Psalms 25
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Waaqaan sooreffamiisaa Fi Eegamiisaafiille Daadimata Dhikaate
Faaruu Daawitii.
1Ee Mootii Waan Maraa,
lubbuun tiyya ol gara keeti yaaddi;
2Ee Waaqa kiyya, ani sitti addadha.
Akka fokkifadhu na hin godhin;
diinoti kiyya natti hin gammadin.
3Worri addii sitti godhatu hin fokkifatu;
worri si'iif hin addatanne ammoo hin fokkifatan.
4Ee Mootii Waan Maraa,
karaa keeti akka beeku na godhi;
daandii teeti na barsiisi.
5Ati Waaqa fayyisaa kiyya waan teeteef,
dhugaa teetiin na sooressii, na barsiisi;
ani yennaa mara addii si godhadha.
6Ee Mootii Waan Maraa,
marartii teetii guddo'oo fi
jaalala keeti ka bara baraa,
ka durii jalqaddee mudhitte yaadadhu.
7Ee Mootii Waan Maraa, ati dansaa waan teeteef,
akka jaalala keeti ka bara baraatitti
naa yaadadhu malee,
cubbuu dargaggummaa tiyyaa
yookiin yakkaa tiyya hin yaadatin.
8Mootiin Waan Maraa dansa'aa fi
balchaa waan te'eef,
inni cubbaaleyyii daandii ifii barsiisa.
9Inni worra gad ifi qabu haqaan sooressaa,
karaa ifiille isaan hin barsiisa.
10Worra gondooroo isaatii fi ajaja isaa eegatanuuf,
Mootiin Waan Maraa
jaalala ifii ka bara baraatii fi
addatamummaa hin mudhisa.
11Yakkaan tiyya bacaa waan teeteef,
ee Mootii Waan Maraa,
maqaa keetiif jedhii naaf araarami.
12Nami Mootii Waan Maraa sodaatu eennu?
Mootiin Waan Maraa
karaa inni filatu'uu male isa hin barsiisa.
13Inni jiruu dansaa hin jiraata;
sanyiin isaalle lafa hin dhaalti.
14Mootiin Waan Maraa
worra isa sodaatu dhossaa ifii itti hima;
inni gondooroo ifii
akka isaanitti beekkantu hin godha.
15Mootiin Waan Maraa
miila kiyya tiyyoo keessaa waan baasuuf,
ilti tiyya yennaa mara gara isaa ilaalti.
16Ani qofuu waan jiruuf,
cunqurfamaalle waan te'eef,
fuula keeti gara kiyya deebifadhuu,
naaf mararfadhu.
17Rakkinni kiyya bindilla'a;
farra tiyya jalaa na baasi.
18Rakkinnaa fi farra tiyya ilaali;
cubbuu tiyya mara naa araarami.
19Diinoti kiyya attam attam akka bacatanu ilaali;
attam akka isaan na jibbanulle ilaali.
20Na eegi; na baasi;
Ani waan sitti baqadheef,
akka ani fokkifadhu na hin godhin.
21Ani addi'iin waan si eegadhuuf,
addatamumma'aa fi qajeelummaan na eeganuu ti;
22Ee Waaqa, rakkinna isi'ii mara keessaa
kolbaa Israa'elii wodi.

Did you know?
A Prayer for Guidance and Forgiveness
- The psalm closely links divine guidance with personal pardon, asking God not only to teach His ways and paths, but also to forget the sins and rebellious acts of the speaker's youth while remembering His ancient mercy.Sources: the Bible text itself
- Although the prayer is primarily an individual's plea for deliverance from loneliness, affliction, and hostile enemies, its final verse expands into a collective request for God to redeem all of Israel from distress.Sources: the Bible text itself
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org