Psalms 79
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Daadimata Nageya Biyyaatiif Dhikaate
Faaruu Asaafii.
1Ee Waaqa, gosi biyya adda addaa
lafa teeti fudhatiisaaf nu lolaneeran;
Galma Woyyicha keeti batteessaneeran;
Yerusaalemille diiganeeran.
2Reeffa tajaajiltoota teetii allaatti'iif,
foon addatantoota teetii bineensaaf
sagalee godhaneeran.
3Isaan adaala Yerusaalemiititti,
dhiiga isaanii akka bisaanii dhangalaasaneeran;
nami isaan awwaalulle hin jiru.
4Nuuti gosa biyya addaa
ta ollaa keennaatiif shasha,
gosa biyya adda addaa ta adaala keennaatiif,
waan murgo'ootii fi waan coora'aa teeneerra.
5Ee Mootii Waan Maraa,
kun haga yoomii akkas te'a?
Ati haga bara baraa aartaa?
Hinaaffaan teeti
haga yoomii akka ibiddaa bobeetti ree?
6Mufii teeti gosa biyya adda addaa
ta si hin beenne irratti,
mootummoota maqaa keeti hin waammanne
irralle'etti dhangalaasi.
7Wonni tana gootuuf,
isaan kolbaa Yaaqoobii fixaneeran;
qe'ee isaanii onsaneeran.
8Yakkaa abbootii teenna ta durii,
nutti hin laakkowin;
mataa keenna guddoo waan gad qabanneef,
marartiin teeti ariiti'iin gara keenna dhuttuu ti.
9Ee Waaqa fayyisaa keenna,
ulfinna maqaa keetiitiif jedhii nu qarqaar;
maqaa keetiif jedhii nu baasi;
cubbuu teennalle nuu araarami.
10Gosi biyya adda addaa maaf,
«Waaqi isaanii meet?» jedhanee gaafatan ree?
Dhiiga tajaajiltoota teetii ka dhangalaafameef,
ila teenna duratti haluu bayiisi keeti,
gosa biyya adda addaa oddu'utti beekkamuu ti.
11Aadiis worra hidhamee si bira gewuu ti;
hunna teeti guddo'oon
worra duuti itti murante hamburi.
12Ee Gootta'a,
arraba worri ollaa keennaa si arrassane,
dachaa torba godhiitii itti deebisi.
13Achii duuba nuuti kolbaan teeti,
worri tika keeti jala jirru,
haga bara baraa si galateeffanna;
dhalootaa haga dhalootaatitti si leellifanna.

Did you know?
A Lament over the Destruction of Jerusalem
- Psalm 79 is titled a psalm of Asaph, placing it among a collection of psalms (Psalms 50 and 73–83) associated with the Levite musician and seer Asaph. In the biblical record, the title may also refer to the sons of Asaph, a recognized guild of temple singers and poets.Sources: Asaph (Levite) · the Bible text itself
- The psalm laments the defilement of the holy temple, the destruction of Jerusalem into rubble, and the unburied bodies left throughout the city. Jerusalem, known as the holy city and a mountain fastness, is portrayed here as having suffered devastating invasion by surrounding nations.Sources: Jerusalem · the Bible text itself
- The poem calls upon God for help because foreign nations have devoured Jacob and devastated his homeland. In biblical tradition, the name of the patriarch Jacob is frequently used as a poetic collective term for his descendants and their shared homeland.Sources: Jacob (Israel) · the Bible text itself
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org