Lemos todas as mensagens.