Proverbios 13
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
1Ilmi qaroon gorsa abbaa ifii hin fudhata;
ilmi murgaamessi ammoo xixicha hin dhage'u.
2Nami waan dansaa afaan isaa keessaa bayu irraa,
waan dansaa dhaggata;
worri hin addatanne ammoo
hunnaan nama irratti ka'iisaaf halchan.
3Nami afaan ifii eegatu,
jiruu ifii eegata;
ka ifi eegataa hin dubbanne ammoo hin bada.
4Nami boosenni hin halcha malee
womaa hin dhaggatu;
nami jabaatee huju ammoo waan halche hin dhaggata.
5Nami balchaan dhara jibba;
nami hamaan ammoo qaani'ii fi salphinna fida.
6Balchummaan nama yakkaa hin qanne eeddi;
hammeenni ammoo cubbaalessa balleessa.
7Nami womaa adoo hin qabaatin
dureessa ifi fakkeessu tokko jira;
ka dhibiin ammoo qabeenna guddaa adoo qabuu
hiyyeessa ifi fakkeessu tokko jirra.
8Nami dureessi karra ifiitiin
jiruu ifii wodatiisa dande'a fa'a te'a;
nami hiyyeessi ammoo
karra waan hin qanneef,
jiruu ifii wodatiisaaf itti hin rakkatu.
9Ifi worra balcha'aa yennaa mara ifa;
issaan nama hama'aa ammoo hin dhaama.
10Ifi jajiis lola qofa kaasa;
qarummaan ammoo worra gorsa fudhatu bira jirti.
11Karri ariiti'iin dhaggatane ariifattee baddi;
ka diqqeessee diqqeessee
kuufate ammoo itti ede'ata.
12Addiin yennaa turte gadhaa nama gaddisiitti;
halchaan muummotte ammoo
midhaan muka jiru'uu ti.
13Nami gorsa tuffatu badii ifi irratti fida;
nami ajaja ulfeessu
ammoo gatii irraa dhaggata.
14Barsiisi nama qaro'oo madda jiru'uu ti;
tiyyoo du'aa irraa nama deebisa.
15Qalbeeffati dansaan ulfinna namaaf kenniti;
karaan worra hin addatannee ammoo bu'aa-bayi'i.
16Nami qalbeeffataan beekkumsaan hujata;
gowwaan ammoo gowwummaa ifii
badhinnatti mudhisa.
17Ergamaan hamaan rakkoo keessa gala;
ergamaan addatamaan ammoo nageya buusa.
18Nama qajeelfama tuffatu
hiyyumma'aa fi salphinnatti itti dhufa;
nami xixicha dhage'ee deebi'uu ammoo hin ulfaata.
19Halchaan muummottu namatti mi'ootti;
gowwooleen ammoo
waan hantuu irraa deebi'iisa jibban.
20Nami qaroo woliin ideemu qaroo hin te'a;
waa'elli gowwa'aa ammoo hin farra.
21Wonni hantuun cubbaaleyyii ariiti;
qananummaan ammoo gatii balcha'aa ti.
22Nami dansaan ijoollee ijoollee ifiitiif
dhaala lakkisee dabara;
qabeenni cubbaalessaa ammoo
balcha'aaf kuufama.
23Fichaan nama hiyyeessaa
midhaan bacaa kennuu dande'a;
haqa dhabiisi ammoo haxowee duraa balleessa.
24Nami ilma ifii adabiisa mararfatu ilma ifii jibba;
ka jaalatu ammoo malaan adabee isa guddisa.
25Nami balchaan haga quufutti nyaata;
nami hamaan yennaa mara beelota.

¿Sabías que…?
Sabiduría sobre Riquezas, Palabras y Compañías
- Proverbios 13 explora las ilusiones y realidades sociales de la riqueza, observando que algunos fingen ser ricos sin tener nada, mientras que otros fingen ser pobres a pesar de poseer grandes bienes. También señala que las grandes riquezas exponen a amenazas y rescates, mientras que el pobre se libra de tales peligros.Fuentes: el propio texto bíblico
- El capítulo emplea vívidas imágenes orgánicas para retratar los beneficios emocionales y prácticos de la sabiduría. El anhelo cumplido se describe como un árbol de vida, y la enseñanza de los sabios se llama fuente de vida que aparta a la persona de los lazos de la muerte.Fuentes: el propio texto bíblico
- El carácter y el destino de una persona se presentan como moldeados por las compañías y el habla. Caminar con los sabios engendra sabiduría, mientras que juntarse con necios conduce a la ruina; de igual modo, guardar cuidadosamente las palabras protege la vida, mientras que el hablar imprudente atrae destrucción.Fuentes: el propio texto bíblico
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org