Nations Bible

Proverbios 3

Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.

Gorsa Dargaggootaaf Kenname

1Ilma kiyya, waan ani si barsiisu hin dedhin;

ajajoota kiyya gadha'atti qabadhu.

2Isaan guyyoota sii ede'anee,

woggoota hedduu si leesisan;

qananumma'aa fi nageya sii kennan.

3Mararti'ii fi addatamummaa ijjumaa hin lakkisin;

morma keetitti hidhadhu;

gadhaa keeti keessatti qabadhu.

4Achiin duuba ati Waaqaa fi nama duratti

fudhatamaa fi maqaa dansaa hin dhaggatta.

5Gadhaa tokkochaan Mootii Waan Maraatitti addadhu;

hubantii teetitti hin irkatin.

6Karaa keeti maraan isa beeki;

inni daandii teeti si'iif hin qajeelcha.

7«Ani qaro'o!» ifiin hin jedhin;

Mootii Waan Maraa sodaadhu;

waan hantuu irraa fagaadhu.

8Kun nafa keetiif fayyaa,

lafee teetiifille jabeenna hin te'a.

9Qabeenna keetiin,

midhaan keeti mara keessaa mataa kenniisaan,

Mootii Waan Maraatiif ulfinna kenni.

10Achiin duuba gootaraan keeti

midhaaniin hin guutama;

daadhiin teeti waabaa guutantee irra hin danbalaati.

11Ilma kiyya, qajeelcha Mootii Waan Maraa hin tuffatin;

xixicha isaalle hin jibbin.

12Abbaan ilma itti gammadu akkuma qajeelchu,

Mootiin Waan Maraalle nama jaalatu qajeelcha.

13Nami qarummaa dhaggatu,

ka hubantii qabu ka gammade.

14Qarummaan meetii caalaa bu'aa qaddi;

worqii caalaalle fayyaddi.

15Qarummaan dooqa gatii guddo'oo caalaa gatii qaddi;

waan ati halchitu keessaa ka isi'iin qixxawu hin jiru.

16Harka isi'ii middicha keessa

jiruu dheertu'utti jira;

harka isi'ii bitaacha keessa

durumma'aa fi ulfinnatti jira.

17Karaan isi'ii karaa gammadaa ti;

daandiin isi'ii daandii nageyaa ti.

18Isiin worra jabeessee isii qabateef,

muka jiru'uu ti;

worri jabeessee isii qabate hin gammada.

19Mootiin Waan Maraa qarummaa ifiitiin lafa dade;

hubantii ifiitiin ol-gubbaa jabeessee dhaabe.

20Beekkumsa isaatiin

qileen abbaayotaa gargar dayyaate,

duumensille tiifuu tiife.

21Ilma kiyya, qarumma'aa fi qalbeeffata jabeessii qabadhu;

isaan ila teeti duraa hin gorin.

22Isaan si'iif jiruu,

morma keetiifille seesa hin te'an.

23Achiin duuba ati nageyaan

karaa keeti hin deenta;

miilli keetille hin gufatu.

24Yennaa irkattu hin sodaattu;

yennaa rattulle

hirriibi keeti mi'owaa hin te'a.

25Yennaa balaan

dedhuma worra hamaa irra dhaqqabu,

ati hin sodaattu.

26Mootiin Waan Maraa addii waan sii te'uuf,

miila keeti tiyyoo irraa hin eega.

27Worra wonni dansaan malteef,

waan dansaa godhiisaaf adoo dandeettuu,

waan dansaan godhiisa hin lakkisin.

28Adoo harkaa qadduu, «Boru sii kennaatii,

deebi'ii koy!» namaan hin jedhin.

29Nama si addatee si bira tee'u irratti

waan hantuu hin yaadin.

30Adoo nami si hin miidhin,

akkasumaan nama hin himatin.

31Nama hunnaan nama irratti ka'u hin halchin;

karaa isaa tokkolle hin filatin.

32Sababille Mootiin Waan Maraa

nama micciiramaa jibba;

nama qajeelaa ammoo guddoo jaalata.

33Mootiin Waan Maraa

mana worra hama'aa hin abaara;

mana worra balcha'aa ammoo hin eebbisa.

34Mootiin Waan Maraa worra murgutti hin murga;

worra gad ifi qabuuf badhaadha hin kenna.

35Worri qarooleen ulfinna hin dhaggatan;

worri gowwooleen ammoo hin salphatan.

Ilustración artística: una interpretación, no un registro histórico.

¿Sabías que…?

Confianza, Sabiduría y Ética hacia el Prójimo

  • Proverbios 3 describe la sabiduría como un tesoro superior a la plata, el oro fino y los rubíes. Se la personifica con larga vida en su mano derecha y riquezas y honra en su izquierda, sirviendo como un árbol de vida para quienes la abrazan.Fuentes: el propio texto bíblico
  • El capítulo refleja la vida agraria antigua al vincular la devoción religiosa con la entrega de las primicias de la cosecha. Honrar al Señor con los propios bienes se presenta como camino hacia graneros llenos de abundancia y lagares que rebosan de vino nuevo.Fuentes: el propio texto bíblico
  • El texto expone normas éticas prácticas para la comunidad, advirtiendo no postergar la ayuda al prójimo para el día siguiente cuando ya se tienen los medios hoy. También previene contra planear el mal o presentar acusaciones infundadas contra un vecino que vive cerca de manera confiada.Fuentes: el propio texto bíblico

Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.

Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Habla con nosotros

Cuéntanos desde dónde lees, cómo te ha ayudado la Biblia o qué podemos mejorar. Leemos todos los mensajes.