Isaías 34
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Muraa Gosa Biyya Adda Addaa Irratti Murantu
1Ee isin gosa biyya adda addaa, as dhikaadha'aatii caqasa'a. Ee kolba'a hubadha'a. Lattii fi wonni isii irra jiru marti, biyyi lafaatii fi wonni isii keessatti dhaggamu marti dhage'anuu ti. 2Mootiin Waan Maraa gosa biyya adda addaa irratti aareera; inni loltoota isaanii mara irratti guddoo aareera; ijjumaa isaan hin balleessa; worra isaan ijjeesulle'etti dabarsee isaan hin kenna. 3Worri ijjeefame alatti gatamee, reeffi isaanii hin ajowa; gaarotille dhiiga isaaniitiin hin maxanqowa. 4Urjooti ol-gubba'aa marti hin baxxi; gubbaan akka kitaaba marama'aa hin maranti; urjooti marti akka baala muka woyni'iitii fi akka baala muka harru'uu, qooranee hin harca'an.
5Shallaagaan Mootiin Waan Maraa ol-gubba'atti waan fedhe godhee, kolbaa inni ijjumaa balleesse, worra Edoomiititti muriisaaf gad hin bu'a. 6Shallaagaan Mootii Waan Maraa dhiigaa fi coomaan dhuubameera; dhiiga buruusoo korbeeyyii hoole'eetii fi re'e'eetiin, cooma kalattii korbeeyyii hoole'eetiin laaqameera; Mootiin Waan Maraa qachaa Bozra'aa keessatti ciincaa, lafa Edoomii keessalle'etti qalma guddaa hin qopheessa. 7Kolbaan Edoomii akka gafarsaa, akka dardarootaatii fi akka korommi'ii achitti hin qalaman; latti isaanii dhiigaan hin laaqanti; biyyeelle cooma isaaniitiin hin laambubanti. 8Mootiin Waan Maraa marroo Xiyooniitiif bara itti falmatuu fi guyyaa itti haluu bayu qaba.
9Maddi Edoomii leyyaa, biyyeen dhakaa bobe'u, latti leyyaa gubu hin te'an. 10Ibiddi achi keessaa halkanii fi guyyaa hin dhaamu; aarrille haga bara baraa ol hin ka'a. Latti sun dhalootaa haga dhalootaatitti hin onti; nami tokkolle deebi'ee haga bara baraa achi keessa hin dabaru. 11Cululle'ee fi dhaddoon lafa san hin qabatan; urungu'uu fi harraaqessi mana achitti hin ijaaratan; Waaqi lafa san wonni tokkolle akka irratti hin hanne godhee hin onsa. 12Nami waamanee mootii godhanu, qondaaltota isaanii keessa hin jiru; sooreyyiin isaanii marti ijjumaa hin badan. 13Mana mootummaa isaaniititti qoreen hin latti; qachaa isaanii ka dalleya dhaka'aatiin marfametti doobbi'ii fi qumi'uuduun hin latti; addee jeedalli fi urunguun itti galanu hin te'a. 14Bineensoti goomole'eetii fi woraabessi achitti wolitti hin qabaman; durriisoti halkaniille achi wol waaman; addee fooraalle achitti hin dhaggatan. 15Urunguun achitti mana ijaarattee, quuphaa buuttee, cuucuu dhoofattee, itti hin kabbiti; allaatiin dhaltu'uu fi kormi achitti wolitti hin qabaman.
16Kitaaba Mootii Waan Maraa keessa barbaada'aatii dubbisa'a. Waan kana keessaa ka hafu tokkolle hin jiru; achi keessaa dhala'aa fi korma ka dhabu hin jiru. Mootiin Waan Maraa afaan ifiitiin tana waan ajajeef, ayyaanni isaa wolitti isaan qaba. 17Inni isaaniif hixaa buuseera; harka ifiitiin safaree lafa isaaniif qoodeera; isaan haga bara baraa lafa san hin dhaalan; isaan dhalootaa haga dhalootaatitti achi hin le'an.

Você sabia?
Julgamento sobre as Nações e Edom
- Bozra era uma cidade de destaque associada aos primeiros reis edomitas, identificada com a moderna el-Busseireh, localizada na região montanhosa de Petra, a cerca de 32 quilômetros a sudeste do mar Morto. Em Isaías 34, ela é mencionada como o local simbólico de um grande sacrifício divino que representa o julgamento sobre Edom.Fontes: Bozrah · o próprio texto bíblico
- O julgamento anunciado sobre Edom é apresentado como um tempo de vingança e retribuição em favor de Sião, a colina ao sudeste de Jerusalém fortificada por Davi como a Cidade de Davi.Fontes: Zion · o próprio texto bíblico
- O ministério profético de Isaías é tradicionalmente situado ao longo de várias décadas no século VIII a.C., dirigindo-se tanto a Judá quanto às nações vizinhas.Fontes: Prophecies of Isaiah
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Lugares deste capítulo
- Edom · 30.746, 35.604 · versículos 5, 6, 8, 9, 10, 11
- Zion · Hoje: Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículo 8
Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org