Nations Bible

Lucas 19

Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.

Yesuusii Fi Zakkewoos

1Yesuus Yerikoo dhaqee keessa dabare. 2Namichi Zakkewoos jedhamu tokko achi jiraayyu. Inni mootii worra qaraxa guuruutii fi nama dureessa. 3Yesuus kam akka te'e beekiisaaf barbaadee, hojjaan isaa ammoo gabaadduu waan teeteef, gumiin waan heddatteef Yesuus dhaggiisaaf hin dandeenne. 4Yesuus karaa saniin waan dabaraaruuf, isa dhaggiisaaf jedhee gumi'iin dura fiigee qilxaa tokko yaabe. 5Yesuus addee san yennaa geye, ol ilaalee, «Zakkewoos, adha mana keeti ooluun waan naa maleef, dafii gad bu'i» jedheen. 6Maarre inni dafee gad bu'ee gammadaan Yesuus fudhate. 7Worri kana dhagge maraa, «Inni keessummumma'aaf mana cubbichaa dhaqe» jedhee gungume.

8Zakkewoos ol ka'ee dhaabbatee Gootta'aan, «Gootta'a! Ani wol qixxee karra tiyyaa hiyyeeyyi'iif hin qooda, eennulle irraa sobee yoo wo fudhadhee jiraadhe, harka afur hin deebisaaf» jedhe.

9Yesuus isaan, «Namichi kunille ilma Abrahaamii waan te'eef, adha fayyinni mana kanaaf dhufeera. 10Ilmi Namaa ka bade barbaadee fayyisiisaaf dhufeera» jedhe.

Mammaassa Worra Saantimiin Worqi'ii Itti Kennantee

11Adoo isaan tana dhage'iisatti jiranuu, Yesuus Yerusaalemitti waan dhikaateeruuf, sababa kolbaan mootummaan Waaqaa yennuma san waan mudhattu seeteertuuf, itti mammaakee, 12«Nami ulfinnaa tokko mootii te'ee deebi'iisaaf, biyya fago'oo dhaqe. 13Inni tajaajiltoota ifii keessaa kudhan waamee, saantimii worqi'ii kudhan itti kennee, ‹Haga ani deebi'utti daddala'aatii bu'aa buusa'a› jedhe. 14Kolbaan biyya isaa ammoo isa jibbitee, ‹Namichi kun akka mootii keenna te'u nuuti hin barbaannu› jettee ergantoota isa faana ergite.

15«Nami ulfinnaa sun mootii te'een duuba deebi'ee dhufe. Achiin duuba, beesee inni kenneen daddalanee, bu'aa isaan buufatane beekiisaaf tajaajiltoota ifii waansise. 16Tajaajilaan duraa dhufee, ‹Gootta'a, saantimii worqi'ii ta ati natti kenniteen, saantimii worqi'ii harka kudhan buufadheera› jedheen. 17Mootichi isaan, ‹Tajaajilaa kiyya dansa'a, dansaa goote! Waan akka malee diqqoo irratti waan addatanteef, ani qachoota gugurdoo kudhan irratti itti gaafatamummaa si'iif hin kenna› jedhe. 18Tajaajilaan lammeesso'oolle dhufee, ‹Gootta'a, saantimii worqi'ii ta ati natti kenniteen harka shan buufadheera› jedhe. 19Mootichi isaan, ‹Atille, qachoota gugurdaa shan irratti itti gaafatamaa hin teeta› jedhe. 20Achiin duuba tajaajilaan dhibiin dhufee, ‹Gootta'a, saantimiin worqi'ii teeti kunoo ti; hoccu'uun maree dhosseera. 21Ati nama hamaa waan teeteef ani si sodaadhe. Ati waan hin kuufatin fudhata, waan hin facaasinille haammatta› jedhe. 22Goottaan isaa, isaan, ‹Tajaajilaa hama'a! Waanuma ati dubbatteen sitti mura. Ani nama hamaa akka te'e, waan hin kuufatin ka fudhadhu, waan hin facaasin ka haammadhu akka te'e eega beettee, 23beesee tiyya worra dhalaan liqeeffatutti maaf hin kennine ree? Silaa yennaa deebi'e, dhala woliin hin fudhadhaayyu› jedhe. 24Achiin duuba inni worra achi dhaabbateeruun, ‹Saantimii worqi'ii san isa irraa fuudha'aatii tajaajilaa saantimii worqi'ii kudhan qabuuf kenna'a!› jedhe. 25Isaan ammoo, ‹Gootta'a, inni duruu kudhan qaba!› jedhaneen. 26Mootichi deebisee, ‹Ani isinitti hima, nama qabuuf itti dabalamee hin kennama; nama hin qanne ammoo ka inni qabuuyyu irraa hin fudhatama. 27Amma ammoo diinota kiyya ka akka ani isaan irratti mootii hin teene barbaadane, as fida'aatii ila tiyya duratti gorra'a'a!› jedheen» jedhe.

Yesuus Ulfinna Gudda'aan Yerusaalem Seene

28Yesuus tana dubbateen duuba isaaniin dura garuma duraa gara Yerusaalemii ol deeme. 29Yennaa addee gaara ejersaa jedhantutti, Betfaage'ee fi Bitaaniya'atti dhikaate, barattoota ifii keessaa lamaaniin, 30«Gara olloota isiniin duraa dhaqa'a; akkuma achi geettaneen ilmayyoo harre'ee mandiida hidhameeruun hin dhaggitan. Hiika'aatii as fida'a. 31Eennulle, ‹Maaf hiittan?› jedhee yoo isin gaafate, ‹Gootta'atti barbaada› jedha'aan» jedhe. 32Maarre worri ergamane dhaqanee, akkuma Yesuus isaanitti hime teeteen dhaggane. 33Adoo isaan ilmayyoo harre'ee san hiikiisatti jiranuu, worri harre'ee, «Maaf ilmayyoo harre'ee hiittan?» jedhee isaan gaafate.

34Isaan deebisanee, «Gootta'atti barbaada» jedhane. 35Achiin duuba isaan harree san gara Yesuusii fidanee, woyaa ifii irra buusanee Yesuus irra teessisane.

36Adoo Yesuus yaabbatee ideemuu, kolbaan woyaa ifii kara'atti atte. 37Yennaa inni karaa gaara ejersaa irraa gad buusutti dhikaate, gumiin barattoota isaa duudiin, hujii bilbaasaa dhaggite maraaf gammaddee, qoonqoo guddo'oon, 38«Mootiin maqaa Gootta'aatiin dhufu ka eebbifame! Ol-gubba'atti nageenni, olii ol-gubba'aatille ulfinni te'u!» jedhaa Waaqa galateeffatte.

39Gumii san keessaa Fariisaayoti gariin, «Barsiisa'a, barattooti teeti akka cadhisanuuf xixi!» Yesuusiin jedhane. 40Yesuus ammoo deebisee, «Ani isinitti hima, yoo isaan cadhisane, dhakooti hin iyyan» jedhe.

Yesuus Yerusaalemiif Bowe

41Yesuus itti dhikaatee qachaa Yerusaalemii yennaa dhagge, boweefii, 42«Adhumalle waan nageya si'ii fidu adoo beettee jiraattaa! Amma ammoo ila teeti duraa dhokateera! 43Guyyooti diinoti keeti dalleya marsanee sitti ijaaranee, si marsanee, karaa maraan sitti cufanu hin dhufa. 44Bara Waaqi itti si fayyisiisaaf dhufe waan hin beenneef, si'ii fi ijoollee teeti ta dalleya keeti keessa jirtu ijjumaa hin balleessan. Dhakaa tokkochalle wol irratti si'iif hin lakkisanu» jedhe.

Yesuus Gara Galma Waaqaa Dhaqe

45Achiin duuba Yesuus Galma Waaqaa seenee, worra achitti wo gurguratu alatti yaase. 46Inni isaaniin, « ‹Manni kiyya mana daadimataa te'a› jedhantee barreeffanteerti; isin ammoo goda saantu'uu gootane» jedhe.

47Yesuus guyyaa mara Galma Waaqaa keessatti barsiise. Sooreyyiin hayyootaa, barsiisoti Seeraatii fi sooressitooti kolba'aa isa ijjeesiisaaf barbaadane. 48Te'uu malee, kolbaan martinuu yaada guutu'uun dubbii isaa dhage'iisatti waan jirtuuf isa wo godhiisaaf karaa hin dhagganne.

Ilustração artística — interpretação, não registro histórico.

Você sabia?

De Jericó a Jerusalém

  • Zaqueu, chefe dos cobradores de impostos e homem muito rico, é descrito como superintendente da alfândega em Jericó. A cidade produzia e exportava então uma quantidade considerável de bálsamo, de modo que o posto aduaneiro era importante e explicaria a sua riqueza. Jericó, “lugar de fragrância”, era uma cidade murada num vasto bosque de palmeiras na planície do Jordão, cerca de cinco milhas a oeste do rio.Fontes: Zacchaeus · Jericho · o próprio texto bíblico
  • Ao subir de Jericó, Jesus se aproximou de Betfagé e Betânia, no monte das Oliveiras, na estrada entre as duas cidades. Betânia, cerca de duas milhas a leste de Jerusalém, na encosta sudeste da serra, recebeu o nome das muitas palmeiras que ali cresciam; Betfagé, “casa do figo verde”, ficava perto e marcava o limite de uma jornada de sábado a partir de Jerusalém, dois mil côvados. O monte das Oliveiras deve o nome às oliveiras de suas encostas e se ergue a leste de Jerusalém, do outro lado do vale do Cedrom.Fontes: Bethphage · Bethany · Mount of Olives · o próprio texto bíblico
  • Ao aproximar-se e ver a cidade, Jesus chorou e lamentou que Jerusalém não tivesse conhecido, naquele dia, o que lhe traria paz. O nome é explicado como “possessão de paz” ou “fundamento de paz”; no original está no dual, provavelmente em referência aos dois montes sobre os quais a cidade foi construída, Sião e Moriá, ou, como alguns supõem, à cidade alta e à cidade baixa. É descrita como uma cidade montanhosa entronizada numa fortaleza de montanha.Fontes: Jerusalem · o próprio texto bíblico

Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.

Lugares deste capítulo

  • Jericho · Hoje: Tell el Alayiq · 31.852, 35.436 · versículo 1
  • Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículos 11, 28, 41
  • Mount of Olives · 31.778, 35.246 · versículos 29, 37

Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Fale com a gente

Conte de onde você lê, como a Bíblia tem te ajudado ou o que podemos melhorar. Lemos todas as mensagens.