Isaías 43
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Waaqi Kolbaa Ifii Hin Woda
1Amma ammoo, ee Yaaqoob, ka si dade,
ee Israa'el, ka si huje,
Mootiin Waan Maraa,
«Ani waan si wodeef hin sodaatin;
ani maqa'aan si waameera, ati kiyya.
2Yennaa ati bisaan keessa dabartu
ani si woliin hin jiraadha;
yennaa ati laga gamatti buutu
bisaan si hin fudhatu;
ibidda keessa yennaa ideentu hin gubattu;
bobeenni ibiddaalle si hin gubu.
3Ani Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti,
Woyyichi Israa'elii
fayyisaa keeti.
Ani Gibxii wodoo teetiif,
Itoophiya'aa fi Saabaa addee teeti hin kenna.
4Ati na duratti gatii guddo'oo fi
ulfinna waan qadduuf,
ani waan si jaaladhuufille addee teeti kolbaa,
addee lubbuu teetii gosa biyya adda hin kenna.
5Ani si woliin waan jiruuf hin sodaatin!
Ani ijoollee teeti karaa aduun baatu irraa hin fida;
karaa aduun seentulle'e isin
wolitti hin qaba.
6Ani biyya kaabaatiin, ‹Kolbaa tiyya fida'a!›
Biyya kibbaatille'een,
‹Isaan hin dhooggina'a!› hin jedha;
ilmaan tiyya biyya fago'oo irraa,
ijoollee tiyya ta durraa qaccee biyya lafaatii fida'a.
7Kolbaa maqaa kiyyaan waamante mara,
ta ani ulfinna kiyyaaf dadadhe,
ta ani bifa itti tolchee huje fida'a!» hin jedha.
Israa'el Dhugaa Baatota Mootii Waan Maraa Ti
8Mootiin Waan Maraa, «Kolbaa tiyya ila adoo qadduu ta hin dhaggine,
gurra adoo qadduu ta hin dhageenne fida'a.
9Gosi biyya adda addaa marti wolitti qabantuu ti;
kolbaan marti wolitti dachaatuu ti.
Isaan keessaa duraan dursee tana ka nutti hime,
waan dur te'eeru ka nutti lasse eennu?
Worri dhibiin dhage'ee,
‹Tun dhuga'a› akka jedhu,
sirrii akka te'ane mirkaneessiisaaf,
dhugaa baatota dhikeeffatanuu ti.
10«Isin beettanee,
akka natti dhugeeffattanu,
tana ka godhe ana Waaqa dhuga'aa akka te'e
akka hubattanu,
isin kolbaan Israa'elii,
dhugaa baatota tiyya;
tajaajilaan ani filadhelle isinuma;
Anaan qara waaqi dhibiin hin jiru;
anaan duuballe hin jiraatu.
11«Anumattuu Mootii Waan Maraa ti;
ana malee fayyisaan dhibiin hin jiru.
12Ani duraan dursee himeera;
isin fayyiseera;
isinitti dubbadheera;
waaqoti ormaa odduu teessanitti
tana hin goone.
Ani Waaqa akka te'e
isin dhugaa baatota tiyya.
13Ani duruuyyuu Waaqa;
gara duraalle ka jiraatu anuma.
Eennulle harka kiyya keessaa bawuu hin dande'u;
waan ani huju eentu jijjiiruu dande'a?» jedhe.
Israa'el Baabilon Jalaa Baate
14Mootiin Waan Maraa ka isin wode, Woyyichi Israa'elii,
«Ani marroo teessaniif jedhee
loltoota tiyya Baabilonitti hin erga;
karra qachaa Baabilonii mara hin caccassa;
geerarsa worra Baabiloniille bowatti hin jijjiira.
15Ani Mootiin Waan Maraa Woyyichi keessan,
ka Israa'el dade,
mootii keessan» jedha.
16Mootiin Waan Maraa abbaayaa keessatti karaa,
bisaan jabaa keessatti daandii ka baase,
17garreettota fardo'oon harkifamuu fi fardoo,
loltootaa fi gootota deebi'anee akka hin kaane,
achumatti akka hafanu,
akka bobe'a dhaamuu ka dhaanfe,
18«Waan durii dedha'a;
waan dabare hin yaadina'a.
19Kunoo, ani waan haareya hin godha;
isiin ammuma hin teeti;
isin hin hubatanuu?
Ani goomolee keessatti karaa,
lafa godduu keessalle'etti bisaan hin baasa.
20Ani kolbaa tiyya ta filadhe obaasiisaaf,
goomolee keessatti bisaan,
lafa godduu keessalle'etti
lagi akka yaa'u waan godhuuf,
bineensoti, jeedalli fi guchiin
ulfinna naaf hin kennan.
21Kolbaan ani ifiif dadadhelle
na hin leellifatti» jedha.
Cubbuu Israa'elii
22Mootiin Waan Maraa, «Ee Yaaqoob, ati na hin waammanne;
ee Israa'el, ati na tajaajiliisa dadhaddeerta.
23Ciincaa naaf dhikeessiisaaf
hoolee naaf hin finne;
ciincaa teetille'een
ulfinna naaf hin kennine.
Kennansa midhaanii akka naaf dhikeessitu,
ani ba'aa si'itti hin teene;
hixaana akka naaf aarsituufille
si hin dadhassiinne.
24Beesee teetiin dakkara naaf hin binne;
yookiin ciincaa coomaa teetille'een
dharraa na hin baanne;
ammoo cubbuu teetiin ba'aa natti teetee,
yakkaa teetiin na dadhassiitte.
25Ka ifumaaf jedhee,
yakkaa teeti si irraa balleessu anuma;
ani cubbuu teeti
deebi'ee si irratti hin laakkowu.
26«Waan si godhe himadhu me!
Waan kana wol falmannuu ti;
sirrii akka teete himi.
27Abbaan keeti ka qaraa cubbuu hujeera;
namooti si'iif dubbatanulle
na finqilaneeran.
28Tanaaf ani qondaaltota
Galma keessaa hin salphisa;
Yaaqoob ijjumaa balleessee,
Israa'el hin qaanessa» jedha.
Você sabia?
Redenção, Resgate e Novos Começos
- Quando Deus declara que o Egito, Cuxe e Sebá são dados como resgate por Israel, o texto se refere a terras de destaque no nordeste da África. Cuxe ficava ao sul do Egito, enquanto Sebá era um antigo reino na mesma região, frequentemente associado a Meroé.Fontes: Egypt · Cush · Seba · o próprio texto bíblico
- A profecia menciona especificamente o envio contra a Babilônia e o abatimento dos caldeus em seus navios. A antiga cidade imperial da Babilônia estava situada ao longo do rio Eufrates, na Baixa Mesopotâmia.Fontes: Babylon · o próprio texto bíblico
- O capítulo é estruturado em torno de um cenário de tribunal divino, no qual Deus convoca as nações reunidas e constitui Israel como Suas testemunhas. Ele contrasta os deuses estrangeiros consigo mesmo, o único Criador e Salvador que abre caminhos no deserto e rios na terra seca.Fontes: o próprio texto bíblico
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Lugares deste capítulo
- Cush · Hoje: Cush 1 · 16.935, 33.751 · versículo 3
- Egypt · 30.129, 31.308 · versículos 3, 17
- Sheba · 15.348, 44.206 · versículo 3
- Babylon · 32.543, 44.422 · versículo 14
- Chaldea · 30.962, 46.104 · versículo 14
Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org