Revelation 15
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Ergantoota Waaqaa Torbaa Fi Balaa Torba
1Achiin duuba beessisa gudda'aa fi kancira te'e tokkolle ol-gubba'atti dhagge. Ergantoota Waaqaa ta balaa muumme'ee torba qabatteertu dhagge; mufiin Waaqaa isaaniin waan muummottuuf, ka muumme'ee jedhamane.
2Ammalle waan ibiddaan makameeru ka abbaayaa daaw'iti'ii fakkaatu tokko dhagge; worra bineensa, fakki'ii fi laakkossa maqaa isaa injifateerulle, cinaa abbaayaa sanii dhaabbataneeranuun dhagge. Isaanille kiraara guddicha Waaqa biraa kenname qabatanee, 3faaruu garbicha Waaqaa ka Muuse'eetii fi Ka Hoolichaa faarfatanee,
«Waaqa Goottaa waan mara dandeettu,
hujiin teeti guddo'oo fi baasa!
Ati mootii gosa biyya adda addaa,
karaan keeti qajeela'aa fi dhuga'a!
4Gootta'a! Nami si hin sodaanne,
ka maqaa keetille hin guddinne eennu?
Si calla'attuu woyyicha;
hujiin teeti balchittiin waan mudhatteef,
gosi biyya adda addaa mara dhufee,
si'iif hin sagada» jedhane.
5Kanaan duuballe'etti waan dhibii dhagge. Galmi Waaqaa ka ol-gubba'aa, ka dunkaanii dhugaa bayaa jedhamu baname; 6ergantooti Waaqaa ta balaa torba qabatteertu, Galma Waaqaa keessaa gadi bayane; isaan woyaa quncee talba'aa irraa hujante, adii calalaxxu uffatanee qoma ifiille hidhata worqi'iitiin hidhataneeran. 7Achiin duuba dada lubbuu qaddu afur keessaa tokkochi, qorii worqi'ii torba ta mufii Waaqa bara baraa haga bara baraa jiraatuutiin guutanteertu, ergantoota Waaqaa torba sanii kenne. 8Galmi Waaqaa sunille aara ulfinnaa fi hunna Waaqaatiin guutame; haga balaan torba ka ergantoota Waaqaa torbaa muummottutti, eennulle gara Galma Waaqaa seeniisaaf hin dandeenne.
Did you know?
The Song and the Seven Final Plagues
- Revelation 15 opens with a sign in heaven: seven angels with the seven final plagues, by which, the text says, the wrath of God is completed.Sources: the Bible text itself
- Beside a sea of glass mixed with fire stand those who had conquered the beast, its image, and the number of its name. They hold harps from God and sing the song of God's servant Moses and of the Lamb.Sources: the Bible text itself
- The temple in heaven, called the tabernacle of the Testimony, is opened, and seven angels come out dressed in clean, bright linen and girded with golden sashes. One of the four living creatures gives them seven golden bowls full of the wrath of God, and smoke from God's glory and power fills the temple so that no one can enter until the plagues are completed.Sources: the Bible text itself
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org