1 Samuel 7
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
1Namooti qachaa Kiriiyat-Ya'ariimii dhufanee Saanduqa Gondooro'oo Ka Mootii Waan Maraa san fudhatanee, gara mana Abinaadaabii ka kooba irra jiruu geessane. Saanduqa Gondooro'oo Ka Mootii Waan Maraa san akka eeguuf ilma isaa Ele'azaar woyyoonsane.
Saamu'el Israa'el Irratti Abbaa Mura'aa te'e
2Saanduqi Gondooro'oo ka Mootii Waan Maraa Kiriiyat-Ya'ariim keessa yennaa dheertuu, gara woggaa diddamaa ture. Kolbaan Israa'elii marti yennaa tana gara Mootii Waan Maraa iyyite.
3Saamu'el kolbaa Israa'eliitiin, «Isin gadhaa keessan tokkochaan gara Mootii Waan Maraa yoo deebitane, waaqota ormaa fi waaqa dharaa Ashitaaroti odduu teessanii balleessa'a; gadhaa keessan tokkochaan gara Mootii waan Maraa deebi'a'aatii isa qofa tajaajila'a; innille harka Filisxeemotaa jalaa isin hin baasa» jedhe. 4Maarre Israa'elooti waaqota dharaa Ba'aalii fi Ashitaaroti balleessanee Mootii Waan Maraa qofa tajaajilane.
5Achiin duuba Saamu'el, «Israa'eloota mara Miispha'atti wolitti qaba'a; ani achitti marroo teessaniif gara Mootii Waan Maraa hin daadimadha» jedhe. 6Maarre isaan Miispha'atti wolitti qabamanee, bisaan woraabanee Mootii Waan Maraa duratti dhangalaasane; guyyuma san laamanee, «Nuuti Mootii Waan Maraa yakkineerra» jedhanee cubbuu ifii faaci'atane. Saamu'elille Miispha'atti Israa'elootatti mure.
7Worri Filisxeemotaa akka Israa'elooti Miispha'atti wolitti qabamane yennaa dhage'ane, mootoleen Filisxeemotaa isaan loliisaaf dhaqane; Israa'elootille tana dhage'anee worra Filisxeemotaa sodaatanee, 8Saamu'eliin, «Mootiin Waan Maraa Waaqi keenna harka worra Filisxeemotaa jalaa akka nu baasuuf, marroo teennaaf gara isaa daadimatiisa hin lakkisin» jedhane. 9Maarre Saamu'el buruusoo korbeessa hoole'ee ka hin gu'in fuudhee kennansa duuduma gubamu godhee Mootii Waan Maraatiif dhikeesse. Saamu'el marroo Israa'elootaatiif gara Mootii Waan Maraa daadimatee, Mootiin Waan Maraalle deebii isaaf kenne. 10Saamu'el kennansa gubamu dhikeessiisatti adoo jiruu, worri Filisxeemotaa Israa'eloota loliisaaf dhufanee itti dhikaatane; te'uu malee guyyaa san Mootiin Waan Maraa ol-gubbaa irraa worra Filisxeemotaa irratti mandi'ee isaan joonjessee, isaanille raafamanee Israa'eloota duraa baqatane. 11Israa'elootille Miispha'aa bayanee worra Filisxeemotaa ijjeesaa haga addee Bet-kaar jalaatitti isaan ari'ane.
12Achiin duuba Saamu'el dhakaa tokko fuudhee Miispha'aa fi Sheen wodhakka'atti dhaabee, «Mootiin Waan Maraa haga ammaa nu qarqaareera» jedhee, maqaa isaa, «Ebeen-Ezer» jedhee moggaase. «Ebeen-Ezer» jechuun, «Dhakaa qarqaarsaa» jechu'u. 13Maarre worri Filisxeemotaa waan injifatamaneef, bara Saamu'el jiru mara worri Filisxeemotaa deebi'anee lafa Israa'elii akka hin lolle, Mootiin Waan Maraa worra Filisxeemotaa dhoogge. 14Qachooti worri Filisxeemotaa Israa'eloota irraa fudhatane, Eqroonii haga Gaatiititti gara Israa'elii deebi'ane; Israa'el lafa ifii mara harka worra Filisxeemotaa jalaa baafatte; Israa'elootaa fi Amoorota wodhakkaalle'etti nageenni bu'e.
15Saamu'el bara jiruu ifii mara Israa'elitti mure. 16Inni wogguma wogga'atti Bet'el, Giilgalii fi Miisphaa keessa deddeemee, namoota addee tanaa maraaf muraa kenne. 17Achiin duuba inni gara mana ifii ka Raamaa keessa jiruu deebi'ee, achille'etti Israa'elootaaf muraa kenne. Addee ciinca'aalle Mootii Waan Maraatiif achitti ijaare.

Você sabia?
Arrependimento e livramento em Mispá
- Mispá, que significa torre de vigia, ficava no topo de uma colina proeminente no território de Benjamim e servia como local de reunião tradicional para Israel em épocas de crise nacional.Fontes: Mizpah · o próprio texto bíblico
- Após ser devolvida pelos filisteus, a arca do Senhor permaneceu por vinte anos em Quiriate-Jearim, na casa de Abinadabe, cujo filho Eleazar foi consagrado para guardá-la.Fontes: Abinadab · Eleazar · o próprio texto bíblico
- Samuel comemorou a vitória sobre os filisteus erguendo uma pedra memorial chamada Ebenézer, que significa pedra de ajuda, entre Mispá e Sem.Fontes: Ebenezer · Shen · o próprio texto bíblico
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Lugares deste capítulo
- Kiriath-jearim · Hoje: Deir el Azar · 31.809, 35.104 · versículos 1, 2
- Ekron · Hoje: Tel Miqne · 31.777, 34.852 · versículo 14
Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org