Jó 31
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
1«Ani ila halcha'aatiin gara durraa akka hin ilaalle
ila tiyya woliin gondooroo gondooradheera.
2Gubbaa irraa Waaqa biraa qoodi namaa maan?
Ka waan mara dande'u ka addee oli aantuu jiru biraa
dhaalli namaa maan?
3Balaan worra hama'aaf
badiin worra dokonkora hujuufii motii ree?
4Waaqi karaa kiyya hin dhagguu ree?
Tarkaaffii tiyya duudiille hin laakkowuu ree?
5«Sobaan yoo deemee jiraadhe
miilli kiyya sobiisaaf yoo ariifatee jiraate,
6akka ani komii hin qanne akka beeku
Waaqi kiiloo sirri'iitiin na madaaluu ti.
7Faanti tiyya karaa irraa yoo gortee jiraatte
gadhaan kiyya waan ilti tiyya dhaggitee
yoo hordofee jiraate
harki kiyyalle cubbu'uun yoo battowee jiraate,
8waan ani facaase nami dhibiin nyaatuu ti;
midhaan kiyya duudiille buqqa'ee baduu ti.
9«Gadhaan kiyya dubarti'iin sossobamee,
balbala ollaa kiyyaa duratti riphee
haadha manaa isaa eegadhee yoo jiraadhe,
10haati manaa tiyya
nama dhibi'iif midhaan daattuu ti;
nami dhibiille isii woliin rafuu ti.
11Wonni kun yakkaa guddoo
seera duratti adabbii namatti fiddu.
12Cubbuun tun akka ibiddaa guddee balleessiti;
ani adoo tana godhee jiraadhe
karra tiyya mara hin balleessitiiyyu.
13«Tajaajiltooti tiyya ta dhiiraatii fi ta durraa
natti iyyatanuun,
iyyata isaanii dhage'iisa yoo dhabee jiraadhe,
14yennaa Waaqi mura'aaf ka'u
ani maan godhu'uu jira ree?
Yennaa inni na gaafatu
ani maan deebisu'uu jira ree?
15Gadaamessa haadha tiyyaa keessatti na dadee,
tajaajiltoota tiyyalle ka dade isaa motii ree?
Nu mara gadaamessa keessatti ka dade
isumaa motii ree?
16«Waan Hiyyeeyyiin halchite
ijjumaa dhooggadhee hin beeku;
haadhotii hiyyeessaalle jajjabeessiisa hin lakkinne.
17Ijoollee haadhaa fi abbaa hin qanne beelottuun
sagalee tiyya qofi hin nyaanne.
18Ammoo dargaggummaa tiyyaa jalqabee
akka abba'aa isaaniif te'eera;
bara jiruu tiyyaa mara
haadhotii hiyyeessaa qarqaareera.
19Nama daare tokko
yookiin hiyyeessa qullaa jiru tokko dhaggee,
20woyaa rifeensa hoolee tiyyaa irraa hujante,
itti uffiseeruun o'ifatee
yennaan inni na hin eebbisin hin jirtu.
21Kora mura'aa duratti
fudhatama dhaggatiisa kiyya beekee
ijoollee hadhaa fi abbaa hin qanne
yoo miidhee jiraadhe,
22harki kiyya gurmuu tiyya irra buqqa'u;
mitikaan harka kiyyaalle caccabu.
23Badii Waaqi na irratti fidu waan sodaadheef,
sodaachisuu arnya isaa irraa ta kaate
waan akkasii godhuu hin dandeenne.
24«Ani worqi'itti addii godhadhee hin beeku;
yookiin worqii qulluulle'etti hin addanne.
25Karri tiyya guddoo waan teeteef,
yookiin durummaan tiyya waan bacatteef
gammadee yoo jiraadhe,
26ifa adu'uu, yookiin ji'a ulfinnaan deemu
ilaalee yoo jiraadhe,
27gadhaan kiyya dhossa'aan sobamee,
ifa adu'uutii fi dansummaa ji'aatiif
harka kiyya sunqatiisaan
isaan waaqonfadhee yoo jiraadhe,
28ani Waaqa ol-aana'aaf addatamuu waan dhabeef,
tun cubbuu du'a namatti mursiittu.
29«Ani badii worra na jibbuutitti hin ilillinne;
hantuun yennaa isaan dhaqqaddelle
ani hin gammanne.
30Jiruun diina kiyyaa akka baddu abaaree,
afaan kiyya cubbuu akka dubbatu hin goone.
31Nami mana kiyyaa
‹Sagalee isaa nyaatee ka hin quufin eentu jira?›
jedhan.
32Ani worra karaa deemuuf
balbala tiyya waan baneef
keessummaan karaa keessa hin bulle.
33Ani yakkaa tiyya gadhaa kiyya keessatti dhoffadhee,
akka worra dhibi'ii cubbuu tiyya hin gollanne.
34Kolbaa bindillaa sodaatiisaan
tuffiin maati'ii na bararassitee
mana keessaa adoo hin bayin
cadhisee mana keessa hin teenne.
35«Maalo'o, nama naa dhage'u adoo qabaadhe!
Akka dhugaa dubbadhe mudhisiisaaf
mallattoon tiyya kunoo ti.
Waaqi waan mara dande'u naaf deebisuu ti;
Ka na himatu himata ifii tarre'een barreeffatee
adoo hin dhikeeffatuu!
36Silaa ani dhugumaan himata san
gurmuu tiyya irratti hin kaafadhaayyu;
akka kallachaalle mataa kiyya irratti hin keyadhaayyu.
37Ani laakkossa tarkaaffii tiyyaa duudii isatti hima;
akka sooressa guddaa tokkoolle isatti dhikaadha.
38«Worra lafa qabu cunqursee
lafa isaaniille hunnaan fudhadhee qotee yoo jiraadhe,
39midhaan isaanii kaffaltii malee nyaadhee,
akka isaan du'anu godhee yoo jiraadhe,
40lafa san irratti addee qamadi'ii qoreen
addee garbu'uu jigidaan ajowu latuu ti» jedhe.
Dubbiin Iyoobii as irratti dhumatte.

Você sabia?
O Juramento Final de Inocência de Jó
- Jó estrutura sua defesa por meio de uma série de maldições condicionais sobre si mesmo, jurando que, se cometeu determinados pecados morais ou sociais, severas punições deveriam atingi-lo. Seu código ético vai além dos atos externos e abrange motivações internas, exigindo justiça até para seus servos, pois senhor e servo foram formados no ventre pelo mesmo Deus.Fontes: o próprio texto bíblico
- Jó rejeita a antiga prática de lançar um beijo com a mão em direção ao sol radiante ou à lua em esplendor. No antigo Oriente Próximo, beijar a mão em honra aos corpos celestes era uma forma comum de adoração astral, a qual Jó considera um pecado que nega o Deus altíssimo.Fontes: o próprio texto bíblico
- O capítulo assinala o encerramento dos discursos de Jó com um apelo jurídico formal. Ele apresenta sua assinatura e pede que o Todo-Poderoso lhe responda, afirmando que carregaria com honra qualquer acusação formal sobre os ombros como uma coroa, aproximando-se de Deus com a dignidade de um príncipe.Fontes: o próprio texto bíblico · Job
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org