Nations Bible

Ezequiel 13

Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.

Raaga Raagolee Dharaa Irratti Raagame

1Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, 2«Ee ilma namaa! Raagota Israa'elii worra raaga raagiisatti jiranu irratti raaga dubbadhu; worra yaaduma ifii keessaa raaga dubbatanuun, ‹Jecha Mootii Waan Maraa dhage'a'a› jedhiin. 3Mootiin Waan Maraa, raagota gowwoolee worra adoo waan tokkolle hin dhaggin, yaada ifii hordofee raaga dubbatuuf aanne'e. 4Ee, kolbaa Israa'elii, raagoti teessan akka jeedala odduu bututa qacha'aa leetuu ti. 5Guyyaa Mootiin Waan Maraa, lola te'u irraa hafee dhaabbachuu akka dande'u, gara dalleya cabee ol hin baane yookiin kolbaa Israa'eliitiif dalleya deebittanee hin ijaarre. 6Isaan mudhii sobaa dhagganeeran; moruu dharaalle moriisatti jiran. Mootiin Waan Maraa adoo isaan hin ergin, isaan, ‹Mootiin Waan Maraa akkana jedha› jedhaa, jecha isaanii akka inni muummessu eegatan. 7Isin adoo Ani Mootiin Waan Maraa hin dubbatin, ‹Mootiin Waan Maraa akkana jedha› yennaa jettanu, isin worra mudhii sobaa dhaggee fi moruu dharaa moree motii ree?» jedhe.

8Tanaaf, Goottaan Mootiin Waan Maraa, «Dhara waan dubbattaneef, mudhii sobaalle waan dhaggitaneef, ani isinitti hin ka'a. Ani Mootiin Waan Maraa tana dubbadheera. 9Harki kiyya raagota Mudhii sobaa dhagganuu fi moruu dharaa moranu irratti ka'eera. Isaan wolde'a kolbaa tiyyaa keessatti hin dhaggamanu; galmee kolbaa Israa'elii keessalle'etti hin barreeffamanu; lafa Israa'eliille'etti hin galanu; yennaa san ani Mootii Waan Maraa akka te'e hin beettan. 10Isaan nageenni adoo hin jiraatin, ‹Nageya› jedhaa kolbaa tiyya dokonkorsan; yennaa kolbaan dalleya dhaka'aa laafaa ijaarrattu, raagoti tun dalleya san jabaa fakkeessiisaaf halluu adii diban. 11Tanaaf, worra halluu adii dibu saniin, ‹Bokkeenni baradaan hin dhufa; dhakaan bokkeyaa guddaan gad hin bu'a; bubbeen bokkeyaa hin bubbitti; dalleenni sunille hin jiga› jedhiin. 12Dalleenni dhaka'aa sun yennaa jige, ‹Halluun adiin isin itti dibattane sun meerree?› jedhanee isin hin gaafatanuu ree?» jedha. 13Tanaaf, Goottaan Mootiin Waan Maraa, «Dalleenni sun jigee akka baduuf, ani mufii tiyyaan bubbee bokkeyaa hin erga; aarii tiyyaan bokkeya baradaa hin buusa; mufii tiyyaan dhakaa bokkeyaa guddaa hin roobisiisa. 14Dalleya dhaka'aa ka isin halluu adii itti dibattane san hin jissa; haga hundeen isaa mudhattutti lafatti isa gad dhowa; yennaa dalleenni sun jigu isinille keessatti hin dhumattan; yennaa san akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beettan. 15Ani mufii tiyya dalleya sanii fi worra dalleya san halluu adii dibe irratti aarii tiyya hin baafadha; achiin duuba ani isiniin: dalleenni sunii fi worri dalleya san halluu adii dibe sun hin jiranu; 16raagoti Israa'elii worri marroo Yerusaalemii raage, nageenni adoo hin jiraatin, ‹Nageya› jedhanee, mudhii nageyaa worri dhagge hin jiranu; tana ana Mootii Waan Maraatitti dubbate.

17«Ee ilma namaa! Ati fuula keeti gara dubartoota kolbaa teetii worra qalbii ifii keessaa fuudhee raaga raaguu deebifadhu. Isaan irratti raagiitii, 18Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Lubbuu kolbaa tiyyaa adansiisaaf, dubartoota xanoo ifiitiif harka ifii mara irratti qudhaama hodhatanee, akka mataa nama adda addaatiif te'utti marata mata'aa qopheessanuuf aanne'e! Isin lubbuu kolbaa tiyyaa qaddanee, lubbuu teessan hamburattanii ree? 19Isin garbuu ooboo takka'aatii fi daabboo baqaqa tokkoof jettanee, kolbaa tiyya worra soba isin dubbattanu dhage'anutti soba dubbatiisaan, namoota du'uuf hin malle ijjeettanee, namoota jiraatu'uuf hin malle akka jiraatanu gootanee, kolbaa tiyya oddu'utti maqaa kiyya batteessitane› jedha» jedhi.

20Tanaaf, Goottaan Mootiin Waan Maraa, «Kunoo, ani qudhaama isin lubbuu akka simbirre'ee ittiin adansitanu san irratti ka'ee, harka keessan irraa cicciree, kolbaa isin akka simbirre'ee adansitanu san bilisa hin baasa. 21Marata mata'aa san irraa cicciree kolbaa tiyya harka keessan jalaa hin baasa; haganaa achi isaan harka keessan jala hin galanu; isinille ani Mootii Waan Maraa akka te'e hin beettan.

22«Worra balchaa ani addii hin kutachiisin, isin dharaan addii kutachiittanee, worri hamaan jiru'uun jiraatiisaaf cubbuu irraa akka hin deebine jajjabeessitaneertan. 23Tanaaf, haganaa achi isin mudhii dharaa hin dhaggitanu; moruulle hin mortanu; ani kolbaa tiyya harka keessan keessaa hin baasa; yennaa san ani Mootii Waan Maraa akka te'e hin beettan» jedha.

Você sabia?

Falsos profetas e amuletos mágicos

  • Ezequiel compara os profetas enganadores a construtores que erguem uma parede frágil e a cobrem com cal para disfarçar sua fraqueza. Suas falsas promessas de paz são retratadas como um reboco precário que desmoronará diante de tempestades violentas, chuvas torrenciais e granizo.Fontes: o próprio texto bíblico
  • O capítulo também denuncia mulheres que praticavam adivinhações, costurando amuletos mágicos nos pulsos e confeccionando véus para manipular as pessoas. Essas práticas eram realizadas em troca de pagamentos irrisórios, descritos pelo profeta como meros punhados de cevada e pedaços de pão.Fontes: o próprio texto bíblico
  • Como consequência de seus enganos, os falsos profetas foram advertidos de que seriam excluídos do conselho do povo, riscados dos registros genealógicos de Israel e impedidos de retornar à terra.Fontes: o próprio texto bíblico

Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.

Lugares deste capítulo

  • Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículo 16

Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Fale com a gente

Conte de onde você lê, como a Bíblia tem te ajudado ou o que podemos melhorar. Lemos todas as mensagens.