Nations Bible

1 Samuel 8

Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.

Kolbaan Israa'elii Mootii Filatiisaaf Gaafatte

1Saamu'el yennaa dulloome ilmaan ifii Israa'el irratti abbootii mura'aa godhe. 2Maqaan ilma isaa angafichaa, Yo'el; ka maandhichaa, Abiiya'a. Isaan abbootii mura'aa ta qachaa Bersheeba'aa ti. 3Garuu isaan fakkeenna abbaa ifii gula hin deenne; bu'aa woy hin baane dhaggatiisaaf karaa isaa irraa gorane; beesee safu'uu fudhatanee, haqa dassane.

4Achiin duuba jaarsoleen Israa'elii marti wolitti qabamanee, Raamat keessatti gara Saamu'elii dhaqanee, 5Saamu'eliin, «Kunoo, ati dulloonteerta; ilmaan teetille fakkeenna keeti gula hin ideenne; tanaaf akkuma gosa biyya adda addaa mootii nu bulchu nuu kenni» jedhane. 6Garuu jechi isaan, «Mootii nu bulchu nuu kenni» jedhane sun Saamu'el hin gammachiinne; tanaaf inni gara Mootii Waan Maraa daadimatee, 7Mootiin Waan Maraalle Saamu'eliin, «Isaan akka ani mootii isaanii hin teeneef na tuffatane malee si waan hin te'iniif, waan isaan si'iin jedhanu mara dhage'i! 8Isaan guyyaa ani biyya Gibxi'iitii isaan baaseen jalqabanee haga adhaa na lakkisanee waaqota dhibii tajaajiliisaan waan na irratti godhane si irralle'etti godhiisatti jiran. 9Maarre amma, ati waan isaan si'iin jedhanu dhage'i; mootiin isaan irratti mootomu maan isaan akka godhu itti himiitii, midhassii isaan ifi eeggachiisi» jedhe.

10Maarre Saamu'el dubbii Mootiin Waan Maraa isatti dubbate mara kolbaa akka inni mootii isaaniif filu isa gaafattetti hime. 11Inni isaaniin, «Mootiin isin irratti mootomu, ilmaan teessan fuudhee, isaan keessaa garii loltoota garreettaa ifii ka fardaan harkifamuu, garii abbootii fardaa ta ifii hin godhata; gariin garreettaa isaa ka fardaan harkifamuun dura hin fiigan. 12Isaan keessaa garii ajajjoota loltoota kumaatii fi ajajjoota loltoota shantamaa, garii fichaa isaa akka qotanuu fi midhaan isaa akka haamanu, garii meya lolaatii fi meya garreettaa fardaan harkifamuu akka isaaf hujanu hin godhata. 13Ijoollee teessan ta durraa fudhatee, worra fiqiree huju, worra ittoo hujuu fi worra daabboo bilcheessu hin godhata. 14Inni fichaa keessan dansaa, fichaa muka woyni'iitii fi muka ejersaa keessan fudhatee tajaajiltoota ifiitiif hin kenna. 15Midhaanii fi woynii teessan irraa harka kudhan keessaa harka tokko fuudhee qondaaltotaa fi tajaajiltoota ifiitiif hin kenna. 16Inni tajaajiltoota teessan ta dhiiraatii fi ta durraa, loonii fi harreelee teessan dadansaa fudhatee hujii ifii hin hujisiifata. 17Inni hoole'ee fi re'ee teessan kudhan keessaa tokko hin fudhata; isinuuyyuu garboolee isaa hin teetan. 18Guyyaa san isin sababa mootii ifiif filattaneetiif akka malee hin gunguntan; Mootiin Waan Maraa ammoo guyyaa san gungunsuu teessan san hin caqasu» jedhe.

19Kolbaan ammoo dubbii Saamu'elii caqasuu diddee, «Waawwo'o! Nuuti akka mootiin nu'uuf filamu barbaanna; 20nuutille akkuma gosi biyya adda addaa teete hin teena; mootiin keenna muraa nuu kennuu ti; nu'uun dura deemaa diina keenna nu'uuf loluu ti» jedhane. 21Saamu'el waan kolbaan jette mara yennaa dhage'e, waanuma isaan jedhane Mootii Waan Maraatitti hime. 22Mootiin Waan Maraa Saamu'eliin, «Waan isaan jedhane isaaniif godhi! Mootii isaaniif fili!» jedhe. Achiin duuba Saamu'el kolbaa Israa'eliitiin, «Isin martinuu gara qachaa keessaniititti deebi'a'a!» jedhe.

Você sabia?

Israel exige um rei

  • Samuel nomeou seus filhos, Joel e Abias, como juízes em Berseba, uma antiga cidade no extremo sul da Terra Prometida. A corrupção de ambos, ao aceitarem subornos e perverterem a justiça, provocou forte descontentamento popular e levou os líderes a exigir uma mudança de governo.Fontes: o próprio texto bíblico · Joel · Abiah · Beersheba
  • Os anciãos viajaram até a cidade de Samuel em Ramá, nos montes de Efraim, para pedir um rei que os governasse como as nações vizinhas. Samuel ficou desgostoso com o pedido, mas o SENHOR explicou que o povo estava rejeitando o próprio reinado divino, e não apenas a Samuel.Fontes: o próprio texto bíblico · Ramah
  • Samuel advertiu solenemente o povo sobre os pesados custos sociais e econômicos da monarquia. Ele explicou que um rei recrutaria jovens para carros de guerra e cargos militares, usaria as filhas do povo como perfumistas e padeiras, e cobraria dízimos de colheitas, rebanhos e terras.Fontes: o próprio texto bíblico

Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.

Lugares deste capítulo

  • Egypt · 30.129, 31.308 · versículo 8

Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Fale com a gente

Conte de onde você lê, como a Bíblia tem te ajudado ou o que podemos melhorar. Lemos todas as mensagens.