Lucas 21
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Kennaa Haadha Hiyyeessaa
1Galma Waaqaa keessatti dureeyyiin subba kennansi itti kuufamu keessa, kennansa ifii buuttuun, Yesuus midhatee dhagge. 2Haati hiyyeessaa hiyyeettiin takkalle saantimii sibiila diima'aa didiqqoo lamaan keessa buuttuun dhagge. 3Inni, «Ani dhugumaan isinitti hima, haati hiyyeessaa hiyyeettiin tun isaan mara caalaa keessa buutte. 4Isaan martinuu qabeenna isaan geyee hafe irraa keessa buusane; isiin ammoo adoo hiyyeetti'iituu, kama ittiin bultu maraa keessa buutte» jedhe.
Yesuus Diigamiisa Galma Waaqaa Dursee Dubbate
5Barattooti gariin Galmi Waaqaa dhakoota dadansa'aa fi kennansa Waaqaaf kennameen attam akka seefame dubbatane. Yesuus ammoo, 6«Wonni isin dhaggitanu kun maraa, dhakaan tokkolle wol irratti hin hafu; yennaan inni itti diigamu hin dhutti» jedhe.
Beessisa Bara Muumme'ee
7Isaan, «Barsiisaa, kun yoom te'a? Wonni kun te'iisaaf akka dhikaate beekiisaaf beessisi te'uuf jiru maan?» jedhanee gaafatane. 8Yesuus deebisee, «Akka hin sobanne ifi eeggadha'a! Namooti hedduun, ‹Ani Kiristoos, Yennaalle dhikaateerti!› jedhaa maqaa kiyyaan hin dhufan. Isin ammoo isaan hin hordofina'a! 9Woraanaa fi worraaqa kolba'aa yennaa dhageettane hin sodaatina'a! Wonni akkasii kun dursee te'uu male; ammoo muummeen yoosuma hin teetu» jedhe.
10Inni itti aansee, «Gosi gosatti, mootummaan mootumma'atti hin kaati; 11tacho'i lafaa guddaan, beeltii fi dhukkubi hamaan addee adde'etti hin te'an; wonni sodaachisuu fi beessisi gugurdaalle ol-gubbaa irraa hin mudhatan. 12Wonni kun maraa adoo hin te'in dura, isaan isin hin qaban, hin miidhan; gara mana waaqonfannaa Yihudootaatii fi mana hidha'aa dabarsanee isin hin kennan; sababa kiyyaaf fuula moototaatii fi bulchitootaa dura isin hin geessan. 13Kunille karaa dhugaa naa ittiin baatanu isiniif hin te'a. 14‹Maan jennee falmanna› jettanee akka hin yaanneef gadha'atti qabadha'a! 15Worri isiniin falmu tokkolle, isin dura dhaabbatiisaaf, yookiin isiniin mormiisaaf ka hin dandeenne, waan dubbattanuu fi qarummaa, aninuu isiniif hin kenna. 16Haadhoti'ii fi abbootiin, obboleeyyan, firoottanii fi lansooti teessanuu dabarsanee isin hin kennan; isin keessaa garii hin ijjeesan. 17Nami martinuu sababa kiyyaaf isin hin jibba. 18Ammoo rifeensi mataa keessanii tokkolle hin badu. 19Isin ciniinnattanee ossatiisaan jiruu hin dhaggattan» isaaniin jedhe.
Yesuus Diigamiisaa Yerusaalemii Duraanuu Dubbate
20Yesuus itti aansee, «Yerusaalem loltootaan marfanteertuun yennaa dhaggitane diigamuun isi'ii akka dhikaate hin beettan. 21Yennaa san worri Yihudaa keessa jiranu gara gaarotaatitti baqatanuu ti; worri qachaa keessa jiranulle keessaa bayanuu ti, worri baadiyyaa jiranulle qacha'atti hin deebi'in. 22Guyyooti kun, ta barreeffante maraa akka muummottuuf, guyyoota adabbi'ii ti. 23Guyyoota sanitti dubartoota ulfaatii fi hoosisaatiif aanne'e! Lafa tana irratti rakkinni hamaan, kolbaa tana irrattille mufiin hin dhutti. 24Gariin shallaaga'aan hin du'an, kuun gara biyya maraa hin booji'aman. Worri Yihudoota hin te'in haga yennaan isaanii muummottutti, Yerusaalem irra hin ejjatan» jedhe.
Deebi'ee Dhufiisa Ilma Namaa
25Yesuus itti aansee, «Beessisi aduu, ji'aa fi urjoota irratti hin te'a. Bulpheessa abbaaya'aatii fi danbali'iitiin ka ka'e lafa irratti gosi duudiin sodaattee, waan gootu wollaalti. 26Hunnooti ol-gubba'aa waan raafamanuuf, kolbaan waan biyya lafaa irratti dhufaaru sodaattee eegatiisaan hin gaggaddi. 27Achiin duuba Ilmi Namaa hunnaa fi ulfinna gudda'aan duumensa keessa dhufuun hin dhaggan. 28Kun maraa te'iisa yennaa jalqabu, fayyinni keessan waan dhikaateeruuf, ka'aa dhaabbadha'aatii mataa keessan ol qabadha'a» jedhe.
Barumsa Muka Harru'uu
29Achiin duuba Yesuus isaanitti mammaakee, «Muka harru'uutii fi mukoota maraa ilaala'a. 30Yennaa baalli isaanii quunxuun dhaggitane, bonni akka dhikaate beettan. 31Maarre isinille, tun maraa teetuun yennaa dhaggitane, mootummaan Waaqaa akka dhikaatte beeka'a. 32Ani dhugumaan isinitti hima, tun maraa haga muummottutti dhalooti kun hin taru. 33Ol-gubba'aa fi latti hin taran, Jechi kiyya ammoo ijjumaa hin taru» jedhe.
Dammaqa'aa Ifi Eegadha'a
34Yesuus itti aansee, «Akka malee nyaataa fi machi'iin yookiin jireenna lafa tanaatiif yaadaa, yennaa teessan balleessitanuun, guyyaan sun akka tiyyo'oo dedhuma akka isin hin qanne ifi eegadha'a! 35Guyyaan sun kolbaa lafa duudii irra leetu maraa irratti hin dhufa. 36Waan te'uuf jiru maraa jalaa bayiisaa fi Ilma Namaa dura dhaabbatiisaaf akka dandeettanu, ifi eegadha'aa, yennaa mara daadimadha'a!» jedhe.
37Yesuus guyyaa guyyaa Galma Waaqaa keessatti barsiisee, halkan halkan gara gaara ejersaa jedhamu gubbaa dhaqee bule. 38Kolbaan martinuu dubbii isaa caqasiisaaf barii halkaniin kaatee gara Galma Waaqaa dhaqaa turte.

Você sabia?
Jerusalém, o templo e os dias que virão
- Uma nota geográfica diz que o nome Jerusalém está no original em forma dual e significa “posse da paz” ou “fundação da paz”. Acrescenta que essa forma provavelmente se refere aos dois montes sobre os quais a cidade foi construída, Sião e Moriá, ou, como alguns supõem, à parte alta e à parte baixa da cidade, e chama Jerusalém de cidade de montanha entronizada sobre um baluarte montanhoso. Neste capítulo, Jesus diz que essa cidade será cercada por exércitos, ficará desolada e será pisada pelos gentios.Fontes: Jerusalem · o próprio texto bíblico
- Jesus manda que os que estiverem na Judeia fujam para os montes quando virem Jerusalém cercada de exércitos. Uma nota geográfica explica que, sob os romanos, no tempo de Cristo, Judeia designava a mais meridional das três divisões da Palestina, distinta da Galileia e da Samaria, embora o nome às vezes fosse usado para a Palestina em geral. Como província, incluía os territórios das tribos de Judá, Benjamim, Dã, Simeão e parte de Efraim, e fazia parte da Síria.Fontes: Judea · o próprio texto bíblico
- O capítulo não começa com exércitos, e sim com uma viúva pobre que põe duas pequenas moedas de cobre no tesouro do templo. Jesus diz que ela deu mais do que os ricos, que contribuíram daquilo que lhes sobrava, porque ela pôs tudo o que tinha para viver. Os discípulos então comentam as belas pedras e as ofertas consagradas do templo, e ele responde que não ficará pedra sobre pedra.Fontes: o próprio texto bíblico
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Lugares deste capítulo
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículos 20, 21, 24
- Judea · Hoje: Judea 1 · 31.777, 35.234 · versículo 21
- Mount of Olives · 31.778, 35.246 · versículo 37
Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org