Nations Bible

Lucas 4

Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.

Ataabamuu Yesuusii

1Yesuus Ayyaana Woyyichaan guutamee laga Yordaanosiitii yennaa deebi'e, Ayyaanni gara goomole'ee isa geesse. 2Achitti guyyaa afurtama Seexanaan ataabame. Guyyoota san inni womaa hin nyaanne; tanaaf dhuma guyyoota saniititti inni beelowe. 3Seexanni isaan, «Ati Ilma Waaqaa yoo teete, dhakaan kun daabboo akka te'u ajaji» jedhe. 4Yesuus deebisee, «Barreeffam woyyichi, ‹Nami sagalee calla'aan hin le'u› jedha» jedhe. 5Achiin duuba Seexanni gara addee ol aantuu gubbaa isa geessee, yoosuma mootummaa biyya lafaa irra jirtu mara itti mudhise. 6Seexanni Yesuusiin, «Ani kana maraa irratti ulfinnaa fi baallii si'iif hin kenna. Kun maraa waan naaf kennameeruuf, ani ka jaaladheef kennuu hin dande'a. 7Maarre yoo naaf sagadde, kun maraa keeti te'a» jedheen. 8Yesuus deebisee, «Barreeffam Woyyichi, ‹Goottaa Waaqa keetiif sagadi; isa calla'aafille tajaajili!› jedha» jedheen. 9Achiin duuba Seexanni gara Yerusaalemii isa geessee, guutuu Galma Waaqaa gubba'atti dhaabbachiisee, «Barreeffam Woyyichi, ‹Waaqi ergantoota ifii akka si eeganuuf hin ajaja. Isaanille miila keeti dhakaan akka hin miine harka ifiitiin ol si hin qaban› waan jedhuuf, ati Ilma Waaqaa yoo teete, asi gubba'aa ifi gad darbi» isaan jedhe. 12Yesuus deebisee, «Barreeffam Woyyichi, ‹Goottaa Waaqa keeti haga hin ilaalin› jedha» jedheen. 13Seexanni karaa maraan isa ataabeen duuba haga yenna'aatiif isa biraa deeme.

Yesuus Galiila'atti Hujii Jalqabe

14Achiin duuba Yesuus hunna Ayyaana Woyyichaatiin gara Galiila'aa deebi'e. Gurri isaa adaala san maratti odeeffame. 15Inni manoota waaqonfannaa Yihudootaa keessatti barsiisee, nami marti isa galateesse.

Yesuus Naaziretitti Tuffatame

16Achiin duuba Yesuus gara lafa itti guddatee, Naaziret dhaqee, guyyaa Sanbataa akkuma aadaa ifii Mana Waaqonfannaa Yihudootaa dhaqe. Yennaa inni Barreeffama Woyyicha dubbisiisaaf ka'e, 17kitaaba Isaayaasii raagichaa itti kennane. Maraa kitaaba sanii diigee,

18«Ayyaanni Gootta'aa ana irra jira,

worra hiyyeeyyi'iif Oduu Gammadaa akka himuuf na muudeera.

Worra booji'ameef bilisummaa akka lassuuf,

worra ballaa akka dhaggisiisuuf,

worra miicame akka baasuuf,

19woggaa Goottaan kolbaa ifii fayyisulle

akka lassuuf na ergeera» dubbiin jettu addee itti barreeffanteertu dhagge.

20Yesuus kitaaba san maree, namicha eegutti kennee tee'e. Kolbaan Mana Waaqonfannaa Yihudootaa san keessa jirtu marti adoo ila irraa hin caffatin isa ilaalte. 21Achiin duuba Yesuus isaaniin, «Akkuma dubbifamuun dhageettane, Barreeffam Woyyichi kun adha muummowe» jedhe. 22Isaan martinuu marroo isaa waan dansaa dubbatanee, dubbii maso'oo ta inni dubbate baaseffatanee, «Inni ilma Yoseefiitii motii?» jedhane. 23Yesuus isaaniin, «Isin dhugumaan mammaassa, ‹Cidheessa, dursii ifi fayyis!› jedhu natti hin mammaattan. Waan qachaa Qifirnaahoomiititti tolchitelle, ta nuuti dhageenne as qachaa keeti keessattille tolchi hin jettan» jedhe. 24Itti dabaleelle, «Ani dhugumaan isinitti hima, raagaan tokko biyya ifiititti fudhatama hin qabu. 25Dhugumaan, bara Eliyaasii raagichaatitti woggaa sadii fi ji'a jaan bokkeenni dhabamee, lafa san duudii keessatti beelti hantuun yennaa galte, biyya Israa'elii keessatti haadhotiin hiyyeessaa hedduun jirti. 26Eliyaas ammoo gara haadha hiyyeessaa ta biyya Sidoonii keessatti qachaa Saraaphta'aa keessa leetuu takka malee, gara dhibii gara nama tokkoolle hin erganne. 27Akkasuma bara Elsaa'ii raagichaatitti kolbaan hedduun ta dhukkuba goga'aa farrisiisa'aan dhibanteertu jirti; ammoo, isaan keessaa Na'amaanii namicha biyya Sooriya'aa malee, nami tokkolle hin fayyine» jedhe. 28Worri mana waaqonfannaa Yihudootaa keessa jiranu martinuu yennaa kana dhage'ane, akka malee aarane. 29Isaan ol ka'anee, Yesuus qachaa keessaa harkisanee baasanee qile'etti gad qolaansiisaaf barbaadanee, gara ededa gooroo qachaan isaanii irratti ijaarameeruutitti isa geessane. 30Inni ammoo isaanuma oddu'uun dabaree kara'atti bayee deeme.

Namicha Ayyaana Hama'aan Qabameeru Tokko

31Achiin duuba Yesuus gara qachaa Qifirnaahoomii, ka Galiilaa keessatti dhaggamuu tokko dhaqee, guyyaa Sanbataa kolbaa barsiise. 32Waan inni baalli'iin barsiiseef, isaan martinuu barsiisiisa isaa baaseffatane. 33Namichi Ayyaana hama'aan qabameeru tokko mana waaqonfannaa Yihudoota keessa jiraayyu. Inni qoonqoo guddo'oon, 34«Eeyyaa! Yesuusii nama Naaziretii, haajaa maan nu woliin qadda? Nu balleessiisaaf dhuttee? Ani ebeluu keeti hin beeka! Ati Woyyicha Waaqaa ti» jedhee iyye.

35Yesuus ayyaana hama'aan, «Cadhisi! Keessalle'ee bayi!» jedhee xixe. Ayyaanni hamaan sun fuula isaanii duratti namicha gad jissee, womaa adoo isa hin miidhin keessaa baye.

36Kolbaan martinuu baaseffatee, «Dubbiin akkasii tun maan? Ayyaanota hamootalle baalli'ii fi hunnaan xixa; isaanille isaaf hin ajajaman» wol woliin jette. 37Gurri Yesuusii adaala biyya sanii maratti dhage'ame.

Yesuus Worra Dhibamaa Hedduu Fayyise

38Yesuus Mana Waaqonfannaa Yihudootaatii bayee gara mana Simoonii dhaqe. Haati sodda'aa ta Simoonii dhukkuba nafa o'isu jaba'aan dhibanteertiiyyu; isaanille akka inni isii gargaaruuf itti himane. 39Maarre Yesuus itti dhikaatee cinaa isi'ii dhaabbatee, dhukkuba nafa o'isu san xixee, dhibeen isii lakkitte. Yennuma san ol kaatee isaanii areerte. 40Yennaa aduun seente, worra dhukkuba adda addaatiin dhibamane maraa gara Yesuusii fidane. Inni isaan mara irra harka ifii keyee fayyise. 41Durriisotille Yesuusiin, «Ati Ilma Waaqaa ti» jedhaa kolbaa hedduu keessaa iyyaa bayane. Ammoo waan isaan akka inni Kiristoos te'e beekaneef, xixee dubbatiisa isaan dhoogge.

Yesuus Manoota Waaqonfannaa Yihudootaa Keessatti Lallabe

42Yennaa latti bariite Yesuus achii bayee, gara addee qoommi'ii dhaqe. Kolbaan isa barbaadiisa kaatee, yennaa dhaggite, akka inni isaan lakkisee hin deemne dhooggiisaaf wodhaante. 43Inni ammoo isaaniin, «Ani Oduu Gammadaa ta mootummaa Waaqaa qachoota dhibiille'etti lallabu'uu male; ani akka tana hujuuf ergame» jedhe. 44Maarre inni manoota waaqonfannaa Yihudootaa ka biyya Yihuda'aa keessatti dhaggamuu keessatti lallabiisa itti fufe.

Você sabia?

Tentação e o Início do Ministério de Jesus

  • Na sinagoga de Nazaré, sua cidade de criação, Jesus recebeu o rolo do profeta Isaías. Após desenrolá-lo e ler a passagem sobre anunciar boas-novas aos pobres e proclamar libertação aos cativos, enrolou-o de volta, entregou-o ao assistente e sentou-se para ensinar.Fontes: o próprio texto bíblico · Isaiah · Nazareth
  • Para explicar a falta de fé dos habitantes de sua terra natal, Jesus lembrou que Elias fora enviado para socorrer uma viúva em Sarepta de Sidom em vez de viúvas em Israel, e que Eliseu curou Naamã, o sírio, em vez de leprosos israelitas.Fontes: o próprio texto bíblico · Elijah · Elisha · Naaman
  • Após ser rejeitado e quase lançado do cume da colina em Nazaré, Jesus mudou-se para Cafarnaum, na Galileia, onde ensinava com autoridade no sábado, expulsava demônios e curou a sogra de Simão de uma febre alta.Fontes: o próprio texto bíblico · Capernaum · Galilee

Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.

Lugares deste capítulo

  • Jordan · Hoje: Jordan River · 31.761, 35.558 · versículo 1
  • Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículo 9
  • Galilee · 32.760, 35.527 · versículos 14, 31
  • Nazareth · 32.702, 35.298 · versículos 16, 34
  • Sidon · Hoje: Sandikli archaeological site in Sidon · 33.561, 35.372 · versículo 26
  • Zarephath · Hoje: Sarepta · 33.464, 35.295 · versículo 26
  • Judea · Hoje: Judea 1 · 31.777, 35.234 · versículo 44

Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Fale com a gente

Conte de onde você lê, como a Bíblia tem te ajudado ou o que podemos melhorar. Lemos todas as mensagens.