Psalms 81
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Faaruu Guyyaa Jilaa
Sooressa faarfattootaatiif, faaruu Asaafii ta suusulle'een faarfatante
1Waaqa jabeenna keenna te'eef,
qoonqoo guddo'oon faarsa'a;
Waaqa Yaaqoobiitiif ilillisa'a.
2Faaruu jalqaba'a; dibbeelle dhowa'a;
maseenqoo namatti toltuu fi
kiraara guddicha dhowa'a.
3Baatii ji'aatitti, goobana ji'aatitti,
guyyaa jila teennaatitti tultullaa afuufa'a.
4Kun Israa'eliif seerata;
ajaja Waaqa Yaaqoobii ti.
5Inni yennaa biyya Gibxi'ii dhowiisaaf baye,
ajaja kana ijoollee Yoseefiitiif kenne.
Qoonqoon ani dur hin beenne takka,
6«Ani gurmuu teessan irraa ba'aa buuse;
harka keessan kollonjoo qabatiisa irraa bilisa baase.
7Isin rakkinna keessa na waammattane;
anille isin baase;
addee gollaa jirtu,
duumensa mandi'u keessaa deebii isinii kenne;
ani bisaan Mariiba'aa biratti haga isin ilaale.
8Ee kolbaa tiyya,
yennaa ani ifi isin eeggachiisu dhage'a'a;
ee Israa'el, adoo naaf dhageettanee jiraattanee,
attam attam dansa'a!
9Waaqoti alagaan odduu teessan hin jiraatin;
waaqota ormaaf hin sagadina'a.
10Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan,
ka lafa Gibxi'ii keessaa isin baase;
afaan keessan badhisa'aatii banadha'a;
anille hin guuta.
11«Kolbaan tiyya ammoo na hin dhageenne;
Israa'el naaf hin ajajanne.
12Maarre ani mataa jabeeyyii akka te'anuuf,
yaada ifiille akka hordofanuuf isaan lakkise.
13Kolbaan tiyya adoo naaf dhageettee jiraattee,
Israa'el adoo karaa kiyya ideentee jiraattee,
14ani silaa ariiti'iin
diinota isaanii hin jilbiissisaayyu;
harka kiyyalle
gara nyaapha isaanii hin deebifadhaayyu.
15Worri ana Mootii Waan Maraa jibbu
na duratti hin jiganiiyyu;
adabbiin isaaniille
haga bara baraa hin teetiiyyu.
16Ani ammoo silaa
qamadii dansaa isin Israa'el areeraayyu;
damma hollaalle isin quussaayyu» jette.

Did you know?
A Festival Call and Remembrance of Deliverance
- Psalm 81 calls for celebration during appointed festivals—specifically at the New Moon and full moon—accompanied by instruments such as the ram's horn, tambourine, harp, and lyre, recalling God's statutes established following the deliverance from Egypt.Sources: the Bible text itself · Egypt
- The imagery of relieving the shoulder from burdens and freeing hands from the basket directly reflects the forced brickmaking and construction labor experienced during enslavement in Egypt.Sources: the Bible text itself · Egypt
- The psalm mentions the waters of Meribah, an oasis landmark in the wilderness of Zin near Kadesh associated with the wanderings of Israel, where God tested the people and answered their distress.Sources: the Bible text itself · Meribah (of Kadesh)
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org