Nations Bible

Ezequiel 12

Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.

Raagichi Fakkeennaan Booji'amiisa Mudhise

1Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, 2«Ee ilma namaa! Ati worra finqilaa odduu leeta; isaan worra finqilaa waan te'aneef, ila dhaggitu adoo qabanuu hin dhagganu; gurra dhage'u adoo qabanuu hin dhage'anu.

3«Tanaaf, ee, ilma namaa! Meya fudhattee baatu qopheeffadhuutii, adoo isaan dhagganuu, guyya'aan akka nama booji'amee deemuutitti, addee jirtuu ka'iitii, gara addee dhibi'ii deemi. Isaan worra finqilaa akka te'ane hin hubatan fa te'a. 4Akka nama booji'amee deemuu, adoo isaan dhagganuu guyya'aan meya keeti gad baafadhu; adoo isaan dhagganuu akka nama booji'amee deemuu galgalaan bayii deem. 5Adoo isaan dhagganuu, dhaaba mana keeti ka dhaka'aa uriitii, meya keeti achiin baasi. 6Adoo isaan dhagganuu meya keeti gurmu'utti kaafadhuutii, dimimmisaan ba'adhuu bayi. Ani Israa'elootaaf, beessisa waan si godheef, lafa akka hin dhaggine fuula keeti golladhuutii, dimimmisaan deemi» anaan jedhe.

7Anille akkuma ajajame godhe; akka nama booji'amee bayuu galgalaan harkuma kiyyaan dhaaba manaa ka dhaka'aa uree, qowa saniin meya kiyya gad baafadhe; adoo isaan na dhagganuu meya kiyya gurmu'utti ba'adhee dimimmisaan ka'ee deeme.

8Ganamaan jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, 9«Ee ilma namaa! Worri Israa'elii finqilaan sun, ‹Wonni ati hujiisatti jirtu kun maan?› jedhanee si hin gaafannee ree? 10Ati isaaniin, ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa: Kun qondaala Yerusaalem keessaatii fi kolbaa Israa'elii worra achi keessa le'u maraaf ergaa dabarte jedha› jedhiin. 11Ati isaaniin, ‹Ani isiniif beessisa. Akkuma ani godhe kana isin irralle'etti hin godhanti. Isin booji'antanee hin ideentan› jedhiin. 12Qondaalli odduu isaanii jiru meya ifii gurmu'utti ba'atee, dimimmisaan hin baya. Isaan akka inni urata san keessaan bayu dhaaba manaa ka dhaka'aa isaaf hin uran. Inni lafa akka hin dhaggine fuula ifii hin gollata. 13Ani ammoo caccoo tiyya itti afee inni tiyyoo tiyyaan hin qabama. Ani gara qachaa Baabilonii ka lafa Kaldootaa isa geessa; garuu inni adoo qachaa san hin dhaggin achitti hin du'a. 14Ani Tajaajiltoota isaatii fi loltoota isaa ka adaala isaa jiranu mara gara mara hin bittinneessa; ani shallaagaa buqqifadhee duubaan isaan hin ari'a.

15«Yennaa ani gosa biyya adda addaatii fi biyya hedduu keessa isaan bittinneesse, isaan akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beekan. 16Te'uu malee, addee dhaqanetti waan diqachiisaa hujane mara odduu gosa biyya adda addaatitti akka dhugaa bayanu, anille Mootii Waan Maraa akka te'e akka beekanu, ani isaan keessaa worra diqqaa shallaagaa, beelaa fi dhukkuba jalaa akka miliqanu hin godha» jedhe.

Beessisa Raagicha Sheephisuu

17Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, 18«Ee ilma namaa! Sheephisaa sagalee teeti nyaadhu; hollataa sodaataa bisaan keeti uni. 19Kolbaa lafa tanaatiin, ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa: Sababa hunnaan nama irratti ka'iisa worra isii keessa le'u maraatiin latti waan ontuuf, lafa Israa'elii worri Yerusaalem keessa le'u, sagalee ifii yaaddowaa hin nyaatan; bisaanille bararaqaa hin unan. 20Qachooti nami keessa jiru hin diigaman; lattille ona hin teeti; yennaa san isaan akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beekan jedha› jedhi» jedhe.

21Ammalle jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, 22«Ee ilma namaa! Jechi isin marroo lafa Israa'eliitiif, ‹Barri achi dheerateera; mudhiin takkaalle hin muummottu› jettanu kun maan inni? 23Tanaaf ati isaaniin, ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa: Jechi kun akka hafu hin godha; isaan Israa'el keessatti haganaa achi akka fakkeennaatitti hin dubbatanu jedha› jedhiin; ati ammoo isaaniin, ‹Kunoo barri mudhiin marti muummottu dhikaateera› jedhiin. 24Haganaa achi mudhiin dharaa yookiin moruun sossobiisaa kolbaa Israa'elii keessa hin jiraattu. 25Ani Mootii Waan Maraa waan te'eef, jecha dubbadhu hin dubbadha; jechi ani dubbadhe sunille dafee hin muummowa. Ee, isin worra finqilaa, waan dubbadhe maraa baruma keessan keessatti hin muummessa; ani Goottaan Mootiin Waan Maraa tana dubbadheera» jedhe.

26Ammalle jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, 27«Ee ilma namaa! Kunoo, kolbaan Israa'elii, ‹Mudhiin inni dhaggu ta bara dheera'aan duuba teetu; raagi inni dubbatulle ka bara dheera'aan duuba te'u› jetti. 28Tanaaf, ati isaaniin, ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa: Wonni ani dubbadhe marti hin teeti malee, haganaa achi hin turtu; ani Goottaan Mootiin Waan Maraa tana dubbadheera jedha› jedhiin» jedhe.

Ilustração artística — interpretação, não registro histórico.

Você sabia?

Sinais do Exílio e a Certeza do Juízo

  • Ezequiel recebeu a ordem de encenar o exílio iminente como um sinal vivo para a sua comunidade. À vista do povo, ele preparou uma bagagem de exilado, abriu uma passagem na parede com as mãos ao anoitecer e carregou sua carga com o rosto coberto.Fontes: o próprio texto bíblico
  • A encenação representava o destino do príncipe em Jerusalém. A profecia anunciava que ele tentaria fugir por uma brecha no muro, seria apanhado em um laço e levado cativo para a Babilônia, onde morreria sem chegar a ver a terra.Fontes: o próprio texto bíblico · Babylon · Jerusalem
  • O capítulo confronta um provérbio popular entre os israelitas que afirmava que as visões falhavam e que as profecias se referiam apenas a um futuro distante. Em resposta, Ezequiel declarou que o cumprimento desses juízos era iminente e ocorreria na própria geração deles.Fontes: o próprio texto bíblico

Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.

Lugares deste capítulo

  • Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículos 10, 12, 19
  • Babylon · 32.543, 44.422 · versículo 13
  • Chaldea · 30.962, 46.104 · versículo 13

Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Fale com a gente

Conte de onde você lê, como a Bíblia tem te ajudado ou o que podemos melhorar. Lemos todas as mensagens.