Jó 29
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Dubbii Iyoobii Ta Dhumarraa
1Iyoob ammalle dubbatee,
2«Le'iin tiyya ta ammaa
ta akka yennaa Waaqi dur na eegee
adoo teete ani attam fedhaayyu!
3Yennaa ifi isaa mataa kiyya irratti ife,
dukkana keessa ani ifa isaatiin ideeme.
4Yennaa bara qananummaa tiyyaa
yennaa eeddoon Waaqaa
dunkaana tiyya irra jirtu,
5yennaa Waaqi waan mara dande'u na woliin jiru,
yennaa ijoolleen tiyya na marsiteertu,
6yennaa ani aananiin miila kiyya dhiqadhe,
yennaa rassaan zayitii ejersaa naaf madde,
7yennaa ani gara seensuma karra qacha'aa dhaqe,
yennaa ani addee wolgeyi'ii san tee'e,
8dargaggooti na dhagganee karaa irraa gorane;
jaarsoleelle kaatee dhaabbatte.
9Sooreyyiin kolba'aalle dubbatuu lakkittee,
afaan qabatte.
10Qoonqoon qondaaltotaa cadhittee,
arrabi isaaniille laagadaa isaaniititti maxxane.
11Ka na dhage'e duudiin na jaje;
ka na dhaggelle duudiin na galateeffate.
12Sababille ani worra hiyyeeyyii iyyu,
rakkoo jalaa baasee,
ijoollee abba'aa fi haadha hin qannelle qarqaareera.
13Worri du'iisaaf dhikaate na eebbiseera;
qarqaarsi ani godhe,
gadhaa haadhotii hiyyeessaa gammachiiseera.
14Ani balchummaa akka woya'aa uffadhe;
muraa dhuga'aalle akka geella'aa uffadhee,
akka marata mata'aalle maradhe.
15Ani worra balla'aaf ila,
worra naafafille miila te'eeraayyu.
16Ani hiyyeeyyi'iif akka abba'aa te'ee,
alaga'aafille wobii te'eeraayyu.
17Ani a'oo nama hama'aa cassee,
waan inni butatelle afaan isaa irraa buuseera.
18«Achiin duuba ani,
‹Barri kiyya akka maansaa bacatee,
manuma kiyya keessatti hin du'a.
19Ani akka muka hidda gara bisaanii yaafatee,
halkan guutuulle fixeensi damee isaa irra jiruu ti.
20Ulfinni kiyya yennaa mara haareya te'ee hin jiraata;
Hunni tiyyalle yennaa mara guubee haareya› jedhe.
21«Namooti miidhassanee na caqasane;
gorsa kiyyalle dhage'iisaaf cadhisane.
22Ani dubbadheen duuba,
isaan deebi'anee hin dubbanne;
dubbiin tiyya gurra isaaniititti coxxe.
23Isaan akka nama bokkeya eegatuu na eegatane;
akka nama bokkeya furmaataa eegatuu
afaan ifii bananee dubbii tiyya eegatan.
24Yennaa isaan ifi addii dhabane
ani isaanitti seeqadhe;
ifi fuula kiyyaalle isaan jajjabeesse.
25Ani karaa isaaniif filee
bulchaa isaaniif te'e.
Akka mooticha loltoota ifii odduu le'uu,
odduu isaanii le'e.
Akka nama worra gadde jajjabeessuu,
isaan jajjabeesse.

Você sabia?
Jó recorda sua antiga honra
- Na Antiguidade, o portão da cidade e a praça pública funcionavam como o centro da liderança comunitária, das assembleias e das decisões judiciais. Jó relembra que se sentava ali como conselheiro e chefe honrado, onde os jovens se afastavam, os anciãos se levantavam em respeito e os nobres silenciavam para ouvir suas orientações.Fontes: o próprio texto bíblico
- Jó descreve sua antiga retidão em termos de justiça social e proteção ativa aos vulneráveis. Ele atuava como defensor e amparo dos pobres, dos órfãos, das viúvas, dos cegos, dos coxos e dos estrangeiros, ao mesmo tempo em que reprimia os opressores.Fontes: o próprio texto bíblico
- Jó é identificado como um patriarca árabe que residia na terra de Uz. Neste capítulo, ele recorda com profunda saudade o período anterior às suas súbitas calamidades, quando seus filhos estavam reunidos ao seu redor e sua casa desfrutava de grande prosperidade e da amizade com Deus.Fontes: Job · o próprio texto bíblico
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org