Nations Bible

Isaías 44

Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.

Mootiin Waan Maraa Waaqi Isa Qofa

1Mootiin Waan Maraa, «Ee tajaajilaa kiyya Yaaqoob,

Israa'elii ani filadhe,

na dhage'i» jedha.

2Ka si dade,

gadaamessa haadha teetii keessatti

ka si huje, ka si qarqaaru,

Mootiin Waan Maraa, «Ee tajaajilaa kiyya Yaaqoob,

Yeshuuruunii ani filadhe, hin sodaatin.

3«Ani lafa dheebisaa irratti bisaan baasee,

lafa godduu irralle lagi akka lola'u hin godha;

Ani sanyii teeti irratti Ayyaana kiyya,

ijoollee ijoollee teeti irralle'etti

eebba kiyya hin dhangalaasa.

4Isaan akka marra bisilee diida keessaa

akka muka irga lagaa yennaa mara hin bisilan.

5«Kolbaan tokko tokkoon, yaatee dhuttee,

nami tokko, ‹Ani ka Mootii Waan Maraa ti› hin jedha.

Kuun, maqaa Yaaqoobiitiin ifi hin waama;

ka dhibiin, ‹Ani ka Mootii Waan Maraa ti› jedhee,

harka ifii irratti hin barreeffata;

maqaa Israa'eliitiin ifi hin waama» jedha.

6Mootiin Waan Maraa mootichi Israa'elii

ka Israa'el wode,

Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade,

«Ka duraatii fi ka duubaalle ana;

ana malee Waaqi dhibiin hin jiru.

7Ka akka kiyyaa eennu?

Yoo jiraate dubbatuu ti.

Inni haga ani dur namoota dadeen jalqabee,

waan te'e, waan dhufu'uu jirulle na duratti himuu ti.

8Hin sodaatina'a; hin nayina'a!

Ani tana isinitti hin hinnee ree?

Durseelle isinitti hin beessinnee ree?

Isin dhugaa baatota tiyya.

Ana malee Waaqi dhibiin jiraa ree?

Ana malee rassaan dhibiin hin jiru;

ani eennulle hin beeku» jedha.

Waaqoti Dharaa Bu'aa Hin Qabanu

9Worri waaqota dharaa hujanu marti womaayyuu moti; wonni isaan itti gammadanu sunille bu'aa hin qaddu. Worri isaaniif dhugaa bayu balla'a; beekkumsa hin qabanu; hin qaanowanille'e. 10Eentu waaqa bocatee, waaqa dharaa ka isaaf wo hin baane baqisiifatee hujata ree? 11Kunoo, worri isaan waaqonfatu marti hin qaanowa. Worri waaqota dharaa san huju namuma; isaan marti wolitti qabamanee, fuula kiyya dura dhaabbatanuu ti. Isaan nayanee, hin qaanowan.

12Nami sibiila tumu, qarapha'aan qabee, kashila cile'ee keessa keyee, irree ifii jaddu'uun burrisaan tumee waaqa dharaa bifa itti godha. Inni yennaa waan kana huju hin beelowa, hin dheebota, hin dadhaba.

13Nami muka bocu muka wodaro'oon mikee, fakkii namaa cile'een irratti kaasee, ura'aan qiriixa; fakkeenna namaatiin seesee hujee mana ifii keessa keyata. 14Inni tana godhiisaaf muka hindheensaa hin mura; birbirsaa fi muka qilxa'aa filee, mukoota gongomaa keessaa woliin akka guddatanu hin lakkisa yookiin hindheensa dhaabee bokkeenni guddisa. 15Muki sun qoraaniif te'a; gamisa muka sanii bobeessee hin qanqaammata; gamisa bobeessee, daabboo itti bilcheeffata; gamisa ammoo waaqa bocatee, hin waaqonfata; kaan waaqa dharaa bocee itti sagada. 16Inni qoraan gamisa ibiddatti naqee, bobeessee sagalee itti bilcheeffata; foon itti woddatee, haga quufutti hin nyaata. Ibidda qanqaammatee, «Hashuu! Ibidda dhaggadhee, O'ifadhe!» hin jedha. 17Muka hafe irraa, waaqota dharaa hujee itti hin sagada; hin waaqonfatalle'e; gara isaa daadimataa, «Ati waaqa kiyya, na fayyisi» jedha.

18Namooti akkasii waan tokkolle hin beekanu; waan tokkolle hin hubatanu; akka isaan hin dhaggine, ilti isaanii qabanteerti; akka hin hubanne, qalbiin isaanii duuddeerti. 19Marroo waan kanaa nami itti yaade hin jiru; nami tokkolle beekkumsaa fi hubantii qabaatee, «Ani gamisa muka sanii bobeessee, kashila isaa irratti daabboo bilcheeffadhee, foon itti woddadhee nyaadheera. Muka hafeen waan battii hujaa ree? Turqumaa sanitti sagadaa ree?» ka jedhu hin jiru.

20Nami waan daadhaa te'utti addatu, nama qalbiin isaa dokonkortuun dokonkorsite; inni ifi fayyisuu hin dande'u; yookiin, «Wonni harka middicha kiyya irraa kun, waan dharaatii motii?» hin jedhu.

Mootiin Waan Maraa Kolbaa Israa'elii Hin Woda

21Mootiin Waan Maraa, «Ee Yaaqoob, ee Israa'el, ati tajaajilaa kiyya waan teeteef, waan kana qaabadhu;

ani si dadeera; ati tajaajilaa kiyya;

ee Israa'el ani si hin dedhu.

22Ani yakkaa teeti akka duumensaa,

cubbuu teetille akka hurrii ganamaa haxowee balleesseera;

ani waan si wodeef, gara kiyya deebi'i» jedha.

23Ee ol-gubba'a, Mootiin Waan Maraa tana waan godheef,

gammadaan faarsa'a;

ee qilee lafaa, ilillisa'a.

Gaaroti, badda'aa fi muki achi keessa jirtanu marti

Mootiin Waan Maraa Yaaqoob wodee,

Israa'el keessatti ulfinna ifii waan mudhiseef,

faaruu dayyaasa'a.

24Ka si wode,

gadaamessa haadha teetii keessatti

ka si huje,

Mootiin Waan Maraa, «Ani Mootiin Waan Maraa,

waan mara dadee,

ol-gubbaa qofuma tiyya diriirsee,

biyya lafaa tanalle badhise,

25ka beessisa raagota dharaatii fi

worra moru gatii dhassiisee,

qarummaa qaroole'ee garagalchee,

beekkumsa isaaniille gowwumma'atti ka deebisu,

26waan tajaajiltooti tiyya dubbattee fi

raaga ergantoota tiyyaalle ka muummessu,

Yerusaalemille'een, ‹Kolbaan deebitee si keessa hin leeti›,

qachoota Yihuda'aatille'een,

‹Deebitanee hin ijaaratan;

bututa keessanille hin haaressa› ka jedhu,

27abbaaya'aan, ‹Gogi;

laga si keessaa hin gosa› ka jedhu,

28Qiirosiin,

‹Inni tissee kolbaa tiyyaa ti;

inni fedha kiyya mara hin muummessa› ka jedhu,

Yerusaalemiin, ‹Deebitee ijaarantuu ti› ka jedhu,

Galma Waaqaatille'een,

‹Hundeen isaa keyantuu ti› ka jedhu ana» jedha.

Você sabia?

O verdadeiro Deus, falsos ídolos e Ciro

  • Isaías 44 apresenta uma crítica detalhada da idolatria, ilustrando a ironia de fabricar divindades a partir da madeira. Um carpinteiro derruba uma árvore e queima metade dela para assar pão, cozinhar carne e se aquecer, enquanto esculpe o restante em uma imagem e ora a ela pedindo livramento.Fontes: o próprio texto bíblico
  • O capítulo se encerra com uma profecia específica que nomeia Ciro como o pastor de Deus encarregado de ordenar a reconstrução de Jerusalém e o lançamento dos alicerces do templo. Ciro, rei da Pérsia, conquistou a Babilônia em 538 a.C. e promulgou o decreto permitindo o retorno e a reconstrução judaica.Fontes: Cyrus · o próprio texto bíblico
  • Deus se dirige ao povo usando tanto os nomes ancestrais Jacó e Israel quanto o título Jesurum. Apesar das origens humanas imperfeitas associadas ao patriarca Jacó, o texto assegura que Deus apagará seus pecados como uma névoa e derramará Seu Espírito sobre seus descendentes.Fontes: Jacob (Israel) · o próprio texto bíblico

Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.

Lugares deste capítulo

  • Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículos 26, 28

Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Fale com a gente

Conte de onde você lê, como a Bíblia tem te ajudado ou o que podemos melhorar. Lemos todas as mensagens.