Isaías 41
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Waaqi Israa'el Hin Qarqaara
1Mootiin Waan Maraa,
«Isin worri oddoola keessaa, na duratti cadhisa'a!
Gosi biyya adda addaa jabeenna ifii haareffattee,
gara kiyya dhikaattee dubbattuu ti;
addee mura'aatitti wol dhagginuu ti.
2«Balchumma'aan akka tajaajiluuf,
karaa aduun baatu irraa
kakkaasee ka isa waame eennu?
Inni gosa biyya adda addaa dabarsee isatti kenne;
moototi akka isaaf bitamanu godhe.
Innille shallaagaa ifiitiin akka buku'uu isaan godhe;
guubee ifiitille'een
akka qilleensa hicaacee haxowuu
isaan bittinneesse.
3Inni isaan ari'aa, rakkoo malee dabare;
karaa miilli isaa qara irra ideemee hin beenne deeme.
4Tun akka teetu ka godhee fi ka muummesse,
Jalqabumaayyuu dhalooti marti
akka jiraatanu ka godhe eennu?
Ani Mootiin Waan Maraa ka dhaloota duraatii fi
dhaloota duubaa wolille'een jiru,
ani isuma.
5«Kolbaan oddoolota keessa leetu
waan ani godhe kana dhaggitee sodaatte;
worri qaccee biyya lafaa jirulle romme;
isaan wolitti qabamanee gara kiyya dhufane.
6Isaan marti wol hin qarqaaran;
nami tokko nama kaaniin, ‹Jabaadhu!› hin jedha.
7Nami hujii harkaa beeku
nama worqii baqisiisu hin jajjabeessa;
ka burrisaan wol qixxeessu,
ka boraatii irratti sibiila tumu jajjabeessa.
Inni hujiin sibiila wolitti qassiisiisaa
tun, ‹Dansa'a› jedha;
fakkiin sun akka hin jinneef
misimaaraan dhowa.
8«Ee Israa'el, tajaajilaa kiyya,
Yaaqoobii ani filadhe,
ati sanyii Abrahaamii jaala kiyyaa ti.
9Ani qaccee biyya lafaatii si fide;
biyya fago'oo irraa si waame;
ani si'iin, ‹Ati tajaajilaa kiyya› jedhee,
si filadhe malee, si hin ganne.
10Ani si woliin waan jiruuf hin sodaatin!
Ani Waaqa keeti waan te'eef hin rifatin!
Ani si hin jabeessa; si hin qarqaara;
harka kiyya middicha balchichaan ol si hin qaba.
11«Kunoo, worri sitti aare martinuu
hin fokkifata; hin qaanowalle'e.
Worri si irratti ka'u
akka hin jirre te'anee hin badan.
12Ati diinota keeti yoo barbaaddelle,
isaan hin dhaggitu;
worri si lolu akka waan hin jirree hin te'an.
13Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keeti,
ka harka keeti middicha qabee,
‹Hin sodaatin; ani si qarqaara› jedhu.
14Mootiin Waan Maraa keeti ka si wodu,
Woyyichi Israa'elii,
‹Ani waan si qarqaaruuf,
ee Yaaqoobii dadhabaa akka corroqaa,
Israa'elii kolbaa diqqoo tana, hin sodaatin› jedheera.
15Kunoo, ani meya midhaan ittiin dhowanu,
haareya qara qabuu fi
ka ilkaan hedduu qabu si hin godha.
Ati gaarota irra sirbitee hin butuchita;
koobotalle akka hicaace'ee hin goota.
16Ati isaan hin hafarsita;
qilleensi isaan ol fudhata;
bubbeelle isaan hin bittinneessiti.
Ati ammoo Mootii Waan Maraatitti hin gammadda;
Woyyicha Israa'eliitiin hin koorta.
17Worri hiyyeeyyi'ii fi worri rakkataan,
bisaan hin barbaadatan;
ammoo hin dhaggatanu;
arrabi isaanii dheebu'uun gogeera.
Ani Mootiin Waan Maraa ammoo
daadimata isaaniitiif deebii hin kenna;
ani Waaqi Israa'elii isaan hin lakkisu.
18Ani koobota godduu irraa lagi akka yaa'u;
dhooqa keessaa maddi akka burqu hin godha.
Goomolee gara baleessaa,
lafa godduu gara maddaa hin deebisa.
19Ani goomolee keessatti birbirsi,
muki gololchaa, muki bisile'ee fi ejersi
akka latanu hin godha.
Gammoojjii keessalle'etti
hindheensii fi muki hindheensa fakkaatu
ka adda addaa akka woliin dhaabamanu hin godha.
20«Maarre kolbaan marti waan kana dhaggitee hin beetti; harki Mootii Waan Maraa tana akka godhee fi Woyyichi Israa'elii tana akka dade nami marti qalbeeffatee hin hubata» jedhe.
Mootiin Waan Maraa waaqota dharaa Hin Morma
21Mootiin Waan Maraa, mootichi Israa'elii, «Haajaa keessan dhikeeffadha'a! Falmii teessanille himadha'a!
22«Waan gara duraa te'uuf jiru
akka nutti himanuuf,
waaqota dharaa keessan as fida'a;
nuuti akka qalbeeffannuuf,
muummee isi'ii akka beennuuf,
waan tanaan qara te'eeru
yookiin waan gara duraa te'uuf jiru nutti hima'a.
23Akka isin waaqota teetane akka beennuuf,
me waan ammaa achi te'u nutti hima'a.
Nuuti rifannee akka sodaannuuf,
waan dansaa yookiin waan hantuu huja'a.
24Isin womaayyuu moti;
hujiin teessanille ijjumaa bu'aa hin qaddu;
nami isin waaqonfatulle ka diqatame.
25«Ani kaaba irraa nama tokko kakkaaseera;
innille hin dhufa;
gara aduun baatuun ka dhufu
ka maqaa kiyya waammatu,
Inni akkuma nami faara dhowu
biyyee faaraa dhidhiitu,
bulchitoota akka dhoqqe'ee hin dhidhiita.
26Nuuti waan kana akka beennuuf,
ka duraan dursee dubbate eennu?
Nuuti, ‹Inni dhugaa jedhe› akka jennuufille,
ka dur dubbateeru eennu?
Eennulle hin dubbanne.
Nami waan kana dubbate tokkolle hin jiru;
jecha keessan ka dhage'e tokkolle hin jiru.
27Duraan dursee Xiyooniin, ‹Ilaa, kunoo,
isaan dhufiisatti jiran› jedhee ka hime ana;
Yerusaalemille'eef ergamaa oduu gammadaa himu
ka erge ana.
28Ani gara waaqota dharaa yennaa ilaalu,
isaan keessaa gorsa ka kennu hin jiru;
yennaa ani isaan gaafadhulle
ka deebii naaf kennu hin jiru.
29Kunoo, waaqoti dharaa kun marti dhara;
waan tokkolle godhuu hin dande'anu;
fakkiin isaaniille qilleensa duwwa'a» jedha.
Você sabia?
O Deus Soberano e o Julgamento dos Ídolos
- Em Isaías 41, o Senhor convoca as ilhas e nações para um tribunal, desafiando as divindades pagãs a preverem acontecimentos futuros ou realizarem obras que comprovem sua divindade (Isaías 41:1, 21–24). O texto também satiriza a confecção de ídolos, retratando artesãos e ourives que se encorajam mutuamente e pregam as estátuas com cravos para que não caiam (Isaías 41:6–7).Fontes: o próprio texto bíblico
- Deus se dirige a Israel como Seu servo escolhido e descendência de Abraão, a quem chama de 'Meu amigo' (Isaías 41:8). Embora Jacó seja descrito como frágil e pequeno como um verme, a passagem traz consolo com promessas de auxílio divino e a transformação milagrosa de terrenos áridos em fontes de água e bosques verdejantes (Isaías 41:10, 14, 17–19).Fontes: Abraham · Jacob (Israel) · o próprio texto bíblico
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Lugares deste capítulo
Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org