Proverbios 5
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
Gaarayyeeffatiisa Irraa Fagaatiisa
1Ilma kiyya, qarummaa tiyyatti xiyyeeffadhu;
gara hubantii tiyyaa gurra keeti deebifadhu.
2Yoo tana goote waan hantu'uu fi
dansaa gargar hin baafatta;
dubbiin teetille beekkumsa hin mudhitti.
3Hidhiin dubartii gaarayyeeffattuu nadhii coccossiti;
dubbiin isi'ii zayitii caalaa lallaatti;
4dhuma irratti ammoo akka hargiisaa hadhootti;
akka shallaagaa qara lamaa
qara qaddi.
5Miilli isi'ii gara du'aa deema;
ijjati isi'ii daandii
gara addee worri du'e jiru geessa.
6Isiin karaa jiru'uu hin yaadattu;
karaan isi'ii daddaba'a;
ammoo isi'itti hin beekkamu.
7Amma ilmaan tiyya,
na caqasa'a;
jecha afaan kiyyaa irraa hin gorina'a.
8Karaa keeti isii irraa fageessi;
qarqara balbala mana isi'iititti hin dhikaatin.
9Yoo tana godhuu dhabaatte,
ulfinna keeti namoota dhibi'iif,
jiruu teetiille
nama marartii hin qannetti hin kennita.
10Karra teetille alagaan hin fudhata;
eloon teetille mana ormaa hin duroonsiti.
11Foon keetii fi nafi keeti yennaa dhumate,
muummee jiruu teetiititti hin aadda;
12ati, «Hayii, ani maaf gorsa jibbe?
Gadhaan kiyya maaf qajeelfama tuffate?
13Ani barsiisota tiyya hin caqanne;
gurra kiyya gara worra na gorsuu hin deebifanne.
14Wolde'a kolba'aa duudii keessatti,
badii guddoo biraan baye» hin jetta.
15Niitii teeti akkuma boolluma bisaanii keetii fi
baleessuma keetii, achuma keessaa uni.
16Maddi keeti diidatti,
bisaan lagaa keeti
karaa keessatti dhangala'uu qabaa ree?
17Isaan si qofaaf te'anuu ti;
alagaa woliin hin qoodamin.
18Maddi keeti ka eebbifame te'uu ti;
niitii teeti ta qeedhumma'aan fuute woliin firinxiixi.
19Isiin jaalatantuu akka gadansaa,
biifa qabeettii
akka jiliba'aa
sii teetuu ti.
Harmi isi'ii yennaa mara
dheebuu si baasuu ti;
jaalala isi'iitiin
yennaa mara machowi.
20Ilma kiyya,
maaf dubartii gaarayyeeffattu'uun machootta?
Maaniif qoma dubartii nama dhibi'ii hanqafatta?
21Hujiin namaa Mootiin Waan Maraa duratti ifa;
inni daandii namaa mara dhagga.
22Nami hamaan hujuma ifiitiin tiyyoo seena;
cubbuma ifiitiin qabama.
23Inni qajeelfama waan dhabeef du'a;
gowwummaa guddoo ifiitiin
karaa irraa miliqa.

¿Sabías que…?
Sabiduría, fidelidad y los peligros de la seducción
- El pasaje utiliza fuentes domésticas de agua, como la cisterna y el pozo propios, como metáforas de la intimidad conyugal y la fidelidad. El maestro aconseja hallar satisfacción en el hogar en lugar de permitir que los manantiales y arroyos se dispersen por las calles y plazas públicas.Fuentes: el propio texto bíblico
- El discurso seductor se contrasta con sus consecuencias: aunque sus palabras se describen dulces como la miel y suaves como el aceite, el resultado final es amargo como el ajenjo, cortante como espada de doble filo y camino hacia la muerte y el Seol.Fuentes: el propio texto bíblico
- La advertencia resalta los costos prácticos y espirituales de la infidelidad, desde la pérdida de riquezas y vigor físico hasta la deshonra ante la asamblea comunitaria, recordando que todos los caminos humanos están ante los ojos del SEÑOR.Fuentes: el propio texto bíblico
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org