Nations Bible

Ezequiel 14

Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.

Worra Waaqota Dharaa Waaqonfatu Irratti Hin Muranti

1Jaarsoleen kolbaa Israa'elii gariin gara kiyya dhufanee, fuula kiyya dura tee'ane. 2Jechi Mootii Waan Maraalle gara kiyya dhufee, 3«Ee ilma namaa! Jarri tun qalbii ifii waaqota dharaatiif kennaneeran; yakki isaanii akka isaan duratti gufuu te'u godhaneeran. Maarre ani akka isaan waan tokko na gaafatanu godhuu qabaa ree? 4Tanaaf, ati isaanitti dubbadhuutii, Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Kolbaa Israa'elii mara keessaa nami qalbii ifii waaqota dharaatiif kenneeru, ka yakki gufuu itti te'eeru tokko, gara raagichaa yoo dhufe, ani Mootiin Waan Maraa akka bacinna waaqota dharaa isaatitti deebii isaaf hin kenna. 5Isaan martinuu karaa waaqota dharaa ka ifiitiin na lakkisaneeran; ani qalbii kolbaa Israa'elii mara gara kiyya deebifatiisaaf tana godha› jedha.

6«Tanaaf, ati kolbaa Israa'eliitiin, ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa: Cubbuu teessan irraa deebi'a'aatii, waaqota dharaa keessan lakkisa'a! Hujii teessan battii san mara irraa deebi'a'a!

7« ‹Kolbaa Israa'elii mara keessaa yookiin worra ormaa ka odduu isaanii jiru mara keessaa nami tokko waaqota dharaatiif qalbii ifii kenniisaan, ka yakki gufuu itti te'eeru tokko, karaa raagichaatiin waan tokko na gaafatiisaaf gara raagichaa yoo dhufe, ani Mootiin Waan Maraa ifumaaf deebii isaaf hin kenna. 8Ani nama sanitti fuula hin hammaadha; nama ittiin mammaakanu isa hin godha; kolbaa tiyya keessalle'ee isa hin baasa; isinille akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beettan.

9« ‹Raagichi sun sobamee raaga yoo dubbate, ka raagicha san sobe ana Mootii Waan Maraa ti; ani harka kiyya isa irratti diriirsee, kolbaa tiyya Israa'el keessaa isa hin balleessa. 10Raagichi akkuma namicha woy isa gaafatiisa dhufee san yakkaamessa hin te'a; isaan lamaanuu woluma qixxee hin adabaman. 11Kolbaan Israa'elii haganaa achi ana irraa hin gortu; yakkaa ifii maralle'een deebitee ifi hin batteessitu; isaan kolbaa tiyya hin te'an; anille Waaqa isaanii hin te'a jedha; Goottaan Mootiin Waan Maraa tana dubbateera› jedhi» jedhe.

12Ammalle jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, 13«Ee ilma namaa! Biyyi takka addatamuu dhabiisaan cubbuu na irratti yoo hujje, ani harka kiyya isii irratti diriirsee, sagalee irraa kutee beela itti hin buusa; namaa fi horiille isii irraa hin balleessa. 14Dhiirti sadiin tun Nohi, Daani'elii fi Iyoob fa'a isii keessa adoo jiraatanelle'ee balchummaa ifiitiin lubbuu ifii qofa baafatan; Goottaan Mootiin Waan Maraa tana dubbateera.

15«Ani biyya san keessa bineensa hamaa ergee, bineensi sun ijoollee fixee, sababa bineensa hamaa sanii nami tokkolle isii keessa dabaruu dhabee, biyyi sun yoo onte, 16dhiirti sadiin sun isii keessa adoo jiraattelle'ee, ani jiraata'a! Isaan lubbuu ifii qofa baafatan malee, ijoollee ifii ta dhiiraatii fi ta durraa baafatuu hin dande'anu; lattille ona hin teeti. Goottaan Mootiin Waan Maraa tana dubbateera.

17«Yookiin ani biyya sanitti shallaagaa fidee, namaa fi bineensalle shallaaga'aan biyya san irraa yoo fixe, 18dhiirti sadiin sun biyya san keessa adoo jiraattelle'ee, ani jiraata'a! Isaan ifi qofa baafatan malee, ijoollee ifii ta dhiiraatii fi ta durraa baafatuu hin dande'anu; Goottaan Mootiin Waan Maraa tana dubbateera.

19«Yookiin biyya sanitti dhukkuba buusee, mufii tiyya itti dhangalaasiisaan ijjeesee namaa fi bineensa isii irraa yoo fixe, 20Nohi, Daani'elii fi Iyoobille isii keessa adoo jiraatanelle'ee, balchummaa ifiitiin lubbuma ifii qofa baafatan malee, ijoollee ifii ta dhiiraatii fi ta durraa baafatuu hin dande'anu; Goottaan Mootiin Waan Maraa tana dubbateera.

21«Goottaan Mootiin Waan Maraa: Namaa fi bineensalle isii irraa balleessiisaaf, shallaagaa, beela, bineensa hama'aa fi dhukkuba muraa tiyya hantuu arfan tana Yerusaalem irratti yennaa fidu attam attam irra caalaa hantu'u ree! 22Te'uu malee, kunoo, worri jiru'uun Yerusaalem keessatti hafanu ijoolleen dhiiraatii fi durraa hin jiran; yennaa isaan gara keessan dhufanu, isin akka isaan itti le'anuu fi hujiin isaanii hantuu akka teete yennaa dhaggitane, balaa ani Yerusaalem irratti fide, waan hantuu ani isii irratti godhe mara irraa hin jajjabaattan. 23Isin akka isaan itti le'anuu fi hujiin isaanii hantuu akka teete yennaa dhaggitane hin jajjabaattan; wonni ani achi keessatti godhe martille sababa malee akka hin te'in hin beettan. Goottaan Mootiin Waan Maraa tana dubbateera» jedhe.

Ilustração artística — interpretação, não registro histórico.

Você sabia?

Idolatria no Coração e Responsabilidade Pessoal

  • Quando os anciãos de Israel procuraram Ezequiel para consultar o Senhor, o profeta foi informado de que eles haviam levantado ídolos em seus corações. O texto estabelece que tanto o consulente hipócrita quanto o profeta seduzido compartilham a mesma culpa, convocando a casa de Israel a um arrependimento interior genuíno.Fontes: o próprio texto bíblico
  • Ezequiel destaca Noé, Daniel e Jó como figuras exemplares de justiça e integridade. Diante do julgamento divino sobre uma terra infiel, a passagem enfatiza a responsabilidade individual: nem mesmo a retidão desses três homens ilustres poderia salvar seus próprios filhos ou filhas, mas apenas a si mesmos.Fontes: o próprio texto bíblico · Job · Noah · Daniel
  • O capítulo descreve quatro juízos severos advertidos contra uma terra infiel: fome, feras selvagens, espada e peste. Quando essas calamidades atingissem Jerusalém, a conduta dos sobreviventes levados ao exílio demonstraria publicamente que a punição da cidade não ocorreu sem causa.Fontes: o próprio texto bíblico · Jerusalem

Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.

Lugares deste capítulo

  • Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículos 21, 22
  • Babylon · 32.543, 44.422 · versículo 22

Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Fale com a gente

Conte de onde você lê, como a Bíblia tem te ajudado ou o que podemos melhorar. Lemos todas as mensagens.