1 Samuel 9
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Saa'ol Mootii Te'iisaaf Filame
1Gosa Beniyaaminii keessaa nami beekkamaan ka maqaan isaa, «Qiish» jedhamu tokko jiraayyu; inni ilma Abii'elii, akaakoo Xiroorii, abuuboo Bikoraatii, abutturoo Afiiya'aa ti. 2Qiish ilma miidhagaa, ka maqaan isaa «Saa'ol» jedhamu tokko qabaayyu; Israa'el keessa nami isa caalaa miidhagu hin jiru. Inni gurmuu ifiitii ol kolbaa mara caalaa dheerata.
3Abbaa Saa'olii Qiish duraa harreeleen baddeertuun, inni ilma ifii Saa'oliin, «Tajaajiltoota keessaa tokko fudhadhuutii, dhaqii harreelee badde san barbaadi» jedhe. 4Saa'olii fi tajaajilaan sun ka'anee lafa koobittii Efreemiitii fi lafa Shaaliishaa keessa deddeebi'anee barbaadane; garuu hin dhaggine; karaa lafa Sha'aliimii keessa dabaranee barbaadane; garuu hin dhaggine. Achiin duuba karaa lafa Beniyaaminii keessa dabaranee barbaadane; garuu achille'etti hin dhaggine. 5Isaan lafa Zuufii yennaa geyane, Saa'ol tajaajilaa isa woliin jiruun, «Abbaan kiyya marroo harreele'ee yaaduu lakkisee, marroo teennaaf waan yaaddowuuf, koy deebinaa!» jedhe.
6Tajaajilaan sun deebisee, «Kunoo, nami Waaqaa tokko qachaa kana keessa jira; wonni inni dubbate marti waan teetuuf, inni nama ulfinna qabu; inni karaa nuuti harreelee tana barbaannu nu'uuf hin hima fa te'a, koy gara isaa dhandhaa!» jedheen.
7Achiin duuba Saa'ol tajaajilaa ifiitiin, «Gara isaa yoo dhandhe, namichaaf maan kennina ree? Qalqalluu keessa sagaleen hin jirtu; waan nama Waaqaatiif kenninu tokkolle hin qannu; waan dhibii maan qanna ree?» jedhe.
8Tajaajilaan sun deebisee Saa'oliin, «Kunoo, ani meetii gara giraama sadii qaba; akka inni karaa nuuti harreelee tana barbaannu nu'uuf himu, ani meetii tana nama Waaqaatiif hin kenna» jedhe.
9Bara durii Israa'el keessatti nami tokko woy Waaqa gaafatiisaaf yoo dhaqu, «Kowa'a gara nama mudhii dhagguu dhandha» jedhaayyu; ka adha, «Raagicha» jedhamu, dur «Abbaa mudhi'ii» jedhamaayyu. 10Saa'olille tajaajilaa ifiitiin, «Dansaa jette; koy, hin dhandhaa» jedhe; maarre isaan gara qachaa nami Waaqaa keessa jiru sanii dhaqane.
11Isaan gara qacha'aa koobatti adoo ol bayiisatti jiranuu, ijoollee durraa ta bisaan woraabbatiisa dhaxxu takka dhagganee, «Nami mudhii dhaggu as jiraa?» jedhanee isaan gaafatane.
12Isaan deebisanee, «Ee, hin jira; kunoo, inni isinumaan dura jira, ariifadha'aa dhaqqaba'a. Kolbaan addee waaqonfanna'aa irratti ciincaa waan dhikeessituuf, inni amma as gara qachaa kanaa dhufe. 13Isin yennuma qachaa seentane, inni nyaatiisaaf gara addee Waaqonfanna'aa ol adoo hin bayin isa hin dhaggitan. Ciincaa dhikaate inni waan eebbisuuf, adoo inni hin dhufin kolbaan hin nyaattu; achiin duuba worri affeerame hin nyaata. Yennuma tana waan isa dhaggitanuuf, ol baya'a» jedhanee deebisane. 14Maarre Saa'olii fi tajaajilaan isaa gara qacha'aa ol bayane. Isaan gara qacha'aa adoo seeniisatti jiranuu, Saamu'el gara addee waaqonfanna'aa ol bayiisaaf karaa isaan jiranu dhufe.
15Saa'ol adoo hin dhufin guyyaa tokkoon dura Mootiin Waan Maraa, waan kana Saamu'elitti mudhisee, 16«Boru yennaa tana biyya Beniyaaminiitii nama tokko gara keeti hin erga; kolbaa tiyya Israa'el irratti akka inni bulchaa te'u isa muudi; inni kolbaa tiyya harka worra Filisxeemotaa jalaa hin baasa; iyyi isaanii gara kiyya waan dhaqqaddeef, kunoo, ani kolbaa tiyya ilaaleera» jedhe.
17Saamu'el yennaa Saa'ol dhagge, Mootiin Waan Maraa isaan, «Nami ani waan isaa sitti hime sun kunoo isa kana; inni kolbaa tiyya hin bulcha» jedhe. 18Achiin duuba Saa'ol karaa seensuma karraatiin gara Saamu'elii dhikaatee, «Manni nama mudhii dhagguu eessa? Maganne'e natti himi» jedhee gaafate.
19Saamu'el deebisee, Saa'oliin, «Nami mudhii dhagguu ana; isin adha na woliin waan nyaattanuuf, gara addee waaqonfanna'aa naan dura ol baya'a; waan gadhaa keeti keessa jiru mara sitti himee, ganama si geegessa. 20Harreeleen teeti ta guyyaa sadiin dura badde waan mudhatteertuuf hin yaadin; halchaan kolbaa Israa'elii marti eennuuf ree? Si'ii fi maatii abbaa keetii maraafii motii ree?» jedheen.
21Saa'ol deebisee, «Ani gosa Israa'elii keessaa gosa diqqoo sanyii Beniyaaminiitii motii ree? Sanyiin tiyya sanyii Beniyaaminii mara keessaa diqqo'oo motii ree? Ati maaf waan akkasii natti dubbatta ree?» jedhe.
22Achiin duuba Saamu'el, Saa'olii fi dargaggeessa tajaajilaa isaa san gara kolloo jilaa geessee, keessumoota soddoma waamamane caalaa addee ulfinnaa isaan teessise. 23Saamu'el tajaajilaa ittoo qopheessu waamee, «Foon ani si'iin, ‹Adda baasii keyi› jedhee sitti kenne san fidi» jedheen. 24Maarre tajaajilaan ittoo qopheessu sun foon lukaa akkuma jiruun fidee Saa'ol dura keye; Saamu'el, «Kunoo, ani haga keessumoota waameen jalqabee qooda si'iif maffameeru waan te'eef nyaadhu» jedheen. Maarre Saa'ol guyyaa san Saamu'el woliin nyaate. 25Addee waaqonfanna'aatii gara qacha'aa gad yennaa bu'ane, Saamu'el heellichoo manaa irratti Saa'ol woliin dubbate. 26Achiin duuba Saamu'el ganama ka'ee, heellichoo manaa gubba'aa Saa'ol waamee, «Waan si geegessuuf ka'i!» jedheen. Saa'olille ka'ee Saamu'el woliin kara'atti gad bayane. 27Isaan gara qacha'aa gad bu'iisatti adoo jiranuu, Saamu'el Saa'oliin, «Tajaajilaan kun nu'uun dura dabaree akka deemu itti himi; yennaa inni dabaree deeme, ani waan Waaqi jedhe waan sitti himuuf, ati diqqoo asuma turi» jedhe.

Você sabia?
A busca de Saul e o encontro com Samuel
- A jornada de Saul em busca das jumentas perdidas de seu pai o levou pela região montanhosa de Efraim, pelas terras de Salisa e Saalim, e finalmente ao distrito de Zufe, onde ficava Ramá, a cidade natal de Samuel.Fontes: o próprio texto bíblico · Saul · Zuph
- O relato observa que o título 'profeta' substituiu o termo mais antigo 'vidente' na época em que o texto foi registrado. Consultar um homem de Deus costumava envolver a entrega de uma modesta oferta de cortesia, como o quarto de siclo de prata oferecido pelo servo de Saul.Fontes: o próprio texto bíblico
- Nos banquetes sacrificiais locais realizados em lugares altos, o profeta ou sacerdote precisava abençoar a refeição antes que os convidados comessem. Samuel honrou Saul colocando-o no lugar principal entre cerca de trinta convidados e servindo-lhe uma porção especial previamente reservada.Fontes: o próprio texto bíblico
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org