Nations Bible

Revelation 14

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

Hoolichaa Fi Kolbaa Isaa

1Achiin duuba midhadhee, Hoolichi gaara Xiyoonii irra dhaabbatuun dhagge; worri maqaan isaatii fi maqaan Abbaa isaa adda isaaniititti barreeffameerulle, namooti kuma dhibbaa fi kuma afurtamii fi afur isa woliin jiraniiyyu. 2Qoonqoo akka qoonqoo bisaan heddu'uutii fi gikkeessa mandiisuu guddo'oo jirtu ol-gubbaa keessaa dhage'e; qoonqoon ani dhage'e sun qoonqoo kiraara gugurda'aa ka worri kiraara dhowu dhowuu fakkaatti. 3Isaanille barcumaa mootumma'aa duratti, dadi lubbuu qaddu afurii fi maanguddoo diddamii fi afur duratti faaruu haareya faarsane. Worra lafa irraa wodame, worra kuma dhibbaa fi kuma afurtamii fi afur malee, nami tokkolle faaruu san baratiisaaf hin dandeenne. 4Worri kun waan qulqullumma'aan ifi eegataneeranuuf, worra dubartii bira dhaqiisaan ifi batteesseeruu moti; isaan qeedho'o. Isaan gara Hoolichi deemu mara gula deeman; isaan kun worra Waaqaa fi Hoolichaaf akka angafoota te'anuuf, sanyii namaa keessaa wodamane. 5Afaan isaanii keessalle'etti dharti ijjumaa hin dhagganne; isaan worra komii hin qanne.

Ergantoota Waaqaa Sadiin

6Achiin duuba ergamaan Waaqaa ka dhibiin wodhakkaa ol-gubba'aa keessa koolaan ka'uun dhagge; innille Oduu Gammadaa ta bara baraa, ta worra lafa irra le'u maraaf, gosa biyya adda addaa maraaf, gosa maraaf, afaanii fi kolbaa maraaf lallabu qabateera. 7Inni qoonqoo guddo'oon, «Guyyaan muraa isaa waan geyeef, Waaqa sodaadha'a, ulfinnalle kenna'aaf! Ka ol-gubba'aa fi lafa, abbaaya'aa fi madda bisaanii dadeef sagada'a!» jedhe.

8Ergamaan Waaqaa dhibiin, ka lammeesso'oo, ka qaraatitti aanee, «Baabiloniin guddoon jidde! Jidde! Isiin gosi biyya adda addaa marti, daadhii woyni'ii ta sagaagala isi'ii, ta macheessitu akka untu tolchiteerti» jedhe.

9Ergamaan Waaqaa dhibiin, ka sadeesso'oolle, isaanitti aanee qoonqoo guddo'oon, «Nami bineensaa fi fakkii isaatiif sagadu, ka beessisa isaalle adda ifii irratti yookiin harka ifii irratti godhatu mara, 10daadhii woyni'ii ta mufii Waaqaa hin una; daadhiin woyni'ii sunille ta adoo hin makamin muduunuu mufii Waaqaatitti naqanteertu; akkasuma inni ergantoota Waaqaa woyyootaa fi Hoolicha fuula duralle'etti ibiddaa fi dhakaa bobe'uun hin farra. 11Aarri farra isaaniille bara baraa haga bara baraa ol hin baya; worri bineensaa fi fakkii bineensaatiif sagadu, yookiin worri beessisa maqaa isaa godhatu mara halkanii fi guyyaa foora hin qabu» jedhe.

12Kolbaa Waaqaa ta ajaja Waaqaa eeggatanuu fi Yesuusille'eef addatamiisaan jabaatanu irraa ciniinnatanee ossiis yennaa tana barbaachitti.

13Achiin duuba ol-gubbaa keessaa, «Haganaa achi worri Gootta'aan jiraataa du'u, worra badhaadhe jedhii barreessi» qoonqoo jettu dhage'e. Ayyaannille, «Ee, hujiin isaanii waan isaan hordottuuf, dadhabbii ifii irraa hin foorfatan» jedha.

Mufii Gootta'aa Lafa Irratti

14Achiin duuba midhadhee, duumensa adii tokko dhagge; ka ilma namaa fakkaatu tokkolle, kallacha worqi'ii mata'atti keyatee, haantuu qara qaddu harkatti qabatee, duumensa san irra te'eeraayyu. 15Ergamaan Waaqaa dhibiin, Galma Waaqaa san keessaa bayee, ka duumensa irra tee'e saniin, «Wonni lafa tanaa ta haammantu guutumatti bilchaateerti; yennaan haamma'aalle waan geetteertuuf, haantuu teetiin haam!» jedhee qoonqoo guddo'oon iyye. 16Maarre, ka duumensa irra tee'eeru sun haantuu ifii lafa irra wolaase; lattille haamante.

17Ergamaan Waaqaa ka dhibiin, Galma Waaqaa ka ol-gubbaa keessa jiru keessaa baye; innille haantuu qara qaddu qabaayyu. 18Ergamaan Waaqaa ka dhibiin, ka ibidda irratti baallii qabu, addee ciincaan itti ciinceffamu biraa baye; inni ergamaa Waaqaa ka haantuu qara qaddu qabateeruun, «Unkuruurri midhaan muka woyni'ii waan bilchaateeruuf, haantuu teetiin unkuruura midhaan muka woyni'ii, muka woynii lafa irraa muriitii wolitti qabi» jedhee qoonqoo guddo'oon iyye. 19Ergamaan Waaqaa sunille, haantuu ifii lafa irra wolaasee, unkuruura midhaan muka woynii lafaa mara muree, addee midhaan woynii mufii Waaqaa guddo'oon itti cunfantutti qolaanse. 20Woyniin sunille qacha'aan alatti addee woyniin itti cunfantutti cunfante; dhiigi haga lugaama fardaa ol dheeratuu addee woyniin itti cunfantu san keessaa bayee, haga kiiloo meetira dhibba sadii lola'e.

Artistic illustration — an interpretation, not a historical record.

Did you know?

The Lamb on Zion, Babylon's fall, and the harvest

  • In this vision the Lamb stands on Mount Zion with 144,000 who have his name and his Father's name written on their foreheads. Mount Zion was the south-eastern hill of Jerusalem, one of the heights on which the city was built; it rose 105 feet above Mount Moriah and was surrounded by deep valleys on every side except the north. David took it from the Jebusites, built a citadel and a palace there, and it became known as the city of David.Sources: the Bible text itself · Mount Zion
  • A second angel announces that Babylon the great has fallen, the one who made all the nations drink the wine of the passion of her immorality. Babylon is the Greek form of Babel; the Semitic name Babilu means “The Gate of God,” and in the Assyrian tablets it means “The city of the dispersion of the tribes.” The city stood on the Euphrates, about 200 miles above that river's junction with the Tigris.Sources: the Bible text itself · Babylon
  • The chapter closes with two harvests. One like the Son of Man, with a golden crown and seated on a white cloud, swings a sharp sickle because the crop of the earth is ripe. Another angel gathers the ripe grapes from the vine of the earth and throws them into the great winepress of God's wrath, trodden outside the city.Sources: the Bible text itself

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Places in this chapter

  • Mount Zion · 31.772, 35.229 · verse 1
  • Babylon · Today: Rome · 41.892, 12.485 · verse 8

Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.