Isaías 33
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Qarqaarsa Dhaggatiisaaf Daadimachuu
1Ati ifii adoo hin badin ka nama dhibii balleessitu si'iif aanne'e! Ati adoo nami dabarsee si hin kennin, ka nama dabarsitee kennitu, si'iif aanne'e! Ati nama balleessiisa yennaa lakkittu hin badda; nama dabarsitee kenniisa yennaa lakkittu, nami dabarsee si hin kenna.
2Ee Mootii Waan Maraa, nuuti addii si godhannaa, nuu marari. Ganama ganama jabeenna, yennaa rakko'oolle qarqaarsa nuuf te'i. 3Mandiisuu qoonqoo teetii, kolbaan hin baqatti; yennaa ati ol kaatu, gosi biyya adda addaa hin bittinnootti. 4Ee, gosa biyya adda addaa! Akkuma awwaannisi waan nyaatu irratti wolitti qabamu, namooti waan boojitane irratti wolitti hin qabaman; akkuma ilmooleen awwaannisaa waan nyaattu saamattu, namooti waan isin boojitane hin saamatan.
5Mootiin Waan Maraa waan mara caala; inni addee ulfinnaa ol-aantuu le'a; inni qachaa Xiyoonii haqaa fi balchumma'aan hin guuta. 6Inni kolbaa ifiitiif hundee fayyinnaa, qarumma'aatii fi beekkumsaa hin te'a; Mootii Waan Maraa sodaatiisille karra karra mara caalte.
7Kunoo, goototi isaanii karaa irratti qarqaarsa dhaggatiisaaf hin iyyan; worri ergantooti nageyaa wiiccifatanee hin bowan. 8Karaan guddaan urmeera; nami karaa irra ideemulle hin jiru; wolii galteen diiganteerti; gorsitooti tuffatamaneeran; nami ulfinna namaaf kennu hin jiru. 9Latti goddee, duwwaa teeteerti; gongomaan Libaanonii qaanowee, qooreera; dhooqi Shaaronii akka goomole'ee teete; mukooti Baashaaniitii fi gaara Qarmelosii baala buufate.
Mootii Waan Maraa Diinota Ifii Ifi Eeggachiise
10Mootiin Waan Maraa, «Ani amma hin ka'a; ani amma ulfinna hin dhaggadha; ani amma ol hin aana. 11Wonni isin yaaddanu akka huuraa ti; wonni isin keessaa bayulle akka hicaace'ee ti; hafuurri keessan akka ibidda isin fixuu ti. 12Kolbaan akka dhakaa boore'ee hin gubatti; akka haxanxarii qore'ee ta cirantee ibiddatti hin naqanti. 13Isin worri fagoo jirtanu, waan ani godhe dhage'a'a! Isin worri dhikoo jirtanulle hunna tiyya beeka'a!» jedha.
14Cubbaaleyyiin Xiyoon keessa jiranu sodaatane; worri Waaqa malee le'u soda'aan rommanee, «Nu keessaa eentu ibidda nama fixu woliin le'uu dande'a? Nu keessaa eentu ibidda hin dhaanne woliin le'uu dande'a?» jedhan. 15Nama balchumma'aan ideemu, nama waan sirrii te'e dubbatu, nama bu'aa karaa dabaatiin dhuttu jibbu, nama safuu fudhatiisa irraa harka ifii eegatu, nama mala nama ijjeesiisaa hin dhageenne, nama ilti isaa waan hantuu hin ilaalle, 16nami akkasii kun addee ol aantuu le'a; kusheen rassa'aa addee inni itti baqatu hin teeti; sagaleen isaaf hin kennanti; bisaan unanulle hin dhabu.
Ulfinna Gara Duraa Dhufu
17Ilti teeti ulfinna mootichaa, lafa akka malee badho'oo ta inni bulchulle hin dhaggiti. 18Sodaa guddoo teeti ta durii qaabataa, «Ajajaan loltootaa eessa jira? Ka gibira guuru eessa jira? Itti gaafatamaan xelleephoo eeddotaa eessa jira?» hin jetta. 19Ati haganaa achi kolbaa nama tuffattu, ta dubbiin isaanii hin beekkannee fi ta afaan isaanii namaaf hin galle san hin dhaggitu. 20Qachaa jila itti jilifannu, gara Xiyoonii ilaali. Ilti teetii qachaa Yerusaalemii ka nageyaan keessa leetanu, dunkaanii achii hin tachoone, ka togaan isi'ii ijjumaa hin buqqaane, ta wodaroon isi'ii keessaa takkaalle hin cinne hin dhaggiti. 21Mootiin Waan Maraa achitti arnya nu'uuf hin te'a; inni akka lagoota babadha'aatii fi akka madda gugurda'aa ka hobolooti diinaa achi irra hin dabarree fi ka hobolooti gugurdoolle achi irra hin ideenne nu'uuf hin te'a. 22Mootiin Waan Maraa abbaa mura'aa keenna; Mootiin Waan Maraa seera nu'uuf kenna; Mootiin Waan Maraa mootii keenna; ka nu fayyiselle isa. 23Kolbaan teessan akka hoboloo wodaroon irraa lufee, ka utubaan isi'ii jabaatee hin dhaabbatinii, ka sharaan isi'iille hin dhifaminii ti. Achiin duuba boojuun bacaan hin qoqoodanti; naafille waan booji'ame san hin saama. 24Worra Xiyoon keessa le'u, yakkaa isaaniitiif araarri waan kennamuuf, isaan keessaa nami tokkolle, «Ani dhibame» hin jedhu.

Você sabia?
Livramento e a segurança de Sião
- Para descrever o impacto severo da guerra, o capítulo cita diversas regiões famosas por sua fertilidade—as alturas arborizadas do Líbano, a fértil planície costeira de Sarom e as terras agrícolas de Basã e Carmelo—, retratando-as como secas e desoladas.Fontes: o próprio texto bíblico · Lebanon · Saron · Bashan
- Isaías descreve Jerusalém e sua colina fortificada do monte Sião como uma morada pacífica e uma tenda inabalável cujas estacas e cordas jamais serão rompidas, contrastando a estabilidade divina com o terror de tratados violados e estradas desertas.Fontes: o próprio texto bíblico · Zion · Jerusalem
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Lugares deste capítulo
- Assyria · 36.359, 43.153 · versículo 4
- Zion · Hoje: Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículos 5, 6, 14, 20, 24
- Arabah · 30.417, 35.151 · versículo 9
- Bashan · 32.781, 35.935 · versículo 9
- Lebanon · 33.540, 35.584 · versículo 9
- Mount Carmel · 32.672, 35.023 · versículo 9
- Sharon · Hoje: Sharon Plain · 32.400, 34.883 · versículo 9
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículo 20
Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org