Jó 30
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
1«Amma ammoo worri gannaan anaa gadii natti murga;
ani abbootii isaanii saree tika hoolee tiyyaa eeddu woliinuu
akka hin teenneef ta tuffadheeru.
2Hunni isaanii waan dhumatteertuuf
maan naa bayan?
3Dhabaa fi beela irraa ta kaate
goomolee nami keessa hin leene
lafa godduu keessa halkaniin daaqane.
4Isaan baala goomole'ee ka kuraawu guuratane;
hidda muka hadhowuulle nyaatane.
5Isaan kolbaa keessaa ari'amane;
akkuma hattu'utti iyyanu namooti isaanitti iyyane.
6Goda bowwaa keessaa
rassaa oddu'uu fi boolla lafa jalaa keessa
le'iis dirqama itti teete.
7Isaan odduu tuse'eetii akka harre'ee baroodane;
badda jalalle'etti wolitti qabamane.
8Isaan worra bu'aa hin qanne, ka maqaa badee
lafa irraa ari'ame.
9«Isaan sirbaan natti murgan;
odduu isaaniitille'etti ka mammaassaa te'eera.
10Isaan na jibbanee na irraa fagaatan;
itti qaanii malee fuula kiyyatti tufan.
11Waaqi hunna tiyya laaffisee
waan gad na qabeef,
akka farda bixaalli irraa bu'ee
waan fedhane na godhane.
12Gara midda kiyyaatiin worri nama jeequ ka'e;
isaan miila kiyyaaf tiyyoo afanee
badii naaf qopheessane.
13Isaan karaa natti cufanee
na balleessiisa barbaadan;
nami na qarqaarulle hin jiru.
14Isaan akka lola'aa dalleya kiyya uranee seenane;
waan mara caccassaa natti dhufane.
15Ani guddoo sodaadheera;
ulfinni kiyya akka waan qilleensi fudhateetitti
na irraa haxowameera;
fayyinni kiyya akka duumensaa dabareera.
16«Amma lubbuun tiyya na keessaa bayaarti;
guyyooti farraalle na qabataneeran.
17Halkan lafeen tiyya na bocci;
dhukkubiin na boccu foora naa hin kennitu.
18Waaqi hunna ifii guddo'oon
woyaa tiyya shuntuurachiiseera;
akka woyaa morma dhipho'oo na hudheera.
19Waaqi dhoqqee keessatti na gate;
anille akka buku'uutii fi daadha'a te'e.
20«Ee Waaqa, ani si waammadhe,
ati ammoo naaf hin deebinne.
Ani dhaabbadhee gara keeti daadimadhe;
ati ammoo cadhittee na ilaalte.
21Ati gadhaa natti jabaattee
hunna teeti guddo'oon na miite.
22Ati ol na fuutee qilleensa irra teessitte;
bubbee keessa asii fi achi na hafarsite.
23Gara du'aa
addee worri jiru duudiin du'ee itti galutti
akka ati na geessitu ani hin beeka.
24«Ani akka mana jigee ti;
eentu deebisee na ijaara ree?
Adoo ani ijjumaa jigee hin badin
Waaqi deebisee na hin ijaaruu ree?
25Ani worra rakkateef hin boonnee ree?
Worra hiyyeeyyi'iifille hin gaddinee ree?
26Yennaa ani waan dansaa barbaadu
wonni hantuun natti dhutte.
Yennaa ani ifa eegadhulle
dukkanti natti dhutte.
27Keessi kiyya raafamee nageya dhabe;
guyyuma guyya'aan rakkadhe.
28Nafi adu'uun adoo hin te'in
gaddaan gurraachowee deema;
yaa'ii keessatti dhaabbadhee
qarqaarsaaf iyya.
29Ani namaan adda bayee jeedalaaf obboleessa
guchi'iif jaala te'eera.
30Gogaan nafa kiyyaa gurraachowee solloqqoye;
lafeen tiyyalle o'aan gubatte.
31Kiraarri kiyya guddichi bowaaf
suusulleen tiyyalle worwaanataaf teete.

Você sabia?
Humilhação, sofrimento físico e os excluídos do deserto
- Neste capítulo, Jó contrasta sua antiga honra com sua humilhação presente nas mãos de marginalizados empobrecidos. Ele descreve esses homens sobrevivendo à margem da sociedade, colhendo malva e raízes de giesta em leitos secos de rios e fendas de rochas.Fontes: o próprio texto bíblico
- Jó emprega metáforas de cerco militar, retratando seus agressores como um exército invasor que constrói rampas e rompe muralhas contra ele, enquanto padece de dores intensas, febre nos ossos e pele escurecida que descasca.Fontes: o próprio texto bíblico
- Para expressar a solidão e a intensidade de sua dor, Jó se compara aos uivos de criaturas do deserto, chamando a si mesmo de irmão de chacais e companheiro de avestruzes, enquanto seus instrumentos musicais, como a harpa e a flauta, se voltam apenas para o pranto.Fontes: o próprio texto bíblico
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org