1 Coríntios 11
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
1Akkuma ani Kiristoos fakkaadhu isinille na fakkaadha'a.
Waaqonfannaa Malte
2Waan duudi'iin yennaa maraa na qaabataa, barsiisa ani isin barsiise waan qabattaneef isin leellifadha. 3Ammoo Kiristoos mataa dhiiraa, dhiirti mataa dubarti'ii, Waaqille mataa Kiristoosii akka te'e akka beettanu barbaada. 4Dhiirti hagooggattee daadimattu yookiin raaga dubbattu ifi salphitti. 5Akkasuma dubartiin mataa ifii hin hagooggatin daadimattu yookiin raaga dubbattu, dhiira dubartii irratti baallii qaddu salphitti. Dubartiin mataa ifii hin hagooggatin, akka mataa haadatteetitti laakkowanti. 6Dubartiin mataa ifii ta hin hagoogganne yoo teete, rifeensa mataa ifii murattuu ti; rifeensa mata'aa muratiis yookiin haadatiis ka isii salphisu yoo te'e ammoo, mataa ifii hagooggattuu ti. 7Dhiirti bifa Waaqaatii fi ulfinna Waaqaa ta mudhittu waan teeteef, mataa ifii hin hagooggatin. Dubartiin ammoo ulfinna dhiiraa mudhitti. 8Sababille dubarti'ittuu dhiira irraa dhaggame malee, dhiirti dubartii irraa hin dhagganne. 9Akkasuma dubarti'ittuu dhiiraaf dadante malee, dhiirti dubarti'iif hin dadanne. 10Marroo kanaa fi sababa ergantoota Waaqaatiif, dubartiin hagoogguu beessisa baalli'ii teete san hagooggatuu ti. 11Jireenna Gootta'aan qannuun dubartiin dhiira malee hin jiraattu; dhiirtille dubartii malee hin jiraattu. 12Akkuma dubartiin dhiira irraa dhaggante, dhiirtille dubartii irraa dhalatte; wonni duudiin ammoo Waaqa irraa dhagganti.
13Me isinuu mura'a; dubartiin adoo mataa ifii hin hagooggatin wolde'a kiristaanaa keessatti Waaqa daadimatuun waan malee? 14Dhiirti rifeensa mataa ifii dheereffachuun salphinna akka te'e, aadaan le'ii namaatuu isin hin barsiittuu? 15Dubartiin ammoo rifeensa dheeraa yoo qabaatte, isi'iif ulfinnaa motii ree? Rifeensi isi'iille akka ittiin ifi gollattuuf kenname. 16Nama yaada kanaan moromuu barbaaduuf ammoo, nuuti yookiin wolde'ooti kiristaanaa ka Waaqaa, aadaa dhibii hin qannu.
Irbaata Gootta'aa
17Yennaa waaqonfanna'aaf wolitti qabantanu, dansaa caalaa hantuu waan gootanuuf, barsiisa amma isinii kennuun isin hin leellifadhu. 18Waan duudi'iin dura, wolde'i kiristaanaa keessan yennaa wolitti qabamu, gargar bayiisi odduu teessan akka jiru dhage'eera; wonni ani dhage'elle gamis dhugaa akka te'e hin dhugeeffadha. 19Isin keessaa worri dhugaa irra jiru fowamee akka beekkamu, odduu teessanitti gargar bayiisi jiraatuu qaba. 20Yennaa wolitti qabantanu Irbaati isin nyaattanu ka Gootta'aatii moti. 21Sababille yennaa nyaattanu namuu kuun kaan adoo hin eegin qofuu nyaata. Akka kanaan kuun hin beelowa, ka dhibiin hin machowa. 22Isin mana itti nyaattanuu fi untanu hin qaddanuu? Yookiin wolde'a kiristaanaa ka Waaqaa hin tuffattanii? Yookiin worra woy hin qanne qaanessitanii? Ani maan isiniin jedhu ree? Marroo waan kanaatiif isin leellifadhaa ree? Ani ijjumaa isin hin leellifadhu.
23Barsiisi ani Goottaa irraa fudhadhee isiniif dabarsee kenne kana: Goottaan Yesuus halkan dabarfamee kenname xaltaa daabbo'oo fuudhee, 24Waaqaaf galata galchee, cassee, «Kun foon kiyya, ka isiniif te'u; kana qaabbii tiyyaaf godhadha'a» jedhe. 25Akkasuma Irbaataan duuba muduunuu fuudhee, «Muduunuun tun gondooroo haareya dhiiga kiyyaan teetu; yennaa isii untanu mara qaabbii tiyyaaf godhadha'a» jedhe.
26Isin yennaa xaltaa daabbo'oo kana nyaattanuu fi muduunuu tana untanu mara, haga Goottaan deebi'ee dhufutti du'a isaa lalladdan. 27Tanaaf eennulle akka hin malleen, daabboo Gootta'aa yoo nyaate, yookiin muduunuu Gootta'aa yoo une, foonii fi dhiiga Gootta'aa waan salphiseef itti gaafatama. 28Maarre, eennulle daabboo tana adoo hin nyaatin, muduunuu tanalle adoo hin unin ifi qorqoruu qaba. 29Eennulle foon Gootta'aa maan akka te'e adoo hin hubatin, foon Gootta'aa yoo nyaate, muduunuu Gootta'aalle yoo une yakkaamessa ifi godha. 30Sababa kanaaf isin keessaa worri hedduun dadhabee, worri hedduun dhibamee, worri gariille du'e. 31Adoo dursinee ifi qorqorree jiraanne, sila Waaqa duratti yakkaameyyii hin teenu. 32Ammoo biyya lafaa woliin akka nu'utti hin muranne, Goottaan ammuma nu'utti muree nu adaba.
33Tanaaf obboleeyyan tiyya! Irbaata Gootta'aatiif yennaa wolitti qabantanu wol eega'a. 34Wolitti qabamuun keessan yakkaa ifitti mursiisiisaaf akka hin teene, nami isin keessaa beelaye yoo jiraate mana ifiititti nyaatuu ti. Marroo waan dhibi'ii ani yennaa achi dhufu, qajeelfama isinii kenna.

Você sabia?
A cabeça coberta e a Ceia do Senhor
- O capítulo apresenta uma ordem de cabeça: a cabeça de todo homem é Cristo, a cabeça da mulher é o homem, e a cabeça de Cristo é Deus. Diz também que, no Senhor, nem a mulher é independente do homem nem o homem da mulher, pois a mulher veio do homem e o homem nasce da mulher, e tudo vem de Deus. Quando oram ou profetizam, o homem que cobre a cabeça desonra a sua cabeça, e a mulher que a deixa descoberta desonra a sua, como se estivesse rapada; ela deve ter sobre a cabeça um sinal de autoridade por causa dos anjos, e se afirma que as igrejas de Deus não têm outro costume.Fontes: o próprio texto bíblico
- O escritor não tem elogio para as reuniões deles, que, segundo ele, fazem mais mal do que bem. Ele ouviu que há divisões quando se reúnem como igreja e, em parte, acredita nisso; cada um come à frente sem compartilhar, de modo que um fica com fome enquanto outro se embriaga, e por isso não é a Ceia do Senhor que eles comem. Manda que esperem uns pelos outros e que, se alguém tiver fome, coma em casa, para que a reunião não resulte em juízo.Fontes: o próprio texto bíblico
- Ele diz que recebeu do Senhor o que também transmitiu: na noite em que foi traído, o Senhor Jesus tomou o pão, deu graças, partiu-o e disse que era o seu corpo, por eles; depois da ceia, tomou o cálice e chamou-o de nova aliança no seu sangue, a ser celebrada em sua memória. Sempre que comem esse pão e bebem desse cálice, anunciam a morte do Senhor até que ele venha. Quem come ou bebe de modo indigno torna-se culpado de pecar contra o corpo e o sangue do Senhor; por isso cada um deve examinar-se a si mesmo, pois comer e beber sem discernir o corpo traz juízo.Fontes: o próprio texto bíblico
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org