Job 8
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
Biildaad
1Achiin duuba Biildaad nami biyya Shu'aa deebisee,
2«Haga yoomii dubbii akkasii dubbatta?
Dubbiin afaan keetii baatu
akka qilleensaa ti.
3Waaqi muraa hin dassaa?
Yookiin Waaqi waan mara dande'u
dhugaa hin dassaa?
4Ijoolleen teeti yoo Waaqa yakkitee jiraattee,
inni adabbii cubbuu isaaniitiif
dabarsee isaan kenne.
5Ati ammoo yoo Waaqa barbaaddee,
Waaqa waan mara dande'ulle yoo gaafatte,
6ati qullu'uu fi qajeelaa yoo teete,
inni dhugumaan si qarqaariisaaf hin ka'a;
gara addee teetii
ta si'iif maltetti si hin deebisa.
7Jalqabi keeti diqqaa te'ulle,
muummee irratti hin banqaaxxa.
8«Me dhaloota durii gaafadhu
waan abbootiin isaanii qorqoranee dhagganelle qalbeeffadhu.
9Nuuti kalee waan dhalanneef,
womaalle hin beennu.
Barri keenna ka biyya lafaa irraalle
akka gaaddisaa dabara.
10Wonni isaan si barsiisanuu fi sitti himanu
waan hubataneeranuu motii ree?
11Allaaduun addee caffaan hin jirretti
latuu dandeettii ree?
Addee bisaan hin jirretti
shonbooqqoon hin banqaaxxii ree?
12Adoo kichu'uutuu
adoo hin muramin
biqiltoota dhibi'iin dura hin qooran.
13Worri Waaqa dedhu duudiin
akkasuma;
addiin nama Waaqa malee le'uu hin baddi.
14Inni waan akka kaso'otti citutti addata;
addiin isaalle mana saaphuphu'uu ti.
15Nami tokko mana saaphuphu'uutitti
yoo irkate, manni sun hin dhaabbatu.
Inni mana san yoo qabate,
isa duraa hin cita.
16Nami hamaan akka biqiltuu aduu keessatti dagaaguu ti;
dameen isaa oorruu gubbaa babadhata.
17Hiddi isaa tuulaa dhaka'aatitti marata;
odduu rassa'aa keessalle karaa barbaadata.
18Nami tokko addee isaa irraa yoo isa buqqise,
addeen sun,
‹Ani si dhaggee hin beeku›
jettee isa hin mormatti.
19Kunoo, gammadi jiruu hidda sanii kanuma;
biqiltuun dhibiin lafa san keessaa hin latan.
20«Waaqi worra komii hin qanne hin gatu;
yookiin worra hantuu huju hin qarqaaru.
21Inni akka ati kollituu fi
ilillittu si hin godha.
22Worri si jibbu qaanii uffata;
dunkaaniin worra hama'aa hin baddi» jedhe.

¿Sabías que…?
El llamado de Bildad a la sabiduría antigua
- Bildad es identificado como suhita, lo que probablemente lo vincula con Súa, una región árabe poblada por los descendientes de Abraham y Cetura. En este capítulo, pronuncia el primero de sus tres discursos severos a Job, afirmando que la justicia divina es absoluta e inalterable.Fuentes: Bildad · el propio texto bíblico
- En lugar de recurrir a su propia experiencia, Bildad apela al conocimiento acumulado de las generaciones pasadas, comparando los días humanos con una sombra pasajera. Para ilustrar la ruina del impío, utiliza metáforas de la naturaleza como juncos que se marchitan sin agua y la fragilidad de una telaraña.Fuentes: el propio texto bíblico
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org