Revelation 13
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Bineensota Lama
1Kanaan duuba bineensi tokko abbaayaa keessaa bayuun dhagge. Bineensi sun gaafa kudhanii fi mataa torba qaba; gaafota ifii irralle'etti kallacha kudhan, mataa ifii irralle'etti maqoota Waaqa faanshessanu qaba. 2Bineensi ani dhagge sun qeeransa fakkaata; miilli isaa ammoo miila doobba'aa fakkaata, afaan isaalle afaan neenqaa fakkaata. Jawween tun hunna ifii, barcumaa mootummaa ifiitii fi baallii ifii guddoo bineensa sanii kennite. 3Matoota bineensa sanii keessaa mataan tokkochi madaa ijjeettu waan qabu fakkaata; ammoo madaan sun fayyiteerti. Biyyi duudiin baaseffattee, bineensa san hordotte. 4Jawween baallii ifii bineensa kanaaf waan kenniteef, namooti isi'iif sagadane; akkasuma bineensa sanille'een, «Ka akka bineensa kanaa jiru eennu? Eentu isa loliisaaf dande'a?» jedhaa sagadaneef.
5Afaan jecha kooraa ittiin dubbatuu fi Waaqa ittiin faanshessu bineensa saniif kenname; ji'a afurtamii fi lama baalli'iin akka hujuufille eeyyam kenname. 6Innille Waaqa, maqaa Waaqaa, addee ulfaattuu Waaqi le'uu fi worra ol-gubbaa keessa le'u faanshessiisaaf afaan banate. 7Akka inni woyyoota lolee injifatuuf hunni isaaf kennante. Gosa, kolbaa, afaanii fi gosa biyya adda addaa mara irralle'etti baalliin kennanteef. 8Haga biyyi lafaa dadantee jalqabee, worri maqaan isaanii kitaaba jiru'uu ka Hoolicha qalamee keessatti hin barreeffamin, namooti lafa irra le'anu marti bineensa saniif hin sagadan. 9Nami gurra qabu dhage'uu ti! 10Nami booji'amu, hin booji'ama; nami shallaaga'aan ijjeefamu shallaagumaan ijjeefama. Ciniinnatanee ossiisaa fi addatamiisi kolbaa Waaqaa yennaa tana barbaachitti.
11Achiin duuba bineensi dhibiin lafa keessaa bayuun dhagge. Akka hoole'ee gaafa lama qaba, ammoo akka jawwe'ee dubbate. 12Inni maqaa bineensa qaraatiin baallii guutu'uun hujiisatti jiraayyu; lafaa fi worri isii irra le'anu maraa, bineensa qaraa ka madaa ijjeettu irraa fayye akka waaqonfatanu godhe. 13Kolbaa duralle'etti haga ibidda ol-gubbaa irraa gad gara lafaa buusiisaatitti bilbaasa gugurddaa huje. 14Maqaa bineensa qaraatiin bilbaasa akka hujuuf baalliin waan kennanteertuuf, worra lafa irra le'anu wollaalchise; bineensa shallaaga'aan madayee, ammoo ka lubbu'uun jiruuf, fakkii akka dhaassisanuufille ajaje. 15Fakkiin bineensa qaraa dubbatiisa akka dandeettu hafuura akka isi'iif kennuu fi worra fakkii tanaaf hin saganne maraa akka ijjeesisuuf baalliin kennante. 16Akkasuma diqqa'aa fi guddaan, dureessii fi hiyyeessi, gootta'aa fi garbichi marti harka middicha irratti yookiin adda ifii irratti beessisa akka godhatanu hunnaan tolche. 17Beessisa bineensa qaraa ka maqaa isaa yookiin laakkossa maqaa isaa mudhisu, yoo ifi irraa qabaate malee, nami tokkolle bitatu'uu fi gurguratuu akka hin dandeenneef akkasi tolche.
18Wonni tun qarummaa barbaaddi. Laakkossi kun laakkossa namaa waan te'eef, nami qalbii qabu maraa laakkossa bineensa kanaa herregee bira gewuu ti; laakkossi isaalle, dhibba jaa fi jaatamii fi ja.
Did you know?
Two Beasts, Worship, and the Number 666
- The first beast rises out of the sea with seven heads and ten horns, with ten royal crowns on the horns and blasphemous names on the heads. It is like a leopard, with the feet of a bear and the mouth of a lion, and the dragon gives it his power, his throne, and great authority.Sources: the Bible text itself
- One of the heads appears to be mortally wounded, but the mortal wound is healed, and the whole world marvels and follows the beast. People worship the dragon who gave the beast its authority, and they worship the beast; it is allowed to speak arrogant blasphemies and to act for forty-two months, to wage war against the saints and conquer them, and to hold authority over every tribe, people, tongue, and nation.Sources: the Bible text itself
- A second beast rises from the earth with two horns like a lamb, but it speaks like a dragon and exercises all the authority of the first beast. Through great signs, even fire coming down from heaven, it deceives earth's inhabitants into making an image of the beast that was wounded by the sword and yet lived, and it requires all people, small and great, rich and poor, free and slave, to receive a mark on the right hand or the forehead so that no one can buy or sell without it. The chapter calls for wisdom to calculate the beast's number, the number of a man: 666.Sources: the Bible text itself
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org