Nations Bible

Psalms 80

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

Adde'etti Deebi'iisa Israa'eliitiif Daadimata Dhikaate

Sooressa faarfattootaatiif, faaruu Asaafii ta akka yoyyoma faaruu, «Daraaraa» jedhantee beekkantutti faarfatante, ta dhugaa bayiisaa.

1Ee tissee Israa'elii,

ka sanyii Yoseefii akka hoole'ee sooressitu,

ka barcumaa mootumma'aa keeti

ka wodhakkaa dada ol-gubba'aa

ta koola qadduu irra teetteertu,

nuu dhage'i;

ifa keeti issiitii,

2sanyii Efreemii, sanyii Beniyaaminiitii fi

sanyii Minaasee duratti mudhisi.

Hunna teetiin ka'iitii,

koyii nu baasi.

3Ee Waaqa adde'etti nu deebisi;

nuu marariitii nu baasi.

4Ee Mootii Waan Maraa

Waaqa waan mara dande'u,

haga yoomii daadimata kolbaa teetiititti aarta?

5Ati imimmaan akka sagale'ee isaan areerte;

akka bisaanii imimmaan isaan obaatte.

6Gosi biyya adda addaa ta ollaa keennaa,

lafa teenna fudhatiisaaf

akka wol lolanu goote;

diinoti keennalle nutti murgane.

7Ee Waaqa waan mara dande'u,

adde'etti nu deebisi;

nuu marariitii nu baasi.

8Ati muka woyni'ii biyya Gibxi'iitii fiddee,

gosa biyya adda addaa ariitee baattee,

lafa san keessatti dhaadde.

9Ati lafa san cirteefii,

muki woyni'ii sunille hidda gad fageeffatee,

lafa san guute.

10Gaaroti gaaddisa isaatiin gollamane;

dameeleen isaalle hindheensa gugurdaa gollite.

11Dameelee ifii haga abbaayaa Mediteraaniya'aa,

kichuu ifiille haga laga Efraaxiisii diriirfate.

12Ati maaf dalleya isatti marfameeru irraa diiddee,

nami karaa san dabaru marti

midhaan isaa irraa guurata ree?

13Gurreen gongoma'aa irra sirban;

bineensi marti irraa nyaatan.

14Ee Waaqa waan mara dande'u,

gara keenna deebi'i;

ol-gubbaa irraa gad nu ilaalii, nuu dhaggi;

muka woyni'ii kana kunuunsi.

15Muka harki keeti middichi dhaabe kana,

biqiltuu ifiif guddifate tana eegi.

16Diinoti muranee, ibiddaan gubaneeran;

xixxaa teetiin isaan ilaalii, isaan balleessi.

17Nama harka keeti middicha keessa jiru,

ka ifiif jabeeffatte,

harki keeti isa irra jiraatuu ti.

18Achiin duuba nuuti

ijjumaa si irraa duubatti hin deebinu;

jiruu nuu kenni;

nuutille maqaa keeti waammanna.

19Ee Mootii Waan Maraa

Waaqa waan mara dande'u,

adde'etti nu deebisi;

nuu marariitii nu baasi.

Artistic illustration — an interpretation, not a historical record.

Did you know?

A Prayer for the Uprooted Vine

  • The psalm specifically mentions Ephraim, Benjamin, and Manasseh, tribes closely linked by descent from Rachel through Joseph and Benjamin. During Israel's wilderness wanderings, these three tribes were assigned to camp and march together on the western side of the tabernacle.Sources: Benjamin (patriarch) · Manasseh (son of Joseph) · the Bible text itself
  • The author uses an extended allegory comparing the nation of Israel to a grapevine brought out of Egypt and replanted in Canaan. The song laments that God had torn down the protective vineyard walls, leaving the fruitful vine exposed to wild beasts and passersby.Sources: Egypt · the Bible text itself
  • This poem is part of a distinct collection spanning Psalms 73 through 83 attributed to Asaph. The biblical record describes Asaph as a leading Levite musician in the time of King David whose musical guild or descendants continued his tradition in temple worship.Sources: Asaph (Levite) · the Bible text itself

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Places in this chapter

  • Egypt · 30.129, 31.308 · verse 8
  • Euphrates · Today: Euphrates River · 31.004, 47.442 · verse 11
  • Great Sea · Today: Mediterranean Sea · 31.805, 34.170 · verse 11

Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.