Nations Bible

Proverbios 4

Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.

Bu'aa Qarummaa Irraa Dhaggamu

1Ilmaan tiyya, gorsa abbaa keessanii caqasa'a;

itti xiyyeeffadha'aatii,

hubantii dhaggadha'a.

2Ani barsiisa kiyya dansaa isiniif kenna;

maarre isin barsiisa kiyya hin lakkisina'a.

3Yennaa ani mana abbaa kiyyaatitti mucaa diqqa'aa,

haadha tiyyaaf ilma tokkochaa san,

4abbaan kiyya na barsiisee,

«Jecha kiyya mara

gadhaa tokkochaan qabadhu;

hin leetaa,

ajaja kiyya eegadhu.

5Qarummaa dhaggadhu;

hubantii qabaadhu;

jecha kiyya hin dedhin

yookiin irraa hin deebi'in.

6Qarummaan gollaa sii teetii,

isii hin dedhin;

si eeddiitii,

isii jaaladhu.

7Qarummaan waan mara caalti;

tanaaf isii dhaggadhu.

Waan ati qaddu mara si kaffalchiittulle,

hubantii bitadhu.

8Ulfinna isi'iif kenni;

isiille ol si qaddi;

isii hanqafadhu;

isiille ulfinna si'iif hin kenniti.

9Isiin daraaraa seesaaf wolitti hidhame,

mataa keeti irra hin keetti;

kallacha dansaa si'iif hin kenniti» jedhe.

10Ilma kiyya caqasi;

barri le'ii teetii akka heddatu,

jecha kiyya fudhadhu.

11Ani karaa qarumma'aa si barsiiseera;

daandii qajeelaa irra

si sooresseera.

12Yennaa ideentu karaan sitti hin dhiphatu;

yennaa rukkittulle hin gufattu.

13Gorsa sii kenname jabeessii qabadhu;

gad hin lakkisin;

jiruu teeti waan te'eef,

midhassii eegadhu.

14Daandii worra hama'aa hin hordofin

yookiin karaa worra hantuu hujuu irra hin deemin.

15Karaa san irraa fagaadhu;

irraa deebi'iitii,

karaa keeti deemi.

16Isaan haga waan hantuu godhanutti

dande'anee hin rafanu;

haga nama dokonkorsanutti

foora hin qabanu.

17Isaan sagalee hammeennaa nyaatan;

daadhii woyni'ii

ta hunnaan nama irratti ka'iisaa unan.

18Daandiin balchoole'ee akka ifa barii ganamaa,

ka haga orra'aatitti

ifaatuma ideemuu ti.

19Daandiin worra hama'aa ammoo

akka dukkana dimmaa ti;

isaan waan isaan gufachiisu hin beekanu.

20Ilma kiyya waan ani jedhutti xiyyeeffadhu;

jecha kiyya midhassii caqasi.

21Isaan ila teeti duraa hin gorin;

gadhaa keeti keessatti qabadhu.

22Isaan worra isaan dhaggatuuf jiru'u;

nafa isaanii maraaf fayyinna.

23Maddi jiruu teetii qalbii waan teeteef,

waan mara caalaa

qalbii teeti eegadhu.

24Dubbii micciiriisa afaan keeti irraa fageessi;

dubbii malaamaltumma'aa irraa

hidhii teeti eegadhu.

25Ilti teeti gara fuula duraa

qajeelaa ilaaltuu ti;

ifiin dura qofa ilaali.

26Daandii miilli keeti irra deemu,

wol qixxeeffadhu.

Karaan keeti dansaa te'uu ti.

27Gara middaa yookiin gara bita'aa hin gorin;

miila keeti waan hantuu irraa eegadhu.

¿Sabías que…?

La transmisión de la sabiduría y los dos caminos

  • El autor presenta su enseñanza como una herencia familiar, recordando cómo su propio padre y su madre le enseñaron cuando era joven y único hijo. Esto resalta la antigua práctica de transmitir sabiduría moral y práctica de generación en generación.Fuentes: el propio texto bíblico
  • El capítulo contrasta la vida de los justos y la de los malvados mediante la metáfora de la luz y la oscuridad. La senda de los justos se compara con la luz de la aurora que brilla cada vez más hasta el pleno día, mientras que el camino de los malvados es como una densa oscuridad en la que tropiezan sin saber por qué.Fuentes: el propio texto bíblico
  • El texto enfatiza el cuidado de la vida interior, exhortando al oyente a guardar el corazón como fuente de la vida antes de ofrecer pautas concretas sobre el hablar, la mirada y los pasos.Fuentes: el propio texto bíblico

Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.

Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Habla con nosotros

Cuéntanos desde dónde lees, cómo te ha ayudado la Biblia o qué podemos mejorar. Leemos todos los mensajes.