Nations Bible

Isaías 42

Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.

Tajaajilaa Mootii Waan Maraa

1Mootiin Waan Maraa, «Tajaajilaan kiyya

ka ani ol qabee fi ka ani filadhe,

ka ani itti gammadu kana.

Ani ayyaana kiyyaan isa hin guuta;

inni gosa biyya adda addaatiif haqa hin fida.

2Inni hin iyyu yookiin qoonqoo ifii ol hin qabatu;

qoonqoo ifiille karaa irratti hin dhageessisu.

3Inni shonbooqqoo dhodhootelle hin cassu;

ifa dhaamiisa geyelle hin dhaanfu;

inni addatamumma'aan haqa hin fida.

4Inni haqa biyya lafaa irratti

haga fidutti,

hin dadhabu, addiille hin kutatu.

Worri oddoola keessa le'u

seera isaa addii godhatan» jedhe.

5Mootiin Waan Maraa

Waaqi ol-gubbaa dadee diriirse,

biyya lafaatii fi

waan isii keessa jiru mara ka dade,

lafa tana irratti namootaaf hafuura ka kenne,

worra lafa irra le'u maraafille jiruu ka kenne,

6«Ani Mootiin Waan Maraa

balchumma'aan si waameera;

ani harka si qabee, si eega;

kolba'aaf gondooroo,

gosa biyya adda addaatiif

ifa akka teetu si godheera.

7Ila worra balla'aa akka bantu,

worra hidhame akka hiittu,

worra dukkana mana hidha'aa keessa jirulle

akka baattu si godha.

8«Ani Mootii Waan Maraa ti;

maqaan kiyya isuma kana;

ani ulfinna kiyya waaqota dhibi'iif,

leellisa kiyyalle waaqota dharaatiif hin kennu.

9Kunoo, wonni dur dubbatante muummotteerti;

ani waan haareya isinitti dubbadha;

adoo isiin hin te'in isinitti beessisa» jedhe.

Faaruu Leellisaa

10Isin worri abbaayaa irra ideentanu,

isin dadi achi keessa leetanu marti,

isin worri oddoola keessaa

ka achi leetanu marti,

faaruu haareya Mootii Waan Maraatiif faarsa'a;

haga qaccee lafaatille'etti isa leellifadha'a.

11Goomole'ee fi qachooti achi keessa jiranu,

qoonqoo ifii ol qabatanuu ti;

worri Qedaar keessa le'u,

isa leellisanuu ti;

Worri qachaa Selaa keessa le'u

gammadaan faarsuu ti;

worri gaara gubba'aalle ilillisuu ti.

12Isaan Mootii Waan Maraatiif

ulfinna kennanuu ti;

leellisa isaalle

worra oddoola keessaatitti lallabanuu ti.

13Mootiin Waan Maraa

akka nama hunnaamessaa hin duula;

akka nama gootaa hinaaffaan isaa

isa keessaa hin kakkaati;

inni qoonqoo guddo'oon geerarsa lolaa hin geerara;

diinota ifiille hin injifata.

14Mootiin Waan Maraa,

«Ani yennaa hedduu cadhisee,

sarmee, ifi qabadhe;

amma ammoo akka dubartii ciniinsifattuu

hin iyya, ittanaa, hin hargana.

15Ani koobotaa fi gaarota hin onsa;

waan isaan irratti late mara hin gossa.

Laga oddoola hin godha;

baleessalle hin gossa.

16«Worra ballaa karaa isaan hin beenne irra,

daandii dur isaan deemanee hin beenne irra,

ani isaan hin sooressa;

ani isaan duratti dukkana ifa hin godha;

daandii kattattaalle wol hin qixxeessa.

Ani tana isaaniif hin godha;

isaan hin lakkisu.

17Worri waaqota dharaatitti addattu,

ka fakki'iin, ‹Isin waaqota keenna› jedhu,

deebi'anee hin qaanowan.

Israa'el Mootii Waan Maraa Caqasuu Didde

18«Isin worri duudaan dhage'a'a!

Isin worri ballaan ilaala'aa, dhagga'a!

19Tajaajilaa kiyya malee, ballaan eennu?

Ergamaa ani erge malee,

duudaan eennu?

Ka akka nama ifi naaf kennee,

yookiin ka akka tajaajilaa kiyyaa ballaan eennu?

20Ee Israa'el, isin waan hedduu dhaggitaneertan;

ammoo hin qalbeeffanne;

gurri keessan bana'a;

ammoo waan tokkolle hin dhageettanu» jedhe.

21Mootiin Waan Maraa balchummaa ifiitiif jedhee,

seera ifii gudda'aa fi

ka ulfinna qabu godhiisa jaalate.

22Kolbaan tun ammoo, saamantee booji'anteerti;

isaan marti boolla keessatti qabamanee,

manni hidha'aa isaanitti cufameera;

isaan saamamaneeran;

nami isaan baasu hin jiru;

isaan booji'amaneeran;

ka, «Isaan deebisa'a!» jedhu hin jiru.

23Isin keessaa tana ka caqasu eennu?

Waan dhufu'uu jirulle eentu dhage'ee, qalbeeffata?

24Yaaqoob worra saamutti dabarsee ka kenne eennu?

Israa'el worra booji'utti dabarsee ka kenne eennu?

Mootii Waan Maraa ka nuuti fuula isaa duratti

cubbuu hunye sanii motii ree?

Nuuti karaa isaa hin hordonne;

seera isaatiifille hin ajajanne.

25Tanaaf inni aarii ifii ta bobeettuu fi

woraana hamaa nutti fide.

Inni bobe'a ibiddaatiin nu marse;

nuuti ammoo hin hubanne;

bobe'i ibiddaa nu gube;

nuuti ammoo hin qalbeeffanne.

Ilustração artística — interpretação, não registro histórico.

Você sabia?

O Servo do SENHOR e o Cântico Universal de Louvor

  • Isaías 42 apresenta o Servo escolhido de Deus, designado para trazer justiça suavemente às nações e ser luz para os prisioneiros sem quebrar a cana trilhada. Mais adiante no mesmo capítulo, Israel também é chamado de servo, embora retratado como cego, surdo e saqueado por desobedecer à lei de Deus.Fontes: o próprio texto bíblico
  • O chamado profético ao louvor alcança regiões desérticas remotas, mencionando expressamente os povoados de Quedar e as escarpas de Selá. Quedar refere-se às tribos árabes nômades que viviam em tendas pretas no noroeste da Arábia, enquanto Selá, que significa rocha, era uma fortaleza em Edom, mais tarde conhecida como Petra.Fontes: o próprio texto bíblico · Kedar · Sela

Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.

Lugares deste capítulo

  • Kedar · 29.811, 39.868 · versículo 11

Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Fale com a gente

Conte de onde você lê, como a Bíblia tem te ajudado ou o que podemos melhorar. Lemos todas as mensagens.