Nations Bible

1 Coríntios 12

Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.

Kennansa Ayyaana Woyyichaa

1Obboleeyyan tiyya! Amma marroo kennansa Ayyaana Woyyichaa akka beettanu barbaada. 2Isin duri yennaa Waaqatti hin dhugeeffatin, karaa irraa gortanee gara waaqota dharaa ka dubbatiisa hin dandeennee, oofamaa akka turtane hin beettan. 3Tanaaf nami Ayyaana Waaqaatiin sooreffamee, Yesuus abaaru hin jiru; akkasuma Ayyaana Woyyichaan yoo sooreffame malee eennulle, «Yesuus Gootta'a» ka jedhu akka hin jirre akka beettanu barbaada.

4Kennansi adda addaa jira; Ayyaanni Woyyichi ammoo tokkochuma. 5Tajaajilli adda addaa jira; Goottaan ammoo tokkochuma. 6Hujiin adda addaa jirti; waan mara nama duudii keessatti ka huju Waaqa tokkochuma. 7Kennansi Ayyaanaa ka nama duudii keessatti mudhatu, bu'aa nama duudi'iitiif kenname. 8Ayyaanni Woyyichi tokkoof dandeettii qaroomaan dubbatiisaa hin kenna; ka dhibi'iif Ayyaanni sunuu dandeettii beekkumsaan dubbatiisaa hin kenna. 9Tokkoof Ayyaanni sunuu dhugeeffannaa hin kenna; ka dhibi'iif kennansa dhibee irraa fayyisiisaa hin kenna. 10Tokkoof hunna bilbaasa hujiisaa, kaaniif hunna raaga dubbataa hin kenna; ka dhibi'iif dandeettii ittiin kennansa Ayyaana Woyyichaatii fi ayyaana hama'aa addaan baasiisaa, tokkoof dandeettii afaan haareya adda addaatiin dubbatiisaa, ka dhibi'iif dandeettii ittiin waan afaan adda addaatiin dubbatame addaan baasiisaa hin kenna. 11Ayyaana tokkochuma sanitti tana duudii godha; Ayyaanni Woyyichi akka fedhetti nama tokko tokkoofuu kennansa addaa kenna.

Nafi Tokko Qooda Adda Addaa Qaba

12Nafi tokkochi qooda adda addaa qaba; nafi tokkochi qooda hedduu qaba. Akkasuma Kiristoosille akka nafa tokkocha qooda hedduu qabuu ti. 13Nuuti Yihudoota yoo teenelle, worra Giriikootaa yoo teenelle, garboolee yoo teenelle, worra bilisa yoo teenelle, nafa tokkocha akka teenuuf Ayyaana Woyyichaan cuuphanneerra; nuuti duudiinuu akka unnuuf Ayyaanni tokkochi nu'uuf kennameera.

14Nafi qooda hedduu irraa hujame malee, qooda tokko callaa irraa hin hujanne. 15Miilli harkaan, «Ani harka waan hin te'iniif, qooda nafaatii moti» yoo jedhe, qooda nafaa te'uun isaa oolchaa hin qabu. 16Gurrille, «Ani ila waan hin te'iniif, qooda nafaatii moti» yoo jedhe, qooda nafaa te'uun isaa oolchaa hin qabu. 17Nafi duudiin adoo ila te'e, sila maaniin woy dhage'a? Nafi duudiin adoo gurra te'e, sila maaniin foolee fuudha? 18Waaqi ammoo, qooda nafa duudi'ii adda addaan akka ifii barbaadetti, addee addee isaatitti qopheesse. 19Qoodi nafaa duudiin, qooda nafaa tokko callaa yoo te'e, nafi eessa jiraata laati? 20Kanaaf akka amma jirutti, qoodi nafaa heddu'u; nafi ammoo tokkocha.

21Maarre ilti harkaan, «Ati naaf hin barbaachittu» yookiin mataan miilaan, «Ati naaf hin barbaachittu» jechuu hin dande'u. 22Qooda nafaa keessaa irra caalaa dadhabaa fakkaatanee ka mudhatanuuyyuu, guddoo barbaachisan; 23qooda nafa keennaa keessaa ka ulfinna diqqaa qabanu fakkaatanee nu'utti mudhatanuuf, caalchinnee ulfinna kennina; qooda nafa keennaa ka fokkisiisanu fakkaatanee ka nu'utti mudhatanuuf ammoo, caalchinnee kabajjaa kenninee hin eeganna. 24Qooda nafa keennaa ka ilatti mudhattuuf ammoo, wonni kun duudiin hin barbaachittu. Waaqi ammoo, qoodi nafaa tuffatamaan ulfinna irra caalu akka qabaatu wolitti qabeera. 25Qooda nafaa wodhakkaa garaa garummaan adoo hin jiraatin, akka woliif yaadatanuuf inni tana godhe. 26Qooda nafaa keessaa tokko yoo rakkate, ka hafanelle isa woliin rakkatan; isaan keessaa tokko ulfinna yoo dhaggate, ka hafanelle isuma san woliin gammadan.

27Amma isin duudiin nafa Kiristoosii ti; tokko tokkoon keessanuu qooda nafa isaa ti. 28Waaqi wolde'a kiristaanaa keessatti dursee ergantoota, itti aansee raagota, sadeessoo barsiisota, achiin duuba worra bilbaasa huju, isaanitti aansee worra kennansa dhibamaa fayyisiisaa qabu, worra kennansa namoota qarqaariisaa qabu, bulchitootaa fi worra afaan haareyaan dubbatanu kaaseera. 29Duudiinuu ergantootaa ree? Duudiinuu raagotaa ree? Duudiinuu barsiisotaa ree? Duudiinuu bilbaasa hujanii ree? 30Duudiinuu kennaa dhibamaa fayyisiisaa qabanii ree? Duudiinuu afaan haareyaan dubbatanii ree? Duudiinuu afaan haareyaan ka dubbatame hiikuu dande'anii ree? 31Isin ammoo kennaa caaltu dhaggatiisaaf jabaadha'a.

Anille karaa duudii irra caalu isinitti hin mudhisa.

Ilustração artística — interpretação, não registro histórico.

Você sabia?

Dons espirituais e um só corpo

  • O capítulo começa lembrando que os leitores, quando eram pagãos, eram levados a ídolos mudos. Em seguida, estabelece um critério para o que se diz de Jesus: ninguém que fala pelo Espírito de Deus amaldiçoa Jesus, e ninguém pode confessar que Jesus é Senhor senão pelo Espírito Santo.Fontes: o próprio texto bíblico
  • Os dons, os ministérios e os modos de agir são diferentes, mas vêm do mesmo Espírito, do mesmo Senhor e do mesmo Deus, que realiza todas as coisas em todas as pessoas. A manifestação do Espírito é dada a cada um para o bem comum, e o único Espírito as distribui — entre elas sabedoria, conhecimento, fé, curas, milagres, profecia, discernimento de espíritos, variedade de línguas e interpretação — como ele determina. As perguntas do final dizem o mesmo: nem todos são apóstolos, profetas ou mestres, e nem todos falam em línguas ou as interpretam.Fontes: o próprio texto bíblico
  • Os muitos membros são comparados a um só corpo, e o mesmo se diz de Cristo. Em um só Espírito todos foram batizados nesse único corpo, judeus ou gregos, escravos ou livres, e a todos foi dado beber de um só Espírito. As partes que parecem mais fracas são chamadas indispensáveis, e às consideradas menos honrosas é dada maior honra, para que não haja divisão e os membros sofram e se alegrem juntos.Fontes: o próprio texto bíblico

Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.

Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Fale com a gente

Conte de onde você lê, como a Bíblia tem te ajudado ou o que podemos melhorar. Lemos todas as mensagens.