Nations Bible

1 Samuel 4

Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.

Booji'amiisa Saanduqa Gondooro'oo

1Dubbiin Saamu'elii Israa'eloota mara dhaqqadde. Israa'elooti Filisxeemota loliisaaf bayanee addee, «Ebeen-Ezer» jedhantu qubatane; Filisxeemoti ammoo addee, «Afeq» jedhantu qubatane. 2Filisxeemoti Israa'eloota loliisaaf tarree galane; lolli akkuma jabaateen, Filisxeemoti Israa'eloota injifatanee, lola san keessa Israa'elooti kum afur ijjeefamane. 3Loltooti addee qubatanetti yennaa deebi'ane, jaarsoleen Israa'elii, «Mootiin Waan Maraa adha Filisxeemoti akka nu injifatanu maaf godhe? Akka inni nu woliin duulee harka diinota keennaa jalaa nu baasu, kowa'a dhandhee Saanduqa Gondooro'oo Ka Mootii Waan Maraa Shiiloo keessaa as fidanna!» jedhane. 4Maarre kolbaan namoota gara Shiilo'oo ergitee, Saanduqa Gondooro'oo ka Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadee, ka barcumaa mootumma'aa irra odduu dada ol-gubba'aa ta koola qaddu lamaanii tee'eeruu, achii akka fidanu goote; ilmaan Eli'ii lama Hofnii fi Fiinehaas Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa san woliin achi jiraniiyyu.

5Saanduqi Gondooro'oo ta Mootii Waan Maraa akkuma addee quttumaa dhufeen, Israa'elooti marti haga latti tachootutti guddoo ilillisane. 6Filisxeemotille ililleettii san yennaa dhage'ane, «Ililleettiin guddoon ta addee quttuma Ibrootaatitti dhage'antu tun maan?» jedhanee gaafatane. Isaan Saanduqi Gondooro'oo ka Mootii Waan Maraa gara addee quttumaa akka dhufeeru yennaa beekane, 7Filisxeemoti sodaatanee, «Waaqi dharaa tokko addee quttumaa dhufeera; tanaan qara wonni akkasii teetee waan hin beenneef, aanne'e nu'uuf! 8Aanne'e nu'uuf! Harka waaqota dharaa jajjaba kana jalaa eentu nu baasuu dande'a ree? Isaan kun waaqota dharaa ka balaa adda addaatiin worra Gibxi'ii goomolee keessatti dhowane. 9Ee Filisxeemota! Jabaadha'a! Dhiira te'a'a! Akkuma qara worri Ibrootaa isiniif garba te'e, isinille isaaniif garba akka hin teene, dhiira te'a'aatii lola'a!» woliin jedhane.

10Maarre Filisxeemoti lolane; Israa'elootille injifatamanee marti isaanii gara mana ifii baqatane; nami bacaan dhumate; Israa'eloota keessaa loltooti kum soddom ijjeefamane. 11Saanduqi Gondooro'oo ka Waaqaa booji'amee, ilmaan Eli'ii lamaanuu Hofnii fi Fiinehaas ijjeefamane.

Du'iisa Eli'ii

12Guyyaa san nami gosa Beniyaaminii tokko gaddiisaan woyaa ifii tarsaasee, bukuu mata'atti naqatee, addee lolaa irraa gara Sheelo'oo fiigaa dhufe. 13Yennaa inni achi geye, Eliin marroo Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaatiif gadhaan isa raafamee karaa qarqara barcumaa irra tee'ee eegatiisatti jiraayyu; nami sun gara qacha'aa dhufee waan te'e kana yennaa hime worri qachaa keessa jiru marti iyyane. 14Eliin iyya tana yennaa dhage'e, «Hogaan kun maan?» jedhee gaafate; achiin duuba nami sun ariiti'iin dhufee oduu tana Elii'itti hime. 15Eliin jaarsa woggaa sagaltamii saddeetii waan te'eef ilti isaa jaamtee woy dhagguu hin dande'u. 16Nami sun Eli'iin, «Ani nama lola irraa dhufe; ani adha lola keessaa miliqee dhufe» jedhe.

Eliin, «Ilma kiyya, maanti te'e ree?» jedhee gaafate.

17Namichi oduu fidee dhufe sun deebisee, «Israa'elooti Filisxeemota duraa baqatane; loltooti hedduun dhumatanee, ilmaan teeti Hofnii fi Fiinehaasille lamaanuu du'aneeran; Saanduqi Gondooro'oo ka Waaqaalle booji'ameera» jedhe. 18Nami sun marroo Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa yennaa hime, Eliin karra bira barcumaa irra tee'eeru irraa gara duubaa jige; inni jaarsa dulloome furdaa waan te'eef mormi isaa cabee achumatti du'e; inni woggaa afurtama Israa'el irratti abbaa mura'aa te'eeraayyu.

19Yennaa san niitiin ilma isaa ta Fiinehaasii ulfoottee deyiisa geetteertiiyyu. Isiin oduu booji'amiisa Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa, abbaan sodda'aa ka isi'iitii fi abbaan manaa ka isi'ii akka du'ane yennaa dhageette ciniinsuun itti bira tartee jilbiiffattee deette. 20Isiin du'iisaaf yennaa worwaatattu, dubartooti isii bira jiranu, «Ilma deetteerta, jabaadhu!» jedhane. Isiin ammoo deebii hin kennine yookiin waan isaan jedhane miidhassitee hin dhageenne. 21Isiin Saanduqi Gondooro'oo ka Waaqaa waan booji'ameef, abbaan sodda'aa ka isi'iitii fi abbaan manaa ka isi'ii waan du'aneef, «Ulfinni Israa'el irraa ka'eera» jettee, maqaa ilma ifii Ikaaboodi baatte. 22Isiin ammalle, «Saanduqi Gondooro'oo ka Waaqaa waan booji'ameef, ulfinni Israa'el irraa fudhatameera» jette.

Ilustração artística — interpretação, não registro histórico.

Você sabia?

A Arca capturada e a queda da casa de Eli

  • O nome do local Ebenézer, que significa pedra de ajuda, aparece aqui por antecipação. Samuel ergueu e nomeou a pedra memorial apenas anos mais tarde, após uma vitória posterior sobre os filisteus.Fontes: Ebenezer · o próprio texto bíblico
  • Os filisteus ficaram aterrorizados quando a Arca chegou ao acampamento hebreu, demonstrando que o conhecimento sobre as pragas enviadas contra o Egito havia se espalhado entre os povos vizinhos no antigo Oriente Próximo.Fontes: o próprio texto bíblico
  • Eli julgou Israel durante quarenta anos antes de morrer com o pescoço quebrado ao saber da captura da Arca e da morte de seus filhos Hofni e Fineias na batalha.Fontes: Eli · Hophni · Phinehas · o próprio texto bíblico

Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.

Lugares deste capítulo

  • Aphek · Hoje: Tell Ras el Ain · 32.105, 34.930 · versículo 1
  • Shiloh · Hoje: Khirbet Seilun · 32.056, 35.290 · versículos 3, 4, 12, 13

Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Fale com a gente

Conte de onde você lê, como a Bíblia tem te ajudado ou o que podemos melhorar. Lemos todas as mensagens.