Nations Bible

Job 9

Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.

Iyoob

1Achiin duuba Iyoob deebisee,

2«Dhuguma tun dhugaa

akka teete hin beeka.

Ammoo nami attam Waaqa duratti

balchaa te'uu dande'a ree?

3Nami tokko Waaqaan falmuu

yoo barbaade,

gaaffii kuma keessaa takkattiille

deebisee hin dande'u.

4Waaqi qaro'o; hunnaamessalle'e;

ka isa moromee,

hin injifatamin eennuu?

5Inni dedhuma gaara tatachoosee,

aarii ifiitiin isaan hin balleessa.

6Waaqi lafa addee isi'ii irraa hin tachoosa;

utuboota lafaalle hin raasa.

7Inni aduun akka hin baane hin ajaja;

urjootille ifa akka hin kennine hin dhoogga.

8Inni qofuu ol-gubbaa diriirse;

danbalii bisaanii irralle hin ideema.

9Tuuta urjootaa ka bineensa, ‹Doobbaa› jedhamu fakkaatu,

tuuta urjootaa ka, ‹Sadee› jedhamu,

tuuta urjootaa ka, ‹Torbii› jedhamuu fi

tuuta urjoota gara kibbaalle isatti dade.

10Waan maade'ee ta qorqoranee bira hin geenne,

bilbaasota laakkonnee hin dhaqqanne hin godha.

11Yennaa inni na biraan dabaru,

ani isa hin dhaggu;

yennaa inni cinaa tiyya ideemu,

ani isa hin hubadhu.

12Yoo inni butee ideeme,

eentu isa dhoogga?

Eentu isaan, ‹Ati maan godhiisatti jirta?› jedha.

13Waaqi mufii ifii duubatti hin deebisu;

worri bineensa guddaa abbaayaa keessaa

ka, ‹Rahaab› jedhamu qarqaaruuyyuu isaaf hin sagadan.

14«Ani attam

deebii isaaf kennuu dande'a ree?

Ani isa woliin falmiisaaf,

attamiin jechoota filatuu dande'a ree?

15Ani yakkaa qabaatuu yoo dhabelle,

abbaa mura'aa kiyya

akka naaf mararu gaafadha malee,

deebii isaaf kennuu hin dande'u.

16Ani maqaa isaa waammadhee

inni naaf yoo deebiselle,

akka inni qoonqoo tiyya dhage'u hin dhugeeffadhu.

17Inni bubbe'een na butucha;

sababa malee madaa natti baceessa.

18Inni hadha'aan na guuta malee,

hafuura na hin fudhachiisu.

19Marroo jabeennaa yoo teete,

inni jaba'a.

Marroo mura'aa yoo teete,

gara addee mura'aa san

ka isa waamuu dande'u eennu?

20Ani yakkaa qabaatuu dhabulle

afaan kiyyaayyuu natti mura;

ani ka komii hin qanne te'ulle,

‹Daba'a› anaan jedha.

21«Ani ka komii hin qanne te'ulle

marroo mataa kiyyaa hin beeku;

jiruu tiyyalle hin jibba.

22Martinuu tokkuma;

tanaaf ani, ‹Waaqi worra komii hin qannee fi

worra hamaaleyyii hin balleessa› jedhe.

23Yennaa balaan nama yakkaa hin qanne

dedhuma ijjeesu

Waaqi isatti hin qacifata.

24Yennaa latti harka

worra hamaaleyyi'iititti kennantu,

Waaqi ila abbootii mura'aa

ta lafa sanii hin golla.

Isa yoo hin te'in,

tana ka godhe eennu ree?

25«Barri kiyya nama rukkisu caalaa ariifata;

adoo waan dansaa hin dhagginuu dabara.

26Akka hoboloo ariifattu'uu,

akka risaa waan nyaatu butatiisaaf irii gad xinniquu dabara.

27Ani, ‹Gungunsuu tiyya hin dedha;

nyaara guuruu lakkisee,

hin seeqadha› yoo jedhe,

28akka nama yakkaa hin qanneetitti

akka ati na hin ilaalle

waan beekuuf

farra tiyya duudii hin sodaadha.

29Yakkaan eega natti murantu teete,

maaf toluma dadhaba ree?

30Nafa kiyya saamunaan,

harka kiyya haraanja'aan

yoo dhiqadhelle,

31ati boolla haraa itti gatanu keessatti

na gatta;

woyaan tiyyaayyuu na jibbiti.

32«Ani isa woliin

gara kora mura'aa dhaqee

deebii isaaf kenniisaaf,

inni akka kiyya nama foon uffatee moti.

33Nami anaa fi Waaqa wolitti araarsiisaaf

wodhakkaa teennatti murtee kennu

adoo hin jiraatuu!

34Akka ani hin bararandheef,

adoo Waaqi na adabuu dhabe,

35ani sodaa malee,

silaa isa woliin hin dubbadhaayyu;

amma ammoo dubbatuu hin dandeenne.

Ilustración artística: una interpretación, no un registro histórico.

¿Sabías que…?

El anhelo de Job por un árbitro

  • Al reconocer el inmenso poder creador de Dios, Job señala el cielo nocturno y menciona formaciones estelares específicas: la Osa, Orión, las Pléyades y las constelaciones del sur.Fuentes: el propio texto bíblico
  • Job expresa su sufrimiento en términos jurídicos, lamentando que, al no ser Dios un ser humano, no pueden comparecer juntos ante un tribunal, y anhela un árbitro o mediador que ponga su mano sobre ambos.Fuentes: el propio texto bíblico
  • Para describir cuán rápido pasan sus días sin alivio, Job recurre a tres imágenes vívidas de velocidad: un corredor veloz, barcas de papiro y un águila que se lanza sobre su presa.Fuentes: el propio texto bíblico

Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.

Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Habla con nosotros

Cuéntanos desde dónde lees, cómo te ha ayudado la Biblia o qué podemos mejorar. Leemos todos los mensajes.