1 Coríntios 10
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Waaqota Dharaa Hin Waaqonfatina'a
1Obboleeyyan tiyya! Akka abbootii teenna duumensi isaaniin gubbaa jiraatee sooressee fi akka isaan martinuu abbaayaa diintuu keessa qaxxaamurane isin qaabachiisuu fedha. 2Isaan duudiin hordofattoota Muuse'ee te'iisaaf duumensaa fi Abbaayaa guddoo tanatti cuuphamane. 3Isaan martinuu sagalee ayyaanaa ta wol fakkaattu nyaatane. 4Isaan martinuu unii ayyaanaa ta wol fakkaattu unaneeran. Uniin isaan unanelle rassaa ayyaanticha isaan hordofiisatti jiru irraa maddite; rassaan sunille kiristoos. 5Teetuu malee, Waaqi isaan keessaa worra heddu'utti waan hin gammadiniif reeffi isaanii goomolee keessatti bittinnowee hafe.
6Isaan waan hantuu akka halchane, nuutille waan hantuu akka hin halchine wonni kun nu'uuf fakkeenna nu ifi eeggachiisu te'eera. 7Akkuma Barreeffam Woyyichi, «Kolbaan nyaataa fi unto'oof teette; caaqaa sirbiisaafille kaate» jedhu, isinille akka isaan waaqota dharaa waaqonfatane, waaqota dharaa hin waaqonfatina'a. 8Isaan keessaa worri gariin sagaagalee nami kum diddamii sad guyyaa tokkotti akkuma dhumate, nuutille sagaagaluu hin qannu. 9Isaan keessaa gariin Goottaa haga ilaalane akkuma bofaan ijjeefamane, nuutille Goottaa haga ilaaluu hin qannu. 10Isaan keessaa gariin gungumanee, ergamaa Waaqaa ka balleessuun akkuma badane isinille hin gungumina'a.
11Wonni kun duudiin nu'uuf fakkeenna akka teetuuf isaan dhaqqadde; nu worra bara muumme'ee keessa jirruuf ammoo, ifi eeggannoo akka teetuuf barreeffante.
12Tanaaf nami ani dhaabbadheera jedhee yaadatu, akka hin jinne ifi eegatuu ti. 13Haga ilaallatam namatti dhufee hin beenne, isinitti hin dhunne. Waaqi addatamaa waan te'eef, akka hunna teessaniin ol haga ilaallatantanuuf isinitti hin lakkisu. Ammoo yennaa haga ilaallatantanu jabeenna ittiin ossattanu isinii kennaa, karaa keessaa baatanu isiniif qopheessa.
14Maarre jaalota tiyya! Waaqota dharaa waaqonfatiisa irraa fagaadha'a. 15Ani isin worra hubatu waan teetaneef dubbadha; waan ani dubbadhu isinuu mura'a. 16Muduunuu yennaa Irbaata Gootta'aa fudhannu itti fayyadannu, ta Waaqalle galateeffannuuf keessaa yennaa unnu eebba dhiiga Kiristoosii fudhatiisatti jirraa motii? Daabboo caccaffannulle yennaa nyaannu eebba foon Kiristoosii fudhatiisatti jirraa motii? 17Daabboon takkaan waan jirtuuf, nuuti hedduu teenulle, duudiin keenna daabboo takkaa irraa waan qoodannuuf nuuti nafa tokkocha.
18Me kolbaa Israa'elii ilaala'a; worri waan ciinca'aaf dhikaatu nyaatu, tajaajila addee ciinca'aa qoodamiisatti hin jiruu ree? 19Eegasuu, ciincaan waaqota dharaatiif dhiyaatu, yookiin waaqoti dharaatuu bu'aa qaban jechuu kiyyaa ree? 20Waawwoo! Worri waaqota dharaa waaqonsu durriisaaf ciincaa dhikeessa malee, Waaqaafii moti. Akka isin durriisota woliin jaalontanuufille ani hin barbaadu. 21Isin muduunuu Gootta'aa keessaa unaa, muduunuu durriisotaa keessalle'ee unuu hin dandeettanu; isin qorii Gootta'aa keessaa nyaataa, qorii durriisotaa keessalle'ee nyaatuu hin dandeettanu. 22Yookiin nuuti Goottaa hinaassisaarraa ree? Nuuti isa caalaa jajjabaa ree?
23«Wonni marti eeyyatanteerti» jedhama, ammoo wonni marti bu'aa hin qaddu. Wonni marti eeyyatanteerti; wonni marti ammoo hin jabeessitu. 24Nami tokko tokkonuu bu'aa mataa ifii callaa barbaaduu adoo hin te'in, bu'aa worra dhibi'iitille'eef yaaduu ti.
25Mama wodanaa keessan keessaa ka'u lakkisa'aatii, foon dikko'otti gurguramu duudii nyaadha'a. 26Sababille akkuma Barreeffam Woyyichi jedhutti, «Lafaa fi wonni isii irra jiru duudiin ka Gootta'aa ti».
27Nami hin dhugeeffatin tokko areerti'iif yoo isin waame, isinille dhaqiisaaf yoo murteeffattane, waan isin duratti dhiyaate, mama wodanaa keessan keessaa ka'u lakkisa'aatii nyaadha'a. 28Ammoo nami tokko, «Kun waaqota dharaatiif ka ciinceffameeru» jedhee yoo isinitti hime, marroo namicha isinitti himeetii fi wodanaa isaatiif jedha'aatii hin nyaatina'a. 29Wodanaa jechuun kiyya, wodanaa namicha sanii tuqa jechuu kiyya malee, wodanaa keessanii moti.
Eegasuu sababa wodanaa nama dhibi'iitiif, bilisummaa tiyya irratti maaf muranti ree? 30Ani Waaqa galateeffataa yoo nyaadhe, waan ittiin Waaqa galateeffadhuuf maaf komatama?
31Maarre yennaa nyaattanulle te'e yennaa untanu, yookiin waan gootanu mara ulfinna Waaqaatiif godha'a. 32Worra Yihudootaa yookiin worra Yihudoota hin te'in yookiin wolde'a Kiristaana Waaqaa hin gufachiisina'a. 33Ani nami duudiin akka fayyuuf bu'aa worra dhibi'ii malee, bu'aa mataa kiyyaa adoo hin barbaadin, waan huju maraan nama akkuma gammachiisu isinille akkasuma godha'a.

Você sabia?
Advertências do deserto e a mesa do Senhor
- Paulo diz que não quer que os coríntios ignorem que os antepassados estiveram todos debaixo da nuvem e passaram todos pelo mar, e que foram batizados em Moisés na nuvem e no mar. Todos comeram o mesmo alimento espiritual e beberam a mesma bebida espiritual da rocha espiritual que os acompanhava, e ele afirma que essa rocha era Cristo.Fontes: o próprio texto bíblico
- Paulo diz que Deus não se agradou da maioria deles, pois foram abatidos no deserto. Ele menciona a idolatria, a imoralidade sexual em que vinte e três mil morreram num só dia, o ato de pôr Cristo à prova, que trouxe morte por serpentes, e as queixas, punidas pelo anjo destruidor, e chama esses fatos de exemplos registrados como advertências.Fontes: o próprio texto bíblico
- Ele chama o cálice da bênção e o pão que é partido de participação no sangue e no corpo de Cristo, e afirma que os sacrifícios dos pagãos são oferecidos a demônios, não a Deus, de modo que as duas mesas não podem ser partilhadas. O que se vende no mercado de carne pode ser comido sem levantar questões de consciência, pois "Do Senhor é a terra e a sua plenitude", mas, se alguém disser que foi oferecido a ídolos, convém recusar por causa da consciência dessa pessoa.Fontes: o próprio texto bíblico
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org