Lucas 20
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Gaaffii Marroo Baallii Yesuusiitii Dhikaatte
1Gaafa tokko Yesuus Galma Waaqaa keessatti kolbaa barsiisiisaa fi Oduu Gammadaa lallabiisatti adoo jiruu, sooreyyiin hayyootaatii fi barsiisoti Seera Muuse'ee, maanguddoota woliin gara isaa dhufanee, 2«Baallii maaniitiin waan kana goota? Eentu baallii tana si'iif kenne? Nutti himi!» jedhaneen. 3Inni deebisee, «Anille gaaffii tokko isin gaafadha; 4cuuphaan Yohaannis cuuphe Waaqa irraa moo, nama irraa dhutte? Natti hima'a!» jedhe.
5Isaan waan kana irratti mari'atanee, « ‹Waaqa irraa› yoo jenne, ‹Maaf dubbii isaa hin dhugeeffatin ree?› nuun jedha. 6‹Nama irraa› yoo jenne ammoo, kolbaan martinuu akka raagaa tokkootitti Yohaannis waan dhugeeffatteertuuf, dhaka'aan nu tunti» woliin jedhane. 7Maarre isaan, «Eessaa akka dhutte nuuti hin beennu» jedhanee deebisane. 8Yesuus deebisee, «Anille baallii maaniitiin waan kana akka godhu isinitti hin himu» isaaniin jedhe.
Mammaassa Qonnaan Bultoota Fichaa Woyni'ii
9Yesuus itti aansee mammaassa kana kolba'atti mammaakee, «Namichi tokko muka woyni'ii fichaa ifiititti dhaabee, qonnaan bultootaaf kireessee, biyya fago'oo dhaqee achi ture. 10Yennaan guuranu geennaan, qooda midhaan woyni'ii ka isa gewu akka itti kennanuuf garbicha ifii tokko gara qonnaan bultootaa erge. Isaan ammoo isa dhaananee harka duwwaa ari'ane. 11Maarre inni garbicha dhibii itti erge; isaan isalle dhaananee salphisanee harka duwwaa ari'ane. 12Inni ammalle garbicha sadeesso'oo itti erge; isaan isaalle madeessanee alatti darbane. 13Achiin duuba abbaan muka woyni'ii, ‹Ani maan godhu? Ilma kiyya jaalatamaa itti erga; isa hin ulfeessan fa te'a› jedhe. 14Qonnaan bultooti ammoo yennaa isa dhaggane, ‹Kun ka dhaalu; akka dhaalli nu'uuf te'u, kowaa isa ijjeennaa!› jedhanee mari'atane. 15Maarre isaan fichaa muka woyni'ii keessaa alatti isa darbanee ijjeesane.
«Yoona abbaan fichaa muka woyni'ii maan isaan godha laati? 16Inni hin dhufa, qonnaan bultoota san hin ijjeesa, fichaa muka woyni'iille worra dhibi'itti hin kennata» jedhe.
Kolbaan tana yennaa dhageette, «Hanqisi!» jette.
17Yesuus ammoo isaan laalee,
«‹Dhakaan worri mana ijaaru tuffate,
dhakaa dhakaa maraa caalaa barbaadamu te'e›
jedhante ta barreeffante maan jechu'u ree?
18Nami dhakaa san irratti jigu maraa hin caccaba; nami dhakaan sun irratti jigu ammoo hin bututa» jedhe.
19Barsiisoti Seera Muuse'eetii fi sooreyyiin hayyootaa akka Yesuus mammaassa kana marroo isaaniitiif mammaake beekanee, yennuma san isa qabiisaaf barbaadane; ammoo kolbaa sodaatane.
Gaaffii Marroo Kaffaliisa Gibiraa
20Isaan Yesuus baalli'ii fi hunna bulchaa worra Rooma'aatitti dabarsanee kenniisaaf, waan inni dubbatuun qaxafiisaaf isa gaadane; maarre dootuu nama balchaa ifi fakkeessitu itti ergane. 21Maarre dootuun, «Barsiisa'a, wonni ati dubbattuu fi barsiittu dhugaa akka teete nuuti hin beenna; nama adoo wol hin caalchisin karaa Waaqaa dhuga'aan hin barsiitta. 22Mootii worra Rooma'aatiif gibira gabbaruun seera moo seeraa moti?» jettee isa gaafatte. 23Yesuus ammoo maltummaa isaanii dhaggee, 24«Beesee ittiin bitaa gurgurattanu takka natti mudhisa'a; Fakki'ii fi barreeffama eennuutitti irra jira?» isaaniin jedhe.
Jennaan, «Ka mooticha worra Rooma'aati» jedhane.
25Maarre Yesuus isaaniin, «Ka mootichaa mootichaaf, ka Waaqaa Waaqaaf kenna'a!» jedhe. 26Isaan kolbaa san duratti waan inni dubbatteen isa qaxafiisaaf hin dandeenne. Deebii isaa baaseffatanee cadhisane.
Gaaffii Marroo Du'aa Ka'iisaa
27Saduqooti gariin, worri du'aa ka'iis hin jiru jedhanu, gara Yesuusii dhufanee, 28«Barsiisa'a, Muuseen, ‹Nami tokko niitii fuudhee ijoollee adoo hin uumatin isii irraa yoo du'e, obboleessi isaa haadha hiyyeessaa san dhaalee sanyii obboleessa ifiitiif dabarsuuti› jedhee nu'uuf barreesseera. 29Obboleeyyan torba, tokko jiran. Angafichi isaanii niitii fuudhee ijoollee adoo hin uumatin du'e. 30Obboleessi isatti aanulle, haadhuma hiyyeessaa san dhaalee ijoollee adoo hin uumatin du'e; 31achiin duuba obboleessi sadeesso'oolle isii dhaale. Akkasuma obboleeyyan torbaanuu adoo isii irraa ijoollee hin uumatin duute. 32Muummee irratti dubartittiille duute. 33Amma, isaan torbaanuu niitumma'aan isii waan fuudhaneeranuuf, guyyaa du'aa ka'iisaa isiin eennuuf haadha manaa teeti ree?» jettee gaafatte. 34Yesuus deebisee, «Worri biyya lafa tanaa hin fuudha, hin heerumalle'e; 35worri du'aa ka'iisaa fi biyya lafaa ta dhuttu keessatti le'iisaaf malane ammoo, hin fuudhanu, hin heerumanulle'e. 36Isaan akka ergantoota Waaqaa waan te'aneef, deebi'anee hin du'anu; waan du'aa ka'aneeranuufille ijoollee Waaqaa hin te'an. 37Muuseenuu, dabarsii marroo tusee gubattuu keessatti, Gootta'aan, ‹Waaqa Abrahaamii, Waaqa Yisihaqii, Waaqa Yaaqoobii› jedhee waan waameef, worri du'ane akka du'aa ka'anu mudhiseera. 38Martinuu isaaf jiraataa waan te'aneef, inni Waaqa worra jiraata'aa ti malee Waaqa du'ootaatii moti» isaaniin jedhe. 39Barsiisoti Seera Muuse'ee gariin deebisanee, «Barsiisaa, dansaa dubbatte» jedhane. 40Achiin duuba isaan deebi'anee gaaffii dhibii isa gaafatiisaaf itti hin gamne.
Gaaffii Marroo Masiihii
41Achiin duuba Yesuus, «Attamiin isaan, ‹Masiihiin Ilma Daawitii ti› jechu'uu dande'an?» jedhee isaan gaafate. 42Daawiti ifiifuu kitaaba faaru'uu keessatti,
«‹Goottaan Goottaa kiyyaan, «Haga ani diinota keeti ejjata miila keetii jala kewutti,
midda kiyyatti tee'i» jedheera› jedhe.
44Daawiti, ‹Goottaa kiyya› jedhee yoo isa waame, attamiin Masiihiin ilma isaa te'a ree?» jedhe.
Yesuus Barsiisota Seera Muuse'ee Irraa Ifi Eeggachiise
45Kolbaan martinuu adoo dhage'iisatti jirtuu, Yesuus baratoota ifiitiin, 46«Barsiisota Seera Muuse'ee, ka woyaa dhedheertuu uffatanee asii fi achi ideemuu jaalatanu, addee dikko'ootitti nageya ulfinnaa akka isaan fuudhanu jaalatanu, Mana Waaqonfannaa Yihudootaa keessatti barcumaa dansaa, lafa jilaatittille addee ulfinnaa filatanu irraa ifi eegadha'a! 47Isaan mana haadhotii hiyyeessaa sossanee, itti aalatiisaaf dheeressanee daadimatan. Muraa hantu'utti isaanitti murama» jedhe.

Você sabia?
Debates nos pátios do templo
- Quando lhe perguntam com que autoridade age, Jesus pergunta se o batismo de João vinha do céu ou dos homens. Os líderes não respondem: se disserem que vinha do céu, ele pode perguntar por que não creram nele; se disserem que vinha dos homens, temem que o povo os apedreje, pois a multidão está convencida de que João era profeta. O Easton's Bible Dictionary (1897) descreve João Batista como de linhagem sacerdotal — seu pai, Zacarias, sacerdote do turno de Abias, e sua mãe, Isabel, das filhas de Arão — e observa que a missão dele foi objeto de profecia.Fontes: o próprio texto bíblico · John the Baptist
- Alguns saduceus, que dizem não haver ressurreição, perguntam de quem seria esposa uma mulher se, como Moisés escreveu, sete irmãos a tivessem desposado, um após o outro, para suscitar descendência. Jesus aponta a passagem da sarça ardente, em que Moisés chama o Senhor de Deus de Abraão, Deus de Isaque e Deus de Jacó, e afirma que Deus é Deus dos vivos. O Easton's Bible Dictionary chama Abraão, filho de Terá, de pai de uma multidão; Isaque, de único filho de Abraão com Sara; e Jacó, também chamado Israel, de segundo gêmeo de Isaque e Rebeca, aquele que segue nos calcanhares de outro.Fontes: o próprio texto bíblico · Abraham · Isaac · Jacob (Israel)
- Jesus pergunta como o Cristo pode ser filho de Davi se o próprio Davi, no livro dos Salmos, o chama de Senhor. O Easton's Bible Dictionary identifica Davi como o oitavo e mais novo filho de Jessé, cidadão de Belém, que no início apascentava as ovelhas do pai nas terras altas de Judá.Fontes: o próprio texto bíblico · David
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org