Proverbios 12
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
1Nami qajeelfama jaalatu,
beekkumsa jaalatta;
nami xixicha jibbu ammoo gowwa'a.
2Nami dansaan Mootii Waan Maraa biratti
fudhatama hin dhaggata;
worra yaada hama'aa ammoo
Mootiin Waan Maraa itti hin mura.
3Nami karaa hama'aan jabaatee dhaabbatuu hin dande'u;
balchaan ammoo adde'ee hin tacho'u.
4Niitiin qalbeeffattuun dhirsa ifiitiif akka kallachaa ti;
ta isa qaanessitu ammoo
akka dhukkuba lafee nyaatuu ti.
5Yaadi worra balcha'aa yaada haqaa ti;
gorsi worra hama'aa ammoo nama soba.
6Jechi nama hama'aa dhiiga dhangalaasiisa;
jechi nama balcha'aa ammoo
dhiiga dhangalaasiisa jalaa baasa.
7Namooti hamaaleyyiin hin badan;
deebi'aneelle hin dhaggamanu.
Maatiin worra balcha'aa ammoo
jabaattee dhaabbatti.
8Nami akkuma qarummaa ifiititti leellifama;
nami qalbii micciirama'aa ammoo
hin tuffatama.
9Nama sagalee nyaatu adoo hin qabaatin,
nama guddaa ifi fakkeessuu mannaa,
nama ifi gad qabee
hojjataa te'ee le'u woyya.
10Nami balchaan horii ifiitiif hin marara;
nami hamaan
ammoo yennaa mara gadhaa jabaata.
11Nami jabaatee lafa qotu sagalee bacaa hin qabaata;
ka waan bu'aa hin qanne ari'u ammoo gowwa'a.
12Nami hamaan waan worri hamaan saame kajeela;
nami balchaan ammoo horee bacata.
13Nami hamaan jechuma hamaa ifiitiin qabama;
nami balchaan ammoo rakkinna jalaa hin baya.
14Nami waan afaan isaa keessaa bayuun
waan dansaa quufa;
akkuma hujii harka ifiititti gatii isaaf malte fudhata.
15Nama gowwaa karaan isaa qajeelaa itti fakkaata;
nami qaroon ammoo gorsa caqasa.
16Aariin nama gowwa'aa yoosuma beekkanti;
nami qalbeeffataan ammoo
arraba tuffatee lakkisa.
17Dhugaa bayaan dhugaamessi,
dubbii dhuga'aa dhugaa baya;
dhugaa bayaan dharaamessi ammoo soba dubbata.
18Dubbiin gar-maleen
akka shallaaga'aa nama woraanti;
arrabi nama qaro'oo ammoo nama fayyisa.
19Afaan dhuga'aa haga bara baraa jiraata;
arrabi sobaa ammoo yennaa diqqoo qofa jiraata.
20Gadhaa worra waan hantuu maluu keessa
sobatti jira;
worri waan nageyaa namatti gorsu ammoo
hin gammada.
21Nama balchaa rakkinni itti hin dhufu;
nama hamaa ammoo rakkinni itti bacata.
22Mootiin Waan Maraa afaan dhara dubbatu jibba;
namoota dhugaammeyyi'itti ammoo hin gammada.
23Nami qalbeeffataan beekkumsa ifii dhoffata;
namooti gowwaan ammoo
gowwummaa ifii mudhifatan.
24Nami jabaatee hujatu bulchaa hin te'a;
nami boosenni ammoo
garbicha namaa hin te'a.
25Mami gadhaa namaa keessa yoo jiraate
gad nama qaba;
jechi dansaan ammoo nama gammachiisa.
26Nami balchaan karaa namaaf akeeka;
nami hamaan ammoo karaa irraa nama qaba.
27Nami boosenni foon adamo'oon fideeyyuu
hin bilcheeffatu;
nami jabaatee huju ammoo
waan gatii qabu hin dhaggata.
28Karaa balchumma'aa irra jiru'utti jira;
daandii san irra duuti hin jirtu.

¿Sabías que…?
Sabiduría en el habla, el trabajo y la vida cotidiana
- Proverbios 12 enfatiza el valor del trabajo agrícola constante y la diligencia en lugar de perseguir ilusiones. Los proverbios contrastan la labor fiel, como labrar la tierra y aprovechar la caza obtenida, con la pereza que conduce al trabajo forzado y al desperdicio.Fuentes: el propio texto bíblico
- El capítulo resalta el poder del habla, comparando las palabras imprudentes con estocadas de espada y la lengua de los sabios con medicina. El testimonio verídico se describe como perdurable, mientras que el engaño causa daño y dura solo un momento.Fuentes: el propio texto bíblico
- El comportamiento ético en esta colección incluye el trato hacia los animales, señalando que la persona justa cuida la vida y el bienestar de su ganado, mientras que la compasión de los malvados es cruel.Fuentes: el propio texto bíblico
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org