Nations Bible

Job 10

Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.

1«Ani jiruu tiyya jibbeera;

tanaaf ittuma gungumaa,

hadhaa lubbuu tiyyaa hin dubbadha.

2Ani Waaqaan,

‹Waan na loltuuf natti himi malee,

natti hin murin!

3Mala worra hamoole'ee fudhattee,

hujii harka keetii tuffattee,

na cunqursiisi si hin gammachiisaa?

4Ati ila nama foonii qaddaa ree?

Akkuma nami ilaalu ilaaltaa ree?

5Guyyooti keeti akka guyyoota namaatii ree?

Yookiin woggooti keeti akka woggoota namaatii ree?

6Ati maaf yakkaa tiyya barbaaddee,

cubbuu tiyya qorqorta?

7Akka ani yakkaa hin qannee fi

harka keeti keessaa nami na baasu

akka hin jirre ati hin beetta.

8«‹Ka miidhassee na dade harka keeti;

amma deebitee na balleessitaa?

9Faara irraa akka na dadde qaabadhu;

ammalle biyye'etti na deebisu'uufii ree?

10Ati akka aananii na dhangalaattee,

akka itittu'uu na hin itichinee ree?

11Goga'aa fi foon natti uffittee,

lafe'ee fi ribu'uun wolitti qassiitte.

12Ati jiru'uu fi jaalala bara baraa keeti

naaf kenniteerta;

eeddoon teeti

na jiraachitteerti.

13Ati ada waan kana

gadhaa keeti keessatti dhoffatteerta.

Kun karoora keeti akka te'e

ani hin beeka.

14Ani yoo cubbuu huje

ati hin dhaggita;

yakkaa tiyyalle

adaddu malee hin lakkittu.

15Hamaalessa yoo te'e,

naaf aanne'e!

Nama balchaa te'ulle

dande'ee mataa kiyya ol hin qabadhu.

Ani waan salphadheef

rakko'oon guutameera.

16Yoo mataa kiyya ol qabadhe,

ati akka neenqaa na adansita.

Na miidhiisaafille

itti deddeebitee hunna teeti sodaachittuu

natti mudhitta.

17Ati dhugaa baatota haareya na irratti kaatta;

mufii teeti natti fakkansita;

loltoota haareya natti fidda.

18«‹Waaqa kiyya, maaf akka ani dhaladhu na goote?

Ilti nama tokkoolle

adoo na hin dhaggin

adoo du'ee hin jiraadhuu!

19Adoo dhalatiisa hin dhabuu!

Yookiin gadaamessa keessaa

gara awwaalaa adoo hin geeffamuu!

20Barri jiruu tiyyaa gabaaba'aa motii?

Bara gabaabaa kana keessatti

diqqumalle akka gammadu na lakkis.

21Ani gara lafa deebi'anee hin gallee,

lafa dimimmisaatii fi dukkana dimmaa,

22gara lafa dukkana dimmaa

gara lafa gaaddisa du'aa

gara lafa nageya hin qannee,

addee ifi akka dukkanaa te'e

adoo hin dhaqin

diqqumalle akka gammadu na lakkis› hin jedha» jedhe.

Ilustración artística: una interpretación, no un registro histórico.

¿Sabías que…?

El clamor de Job sobre su creación y mortalidad

  • En su clamor a Dios, Job recurre a imágenes domésticas antiguas como la elaboración del queso y la alfarería para describir la formación de la vida en el vientre, describiendo a Dios como quien moldea el barro, cuaja la leche y teje la carne y los huesos.Fuentes: el propio texto bíblico
  • Job describe el reino de los muertos como una tierra de densa oscuridad, sombras y desorden, suplicando a Dios un breve respiro de consuelo antes de descender a un destino sin retorno.Fuentes: el propio texto bíblico

Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.

Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Habla con nosotros

Cuéntanos desde dónde lees, cómo te ha ayudado la Biblia o qué podemos mejorar. Leemos todos los mensajes.