Nations Bible

1 Samuel 2

Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.

Daadimata Haanna'aa

1Haannaan daadimattee,

«Gadhaan kiyya

Mootii Waan Maraatitti hin gammada;

jabeenni kiyya

Mootii Waan Maraatiin ol ol jedheera.

Inni waan na qarqaareef

ani diinota kiyya irratti hin kolla.

2«Ka akka Mootii Waan Maraa

Woyyichi tokkolle hin jiru;

ka akka isaa tokkolle hin jiru;

rassaan akka Waaqa keennaa

tokkolle hin jiru.

3Mootiin Waan Maraa Waaqa beekaa

nama mara madaalu waan te'eef

hin koorina'a!

Ifi jajiisaan hin dubbatina'a!

4Guubeen worra jajjabaa caccabeera;

worri dadhabaan ammoo jabaateera.

5Worri qara quufee le'u

sagalee diqqo'oof qaxarame.

Worri qara beelaan le'u ammoo

amma quufeera.

Maseentittiin torba deetteerti;

ta ijoollee bacaa qaddu ammoo dadhaddeerti.

6Mootiin Waan Maraa ijjeesee hin kaasa;

addee worri du'e jiru gad buusee hin baasa.

7Mootiin Waan Maraa hin hiyyoonsa;

hin duroonsalle'e.

Inni gad hin qaba; olille hin qaba.

8Inni hiyyeessa bukuu irraa ol hin kaasa;

rakkataalle tuulaa daadha'aa irraa ol hin kaasa.

Worra jajjabaa woliin isaan hin teessisa;

barcumaa mootumma'aa ka ulfinnaalle

isaaniif hin kenna.

Sababille utubooti biyya lafaa

ka Mootii Waan Maraa ti;

inni biyya lafaa isaan irratti dade.

9Nami jabeenna ifiitiin waan hin injifanneef,

Mootiin Waan Maraa

ideensa worra isaaf addatamee hin eega;

hamaaleyyiin ammoo

dukkana keessatti hin badan.

10Worri Mootii Waan Maraa mormu

hin caccaban;

inni isaan loliisaaf

ol gubbaa irraa hin balaqqisa.

Mootiin Waan Maraa

biyya lafaa mara irratti

muraa hin kenna;

inni nama ifii mootii godheef

jabeenna hin kenna;

nama ifii muudelle'eef

ulfinna hin kenna» jette.

11Achiin duuba Elqaanaan gara mana ifii Raama'atti dhaggamuu deeme; mucaan ammoo Elii hayyicha duratti Mootii Waan maraa tajaajile.

Ilmaan Eli'ii Ta Bu'aa Hin qanne

12Ilmaan Eli'ii ilmaan bu'aa hin qanne; isaan Mootii Waan Maraa hin beenne. 13Yennaa nami tokko ciincaa dhikeessu aadaa hayyooti kolbaa woliin qaddutti jira; foon ciinca'aaf dhikaate yennaa iffeelamu tajaajilaan hayyichaa filaa foonii ka quba sad qabu qabatee dhufa; 14inni filaa foonii san okkotee foon itti iffeelamu san keessa keyee waan filaan sun baase mara hayyichi ifiif fudhata; isaan Israa'eloota gara Shiilo'oo dhufane mara irratti tanuma godhan. 15Moorri adoo hin gubaminiin dura, tajaajilaan hayyichaa gara nama ciincaa dhikeessuu dhufee, «Hayyichi foon dheedhii malee ka iffeelame waan si irraa hin fudhanneef, foon isaaf woddu natti kenni» jedha.

16Nami sun isaan, «Qara isaan moora gubanuu ti; achiin duuba haga barbaadde fudhadhu» yoo isaan jedhe, tajaajilaan hayyichaa, «Waawwo'o, ammuma kenni! Yoo didde hunnaan fuudha» jedhaayyu.

17Ciincaa Mootii Waan Maraatiif dhikaatu waan tuffataneef, cubbuu ilmaan Eli'ii tun Mootii Waan Maraa duratti guddoo teete.

18Saamu'el adoo daa'imaatuu woyaa hayyumma'aa ta qomaa ta quncee talba'aa irraa hujante uffatee, Mootii Waan maraa tajaajile. 19Haati isaa abbaa manaa ifii woliin wogguma wogga'aan ciincaa dhikeessiisaaf yennaa dhaxxu mara qoloo diqqoo takka hujjee wogguma wogga'aan isaaf geessitiiyyu. 20Achiin duuba Eliin, «Addee mucaa isiin daadimattee Mootii Waan Maraa irraa dhaggattee isaaf kennite sanii, Mootiin Waan Maraa dubartii tana irraa sanyii dhibii si'iif kennuu ti» jedhee Elqaana'aaf haadha manaa isaa eebbise.

Achiin duuba isaan gara mana ifii deebi'anee deemane. 21Mootiin Waan Maraa Haannaa yaadatee, isiin ulfoottee ilmaan sadii fi ijoollee durraa lama deette. Saamue'eliin dargaggeessichille Mootii Waan Maraa duratti guddate.

Eli'ii Fi Ilmaan Isaa

22Eliin guddoo dulloome; ilmaan isaa Israa'eloota mara keessatti waan godhiisatti jiranuu fi dubartoota seensuma Dunkaanii Woldeenna'aa dura tajaajilanu woliin attam akka isaan sagaagalane dhage'e. 23Inni isaaniin, «Ani hammeenna hujii teessanii kolbaa mara irraa waan dhage'uuf, isin maaf tana hujjan? 24Waawwo'o, ilmaan tiyya! Oduun kolbaa Mootii Waan Maraa keessa facaatuun ani dhage'u tun dansa'aa moti. 25Nami tokko yoo nama yakke Mootiin Waan Maraa wodhakkaa galee muraa hin kenna; nami tokko yoo Mootii Waan Maraa yakke ammoo eentu wodhakkaa galee muraa kenna ree?» jedheen.

Te'uu malee Mootiin Waan Maraa akka isaan du'anu waan barbaadeef, isaan gorsa abbaa ifii hin dhageenne.

26Saamu'eliin dargaggeessichi hojja'aa fi fudhatama dhaggatiisaan Mootii Waan Maraatii fi nama duralle'etti guddate.

Raaga Maatii Eli'ii irratti Dubbatame

27Raagaan tokko gara Eli'ii dhufee, «Mootiin Waan Maraa, ‹Abbootiin teeti ta durii biyya Gibxi'ii keessatti Fara'ooniif garboota yennaa te'ane, ani isaanitti hin mudhannee ree? 28Akka inni hayyuu naaf te'u, akka inni ciincaa naaf dhikeessu, akka inni hixaana naaf aarsu, akka inni na duratti woyaa hayyumma'aa ta qomaa uffatu, gosa Israa'elii mara keessaa ani abbaa abbootii teetii ta durii filadheera; ciincaa gubamu ka Israa'elooti duri naaf dhikeessitu mara ani sanyii abbaa keeti ka duriitiif kenne. 29Isin ciinca'aa fi kennansa addee bultuma tiyyaatitti akka naaf dhikaatu ani ajaje maaf tuffatane? Ilmaan teeti kennansa kolbaan tiyya Israa'el naaf dhikeessitu irraa dadansaa nyaatanee akka fufurdatanu, ati maaf na caalaa isaaniif ulfinna kennite? 30Tanaaf, Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii: Ani maatii teetii fi maatiin abbaa keetii haga bara baraa akka ana tajaajilanu waadaa galeeraayyu; amma ammoo tun ijjumaa hin teetu; worra ulfinna naa kennuuf, anille ulfinna isaaniif hin kenna; worri na tuffatulle ijjumaa hin tuffatama. 31Kunoo, sanyii teeti keessatti jaarsi akka hin dhaggane, guyyaan ani si'ii fi maatii abbaa keetii balleessu dhikaateera. 32Achiin duuba ati addee bultuma tiyyaatitti rakkinna hin dhaggita; wonni dansaan Israa'eliif teetulle, maatii teeti keessatti jaarsi hin dhaggamu. 33Nama keeti keessaa akka inni addee ciinca'aa tiyya tajaajiluuf, ka ani jiru'uun lakkisu, ilti teeti akka jaamtuu fi gadhaan keeti akka gadduuf, sababa hin te'a; garuu sanyiin teeti marti shallaaga'aan hin dhumatti. 34Ilmaan teeti lama Hofnii fi Fiinehaas irratti wonni te'u beessisa si'iif hin te'a; isaan lamaanuu guyyuma tokko hin du'an. 35Ani hayyicha addatamaa ka akka gadhaa kiyyaatii fi akka yaada kiyyaa na tajaajilu hin kaafadha; ani mana isaa jabeessee hin dhaaba; innille haga bara baraa nama ani muudadhe hin tajaajila. 36Sanyii teeti keessaa nami lubbu'uun hafe marti gara hayyicha sanii dhaqee, beesee diqqo'oon yookiin daabboo xaltaa tokko dhaggatiisaaf isa duratti sagadaa: Maganne'e, sagaluma guyyaa guyya'aan afaaniin qabu callaa akka dhaggadhu hujii hayyumma'aa ta feetelle teetu naaf kenni jedhaa isa hin kadhata› jedha» jedhe.

Ilustração artística — interpretação, não registro histórico.

Você sabia?

O Cântico de Ana e o Sacerdócio em Siló

  • Os filhos de Eli, Hofni e Fineias, violavam os costumes do santuário ao exigir carne crua antes que a gordura fosse queimada no altar e ao usar um garfo de três dentes para tirar carne das panelas. Suas exigências agressivas tratavam as ofertas do Senhor com desprezo.Fontes: o próprio texto bíblico · Hophni · Phinehas
  • Enquanto servia perante Eli em Siló, o jovem Samuel vestia um éfode de linho. A cada ano, quando seus pais iam oferecer o sacrifício anual, sua mãe Ana lhe trazia uma pequena túnica feita por ela.Fontes: o próprio texto bíblico · Samuel · Hannah
  • Um homem de Deus anunciou juízo contra a casa de Eli por profanar os sacrifícios e honrar seus filhos corruptos mais do que a Deus. A profecia advertiu que a linhagem sacerdotal de Eli seria cortada, tendo como sinal a morte de Hofni e Fineias no mesmo dia.Fontes: o próprio texto bíblico · Eli · Hophni

Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.

Lugares deste capítulo

  • Shiloh · Hoje: Khirbet Seilun · 32.056, 35.290 · versículo 14
  • Egypt · 30.129, 31.308 · versículo 27

Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Fale com a gente

Conte de onde você lê, como a Bíblia tem te ajudado ou o que podemos melhorar. Lemos todas as mensagens.