1 Samuel 3
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Mootiin Waan Maraa Saamu'el Waame
1Saamu'eliin dargaggeessichi Elii duratti Mootii Waan Maraa tajaajilaayyu; bara san Mootiin Waan Maraa yennaa tokko tokko malee, namatti hin dubbatu; mudhiin bacaalle hin jirtu. 2Eliin dulloomee, ilti isaa waan caararrootteef, gaafa tokko taqee ifii irra irkateeraayyu. 3Saamu'elille addee Saanduqi Gondooro'oo ka Waaqaa jiru, Dunkaanii Woyyittii Mootii Waan Maraa keessa irkateeraayyu. Issaan Waaqaalle adoo hin dhaamin jiraayyu. 4Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Saamu'el waamee, innille, «Kunoo, ani as jira!» jedhee, 5gara Eli'ii fiigee, «Ati waan na waanteef, kunoo, ani as jira» jedhe.
Eliin ammoo, «Ani si hin waanne deebi'ii rafi» jedheen; maarre innille deebi'ee rafe.
6Ammalle Mootiin Waan Maraa Saamu'el waamee, innille ka'ee gara Elii dhaqee, «Ati waan na waanteef, kunoo, ani as jira» jedheen.
Eliin ammoo, «Ilma kiyya, ani si hin waanne; deebi'ii rafi» jedheen. 7Tanaan qara Saamu'el Mootii Waan Maraa hin beeku; jechi Mootii Waan Maraalle isatti mudhatee hin beeku.
8Ammalle Mootiin Waan Maraa yennaa sadeesso'oo Saamu'el waame; innille ka'ee gara Eli'ii dhaqee, «Ati waan na waanteef, kunoo, ani as jira» jedheen.
Achiin duuba Eliin akka Mootiin Waan Maraa Saamu'el waamiisatti jiru hubate. 9Tanaaf, Eliin Saamu'eliin, «Dhaqii rafi; inni ammalle yoo si waame, ‹Kunoo, ani garbichi keeti waan as jiruuf dubbadhu› jedhiin» jedhe. Maarre Saamu'elille deebi'ee taqee ifii irra rafe.
10Mootiin Waan Maraa dhufee achi dhaabbate; akkuma qaraa, «Saamu'el! Saamu'el!» jedhee waame;
Saamu'elille, «Kunoo, ani garbichi keeti dhage'aara dubbadhu» jedheen.
11Achiin duuba, Mootiin Waan Maraa Saamu'eliin, «Kunoo, ani Israa'el keessatti waan dhage'iisaaf gurra namaatitti hin tolle hin godha. 12Guyyaa san ani jalqabaa kaasee haga dhumaatitti waan Eli'ii fi maatii isaa irratti dubbadhe mara hin muummessa. 13Ilmaan isaa ana Waaqa akka faanshessite adoo beekuu, isaan waan hin xixiniif, yakkaa inni beeku saniif ani maatii isaa haga bara baraa akka adabu isatti himeeraayyu. 14Tanaaf, ani ‹Yakkaan maatii Eli'ii ciinca'aan yookiin kennansaan haga bara baraa gumaan hin kennamu› jedhee maatii Eli'iitiif kakadheera» jedhe.
15Saamu'el haga ganamaa rafe; achiin duuba ka'ee balbala Dunkaanii Woyyittii Mootii Waan Maraa bane; mudhii dhagge sanille Elii'itti himiisa sodaate. 16Eliin ammoo Saamu'el waamee, «Ilma kiyya Saamu'el» jedhe.
Saamu'elille, «Kunoo, ani as jira» jedhe.
17Eliin, «Mootiin Waan Maraa maan sitti dubbate? Ana hin dhossin! Waan inni sitti hime keessaa waan tokkolle yoo na dhossite, Waaqi waan hantuu sitti fiduu ti; waan hantuu irratti hantuu sitti dabaluu ti» jedhe. 18Maarre Saamu'el waan tokkolle adoo hin dhossin waan mara isatti hime. Achiin duuba Eliin, «Inni Mootii Waan Maraa ti; waan fedhe godhuu ti» jedhe.
19Saamu'el guddate; Mootiin Waan Maraa isa woliin waan jiruuf, wonni inni dubbate marti lafa hin buutu. 20Kolbaan Israa'elii ta Daan irraa haga Bersheeba'aa jirtu marti Saamu'el dhugumaan raagicha Mootii Waan Maraa akka te'e beekane. 21Mootiin Waan Maraa ammalle Shiilo'otti mudhatee, achitti karaa jecha ifiitiin Saamu'elitti mudhate.

Você sabia?
O Chamado de Samuel
- O santuário que abrigava a arca de Deus ficava em Siló, onde o jovem Samuel servia sob os cuidados do sumo sacerdote Eli. O texto relata que revelações divinas e visões eram raras naquela época, antes de o Senhor voltar a Se manifestar a Samuel em Siló.Fontes: o próprio texto bíblico · Shiloh · Eli
- Eli exerceu o sumo sacerdócio e julgou Israel por quarenta anos, mas sua falha em repreender com firmeza seus filhos corruptos, Hofni e Fineias, trouxe uma sentença divina contra sua linhagem. O ofício sacerdotal permaneceu em sua família até que o rei Salomão depôs Abiatar e nomeou Zadoque.Fontes: Eli · o próprio texto bíblico
- A expressão de Dã a Berseba designa toda a extensão territorial da Terra Prometida, desde seu limite ao norte em Dã até a fronteira sul em Berseba, uma distância de cerca de 144 milhas. Seu uso enfatiza que a nação inteira reconheceu Samuel como um profeta confirmado.Fontes: Beersheba · o próprio texto bíblico
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Lugares deste capítulo
- Dan · Hoje: Tel Dan · 33.249, 35.652 · versículo 20
- Shiloh · Hoje: Khirbet Seilun · 32.056, 35.290 · versículo 21
Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org