Job 7
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
1«Nami elo'oon lafa irra jiraataa motii?
Barri isaalle akka bara
nama qaxaramee hujuutii motii ree?
2Akka garboolee gaaddisa jala foorfatiisa barbaadanuutii fi
akka hojjatoota mindaa ifii eegatanuutii mootii?
3Ji'ooti elo'oo naaf ka bu'aa hin qanne te'ane;
halkan farraalle
naaf kennamane.
4Yennaa rafu ‹Yoom dammaqa?› jedhaa,
halkan natti dheeratee,
haga bariitutti asii fi achi
gara gaggala.
5Nafi kiyya duudiin
corroqoyee qonyonyaayeera;
babbaqaqeelle maloweera.
6«Barri kiyya mooqaa harfa'aa
caalaa ariifata;
addii maleelle dhumata.
7Ee Waaqa, jiruun tiyya akka hafuura baafatiisaa fi fudhatiisaa ti;
ilti tiyya deebitee waan dansaa hin dhaggitu.
8Ilti amma na dhaggitu,
deebitee na hin dhaggitu;
ati na hin barbaadda ani ammoo hin jiru.
9Akkuma duumensi bittinnowee badu,
nami du'ee awwaalamu deebi'ee hin ka'u.
10Lammoo gara mana ifii hin deebi'u;
worri isa beeku duudiin isa hin dedha.
11«Tanaaf ani hin cadhisu;
laalaa ayyaana kiyyaa hin dubbadha;
hadhaa lubbuu tiyyaa irraa ta kaate hin gunguma.
12Ati akka na eeganuuf ka goote,
ani abbaaya'a moo bineensa guddaa abbaaya'aa ti?
13Taqeen tiyya na jajjabeessiti;
addeen ani rafu dhibee tiyya irraa goonsiti
yennaa jedhu,
14ati ammoo oojju'uun na sodaachitta;
mudhille'een na bararassita.
15Jiruu farraa tanaa mannaa
suruurraa ifitti dhowee
du'u naaf woyya.
16Ani jiruu tiyya jibbeera;
haga bara baraa le'iisa hin barbaadu;
barri jiruu tiyyaa gabaabaa waan te'eef
na lakkis.
17«Akka nama barbaachisaa te'e tokkootitti akka isa ilaaltuuf,
akka guddoo isa yaadattuufille nami maan inni?
18Ati ganama ganama isa hin ilaalta;
yennaa mara isa hin qorqorta.
19Haguma hancufa liqinsu
ila ana irra hin deebifattuu?
20Waaqa namoota eeddu,
ani yoo cubbuu huje maan si godhe?
Maaf waan itti xiyyeeffattu na godhatte?
Ani hagana mara ba'aa sitti te'ee?
21Ati maaf balleessaa tiyya naaf hin araaramin?
Maaf yakkaa tiyya ana irraa hin balleessin?
Ani amma waan awwaalamuuf,
ati na hin barbaadda,
ani ammoo hin jiru» jedhe.

¿Sabías que…?
El Lamento de Job sobre la Fragilidad y el Sufrimiento Humano
- Job compara la existencia humana con la dura vida de un jornalero que anhela la sombra del atardecer y su paga, e ilustra la brevedad de los días mediante la imagen de la lanzadera de un tejedor.Fuentes: el propio texto bíblico
- En su lamento, Job describe el Seol como un destino sombrío del cual nadie regresa a la vida terrenal, comparando la desaparición del hombre con una nube que se desvanece.Fuentes: el propio texto bíblico
- Job cuestiona por qué Dios lo somete a una vigilancia incesante, preguntando si acaso él es tan peligroso como el mar o un monstruo de las profundidades para requerir una guardia continua.Fuentes: el propio texto bíblico
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org