Isaías 32
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Mootummaa Balchumma'aa
1Kunoo, mootiin balchumma'aan hin mowa; bulchitootille haqaan hin bulchan. 2Tokko tokkoon isaanii akka addee qilleensa jabaa duraa itti dhokatanuu, akka dawoo bubbee bokkeyaa duraa itti baqatanuu, akka madda bisaanii ka goomolee keessaa, akka gaaddisa rassaa guddaa lafa dheebu'uu keessa jiruu hin te'an. 3Achiin duuba ilti worra dhagguu hin dhaggiti; gurri worra dhage'uulle hin dhage'a. 4Qalbiin worra jarjaruu beekkumsa hin hubatti; arrabi worra gikkisuu hiikamee qulleessee hin dubbata. 5Haganaa achi nami gowwaan nama kabajamaa hin jedhamu yookiin nami yabaabulaan ulfinna hin dhaggatu. 6Nami gowwaan gowwummaa dubbata; qalbiin isaa hammeenna yaadatti; inni waan hantuu hujaa, Mootii Waan Maraa arrassa; worra beelote agabuu lakkisa; worra dheebote bisaan dhooggata. 7Malli nama yabaabula'aa hammeenna; nami hiyyeessi waan haqa te'e yoo dubbatelle, nami hamaan dubbii sobaatiin, worra hiyyeeyyii balleessiisaaf, mala hamaa dhowa. 8Nami ulfinnaa ammoo karoora ulfinnaa baasa; hujii ulfinnaatiin jabaatee le'a.
Dubartoota Yerusaalemii
9Ee isin dubartoota qananumma'aan leetanu, ka'a'aatii, na caqasa'a. Isin ijoolleen durraa ta bidhaa tokko malee leetanu, waan ani jedhu dhage'a'a. 10Isin dubartooti bidhaa tokko malee leetanu, muki woyni'ii midhaan waan hin buunneef, yennaan midhaan buusulle waan hin jirreef, woggaa tokkoon duuba naatanee hin hollattan. 11Isin dubartooti qananumma'aan leetanu, holladha'a; isin dubartooti bidhaa tokko malee leetanu romma'a. Woyaa teessan baafadha'aatii, woyaa gaddaa hidha keessanitti hidhadha'a. 12Fichaa laafa'aa fi fichaa woyni'ii ka midhaan buusuuf, qoma keessan dhowataa bowa'a. 13Fichaa kolbaa tiyyaa ka qore'ee fi qumi'uuduu baaseef, manoota namooti keessatti gammadane maraaf, qachaa caaqaan guutame kanaaf bowa'a. 14Manni mootumma'aa hin ona; qachaan hogaan keessa guutelle duwwaa hin te'a; koobii fi xelleephoon irra tee'anee eeganu haga bara baraa lafa duwwaa harreen diidaa keessa burraaxxuu fi horiin keessa dheedu hin teeti.
15Tunille haga Waaqi ayyaana ifii gubbaa irraa nu irratti dhangalaasutti hin teeti. Achiin duuba goomoleen fichaa laafaa hin teeti; fichaan laafaan akka gongoma'aa hin te'a. 16Haqi goomolee keessa, balchummaalle fichaa laafa keessa hin jiraatti. 17Hujiin balchumma'aa nageya fiddi; bu'aan balchumma'aalle sarmiisaa fi bidhaa malee le'iisa. 18Kolbaan tiyya addee nageyaa, mana bidhaan hin jirree fi addee itti sarmanu keessa hin leeti. 19Gongomaan dhakaa bokkeyaatiin badulle, qachaan ijjumaa diigamulle, 20isin qarqara bisaaniititti midhaan waan facaafattanuuf, loon keessanii fi harreelee teessan addee feetanetti waan bobbaafattanuuf hin gammaddan.

Você sabia?
Um Rei Justo e o Derramamento do Espírito
- O capítulo começa com a promessa de um rei e príncipes que governam com retidão e justiça, servindo de abrigo contra a tempestade e sombra em terra seca. Em contraste com os tolos e perversos que exploram os pobres e famintos, os nobres planejam ações honrosas.Fontes: o próprio texto bíblico
- Isaías adverte severamente as mulheres acomodadas de Jerusalém, anunciando o fracasso das colheitas e o abandono de palácios, campos férteis e torres de vigia dentro de pouco mais de um ano.Fontes: o próprio texto bíblico
- Essa desolação continuará até que o Espírito seja derramado do alto, transformando o deserto árido em pomar fértil e estabelecendo paz, segurança e tranquilidade duradouras.Fontes: o próprio texto bíblico
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org